Morokoon yeroo jalqabaaf ministara mummee dubartii filatte

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Filannoo torban darbe Morookootti geggeeffameen, paartiin Authenticity and Modernity Party (PAM) jedhamu teessoo paarlaamaa keessaa baay'ina olaanaa kan argate yoo ta'u, Faaximaa Zahraa El Mansuurii ministira muummee dubartii jalqabaa Morookoo ta'uun filatamteetti.
Muudama kanaan, addunyaa Arabaa keessatti lammii Tuniziyaa Najla Bouden booda, Faaximaan dubartii lammaffaa mootummaa hooggantu taati.
Mootiin Morookoo Mohaammad 6ffaan, hoogganaa kubbaa miilaa biyyoolessaa fi nama siyaasaa beekamaa Foozii Leekjaa paartii tokko keessa jiraatus, Faaximaa Zahraa El Mansuurii ministira muummee akka taatuuf filataniiru.
Faaximaan, waggaa 50 kan taate yoo ta'u, yeroo dheeraaf kantiibaa magaalaa Maaraakaash taatee tajaajilteetti. Akkasumas, mootummaa kanaan dura ture keessatti ministirummaan tajaajilteetti.
Morookoon biyya sirna mootummaa abbaa gonfoo heera qabeessaan bulfamtu yoo taatu, aangoon siyaasaa fi raawwachiiftuu mootummaa keessaa hedduun harka mootichaa jira.
Ibsa injifannoo filannoo irratti ministara mummee tahuunshee labsamuun dura Faaximaan mootummaan ishee akka dubartiitti fudhachuudhaaf jijjiiramaa taasisaa jedhamuun gaafatamtee ture.
Isheen garuu gaaffii kana kallattiin hin deebisne, inumaa mooticha jajachuun biyyattii keessatti ''inni sagalee dubartootaa isa guddaa dha,'' jette.
''Mootiin nama oguma qabu dha, yoon akkaan mootummaa hogganuuf amantiin narra qabaate, anaaf kabaja guddaa taha,'' jetteetti.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Faaximaan Morokoo keessatti nama siyaasaa akkaan beekamtu dha.
Yunivarsiitii Mohaammad 5ffaa magaalaa Raabaat jirutti seera baratte. Ameerikaa fi Faransaayittis seera daldalaa dabalataan baratteetti.
Siyaasatti kan galte paartiinshee Pam bara 2008 hundeeffamuun booda dha. Bara 2009ttis kantiibaa dubartii jalqabaa Maaraakaash taate.
Waggoota shanan darbaniif Ministara Mummee Aziiz Akaanooch jalatti ministara daangaa, karooraafi imaammata magaalaa tahuun tajaajilteetti.
Bara 2024 hoggansa paartii Pam keessatti qindeessituu tahuunis hojjetteetti.
Faaximaan dubartii ''akka sibiilaa'' jedhamuun maqaa isheef kennamu akka hin fudhanne himuun ''ani dubartii akka sibiilaa miti, ani rogeettii bilisa taate dha jechuun baruullee Pam'f himteetti.''
Jiruu siyaasaa ishee keessatti Faaximaan ifatti waa'ee mirga dubartootaas tahe waa'ee walqixxummaa koorniyaa dubbatteet hin beektu.
Morokoo keessatti immoo dhiirri dubartii baayyee fuudhuun dhorkamuu qabaafi hin qabu kan jedhu dhimma falmiin irratti ka'uu yoo tahu, dhaala irrattis mirga qixxee qabaachuun dubartootaa dhimma falmisiisaa biraa dha.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Akka heera Morookootti mootiin nama mootummaa hogganu paartii filannoodhaan teessoo paarlaamaa mo'ate keessaa filata.
Paartiin Pam bara 2024 irraa qabee hogganaa waliigalaa tokko qabaachuurra hoggansa waloodhaan geggeefamaa ture.
Torbee darbe bu'aan filannoo beeksifamuun booda Faaximaan isheefi Lekjaa keessaa murteessuun gahee mootichaa akka tahe himteetti.
Sababa paartileen hogganaa waliigalaan geggeefamaniifi namni ministara mummee tahu isuma paartii hogganu waan taheef kanaan dura muudamni ykn filannoon kuni mallattoodhumaaf taasifama ture.
Paartiin Pam teessoo 97 kan qabu yoo tahu kanneen biroo waliin qindooma uumetu teessoo paarlaamaa 395 mootummaa hundeessuuf barbaachisu argata.


























