Paayilatootni qilleensarratti wal reeban, tokko waraaname xiyyaarris kallattii jijjiirrate

Madda suuraa, Reuters
Xiyyaara Dubaayii ka'ee gara Tel Aviiv imalaa ture irratti paayilatoota gidduu walitti bu'insi dhalatee paayalatiin tokko waraanamuu booda imalli xiyyaaraa gufate.
Xiyyaarri silaa gara Israa'el qajeele Israa'el qajeele deebi'ee Saawudi Arabiyaa qubachuuf dirqameera.
Miidiyaaleen Israa'el paayiletoota gidduu walitti bu'insi dhalachuu himaniiru.
Flightradar 24 ammoo xiyyaarri Flydubai Roobii Buufata Xiyyaaraa Dubaayirraa ka'e balalii eegalee sa'aa lama booda sagalee akeekkachiiftuu rakkoon dhalachuu himu dhageessise jedheera.
Maddeen Ittisaa Israa'el yaada kennaniin dhibdeen kan dhalate Paayilatiifi gargaaraa Paayilatii gidduutti ta'uu himaniiru.
Xiyyaara kun imaltoota 150 qabatee kan ture yoo ta'u irra caalaan isaanii lammiilee Israa'el ta'uun gabaafameera.
Xiyyaarichi buufata xiyyaaraa Israa'el Ben Guriyoon jedhamu qubachuuf ka'ee Saawudi Arabiyaa buufatata xiyyaaraa Tabuuk jedhamu qubachuuf dirqame.
Ministirri Haajaa Alaa Israa'el Benjamiin Netaaniyaahuu ibsa baaseen haalichi to'atameera, lammiilee Saawdii qubatan biyyatti galchuuf tattaaffiin godhamaa jira jedheera.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Riyooters imaltootarraa iyyaafatee akka gabaasetti namni aalbee qabate paayilatoota keessaa isa tokko lafaan dhayee bakki marti dhiigaan guutee akka ture dhagahuu gabaaseera.
Battala paayilatiin waranaametti xiyyaarri to'annoon ala ta'ee ssaffisa guddaan lafatti gadi bararuu akka jalqabe lammiin Israa'el tokko gaazexaa Israa'elitti himteetti.
Battala sanitti imaltootni hundi dhiphina guddoo keessa galuu dubbatte.
''Xiyyaarichi to'annoon ala ta'uu wayita hubannu baayyee akka malee rifanne'' jette. Wacniifi iyyii xiyyaaricha keessaa akka dhagaahamus himte.
Namni xiyyaarichaan imalaa ture tokko akka itti xiyyaaruichi to'annoo jala oolee gara Saawdii Arabiyaa imaluu danda'e Jarusaaleem Postitti himeera.
Paayilatiin tokko isa kan biraa wayita aalbeen waraanu, imaltootni teessoo paayilatiitti siiqanii jiran namicha isa waraane kutaa balaliisaa cockpit keessaa baasuu himeera.
Akka warri ijaan argan jedhanitti xiyyaaricha keessa Paayilatootni lama sababa turaniif ''isaanitti iyyee akka xiyyaara oofan gaafadhe'' jedha imalaan kun.
Paayilatiin miidhame hakiima ilkaanii xiyyaaricha keessa tureen deeggarsa fayyaa jalqabaa argachuu hime.
Buufatni xiyyaaraa Saawdii xiyyaarichi itti qubate ibsa baaseen paayilatootni lameenuu miidhamaniiru jechuun hospitaala geeffamuu ibseera.
Sababni walitti bu'iinsaa paayilatoota lamaanii ifa hin taane.





























