Qophiin ummanni keenya sirna ofii ijaarrachuuf qabu adda -MM Abiy

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti sagalee isaanii Oromiyaa, godina Jimmaa, bakka dhaloota isaanii Bashaashaa, buufata filannoo Harootti sagalee kennan.

MM Abiy erga sagalee isaanii kennaniin booda hirmaannaan ummanni filannoo kanarratti agarsiisaa jiru akkaan dinqisiifachuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Adeemsa dimokiraasii biyyattiin ijaaraa jirtu gufachuusuuf yaaliin gara garaa taasifamus, ummanni Itoophiyaa hololaaf osoo gurra hin kenniin sagalee isaa kennaa jira jedhan.

MM Abiy Ahimad filannoon baranaa kun akka karoora warra seenaa keessatti 'diinota Itoophiyaafi bitamtoota isaaniitiif' nagaan hin gaggeeffamu ture jechuun, kutannoon ummata Itoophiyaa agarsiisaan milka'aa jiraachuus himan.

MM Abiy warra seenaa keessatti diina Itoophiyaa jedhaniifi isaaniif akka bitamaniitti kaasan adda baasanii maqaa hin dhoofne.

MM Abiy "Filannoon bara kanaa hala amma argaa jirru kanaan naga-qabeessa ta'ee akka hin gaggeeffamne kan barbaadan seenaa keessatti diinonni Itoophiyaa, humnoota bitatan bitachuun bal'inaan bobbaasaniiru,'' jedhaniiru.

Haata'u malee, jaarmiyaan mirgoota namoomaa idil-addunyaa Aministii Internaashinaal aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa filannichaan dura "ukkaamsaa" sabaa-himaaleerratti cimsaniiru jechuun dhiheenya ibsa baasuunsaa ni yaadatama.

Aministiin ibsa Caamsaa 29, 2026 baaseen "Michoonni misoomaa Itoophiyaa fi qaamoleen mirgoota namoomaa idil-addunyaa waa'ee tarkaanfii 'tarsiimawaa'" jedhe kanaa sagalee isaanii akka dhageesssaniif waamicha dhiyeesseera.

MM Abiy duula filannoo kana gufachiisuu yeroo ibsan akkas jedhan: ''Piroppogaandaa hojjetaniiru. Itoophiyaa keessatti filannoo dimokiraatawaa gaggeessuun hin danda'amu amantaa jedhu akka qabannu yaalii taasisaniiru. Ummanni Itoophiyaa garuu duriyyu akkuma godhu yeroo baayyee murteessaa ta'eefi mudannoon jirutti miira gootummaa guddaa agarsiisuun ganmarraa kaasee karaan irra dhufe kana ummanni hiriiraan bahee filannoo gaggeessaa jira."

"Hawasi bal'a biyya keenyaa sirna ofii ijaarrachuuf fedhiifi kaka'umsi qabu adda. Sirna ijaarrachuun adeemsa waan ta'eef, jalqabiin har'a ummatarratti argaa jirru kun sirna ijaaruuf bu'uura jedhan."

Ummanni keenya galeefii jira, maal akka godhu ni beeka. Ololli diinaa soba, nu qooduuf ijibbaatus hin milkoofne. Kaleessaafi har'a Jimman ture biyya baayyee nagaadha, bareedaadha," jechuun dubbatan MM Abiy.

Ministirri Muummee Abiy haasaa sagalee isaanii Bashaashaatti kennaniin booda taasisan kanaan, filannoo kanaan imaanaa ummanni warra fialatamanitti kennu baayyee cimaa ta'uu kaasan.

Akka isaan jedhanitti, amma yaaddoon warra fialatan osoo hin taane, kan warra filatamaniitis jedhan.

"Kan filate caalaa, kan filatame osoo dhimmee irratti yaadee gaariidha. Kan na yaaddessu har'a warra filatu osoo hin taane warra filatamanidha.''

Harka qulqulluun, amanamanii, of kennuun akkamitti ummata isaan amane kana tajaajilu danda'u isa jedhu amma kan warra filatamaniif yaaddoo ta'uu qabu."

Waggaan shan itti aanan kan kanaan dura dadhabne caalaa dadhabuu gaafata kan jedhan MM Abiy, Itoophiyaa naannicha keessatti biyya adda duree taate arguuf hojii cimaa akka barbaachisu jala muruun dubbatan.

"Kanaaf qophii ta'uun nu yaaddessa, anaan na yaaddessa, kanaaf kana hubatanii warri fialataman itti of qopheessuu qabu."

Biyya jabduu taate ni ijaarra kan jedhan MM Abiy, "Kan mo'atan amanamummaan akka hojjetan, warri mo'aman ammoo akka kabajaan fudhatan nan gaaffadha," jechuun dhaaman.

"Haa jabaannu, haa cimnu. Jalqabiidha malee hojii baayyetu nu eeggata."

Waggaan shanan darban ni danda'ama kan jedhu yaalii bakkaa bakkaatti agarsiifne malee, ammallee jijjiirama barbaachisu biyyattii naannicha adda duraa akka taatu gochuuf hojii guddaan akka isaan eeggatus kaasan.

Fakkeenyaaf, Bashaashaa, Aggaaroo, akkasumas Jimma jijjiiramni ni jira garuu jalqabbiidhe malee gahaa miti.

Gaanfa/Baha Afrikaa keessatti Keeniyaa, Jibutiin ala gara shaakala dimokiraasiitti hin galiin jira jechuun, filannoon kun Gaanfa Afrikaa keessatti shaakala dimokiraasiif akka gargaarus eereera.

Nageenya ilaalchisuun gaaffiin kan dhiyaateef MM. Abiy, filannoon osoo jiruu nagaan akka hin jiraanne gochuun ykn wal ajjeesuun barbaachisaa mitis jedhan.

"Haalli filannoo akkasii yeroo jirutti, ummanni fedhii isaatiin waan barbaadu filachuu osoo danda'uu, wal ajjeesuun barbaachisaa akka hin taane ibsuun, nageenyi barbaachisummaan isa akkaan guddaa ta'uus dubbatan.

Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Amaaraa keessatti sababii qaamoolee hidhatanii socha'aniitiin wal qabatee rakkoon nageenyaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Hidhattoonni kunneenis filannoon kun akka hin gaggeeffamneef torban darbe keessa guyyootaaf daandii akka cufan dorsiisuun ibsa baasanii ture.

Mootummaa gamasaatiin filannichi nagaadhaan akka xumuramuuf nageenya eegsiisuu dabalatee qophiilee barbaachisuu hunda raawwachuuibsee ture.

Rakkoo nageenyaa furuuf murtee walqixa barbaada kan jedhan dursaan Paartii Badhaadhinaa MM Abiy, murteen nagaa fiduu qaama hunda akka ilaallatu dubbatan.

Kanaan dura biyyattii keessatti nagaa waaraa buusuuf tarkaanfii fudhatan kan yaadatan MM Abiy, "Isa hidhame hiikuu, isa baqate deebisuun, dhiifama gochuun, akkasumas obsaa agarsiisuun harka ballisnee simachuun hojiin hojjetame salphaa miti," jedhan.

Haata'u malee, kana akka dadhabinsaatti, ykn akka sodaatti yeroo ilaalametti jiraachuu ibsuun, nagaan gama mootummaa qofaan ilaalamuu hin qabus jedhaniiru.

Boombii biyya kamirraayyu ergame baatanii magaalaa keessa kan deemanii darbataniifi dhoosanii obbolaan isaa ajjeesaa jiran dhaabbatanii of ilaaluu akka qabanillee hubachiisaniiru.

Gochi akka kanaa hojii baandaati kan jedhan MM Abiy, kun furmaata argachuu akka qabu cimsanii gaafataniiru.

Karaa gocha humnaafi balleessaan deemuu dhiisuun, rakkoo waliin dubbachuun furachuun baratamuu qaba jechuun nagaa buusuun yeroo hundaa hojii isaanii ta'uu dubbataniiru.

Filannoo ummannii miiliyoona shantamaa ol filachudhaaf galmaa'unsaa himame kun naannoo Tigraay guutummaatti, naannoo Amaaraatti ammoo buufataalee 138 keessaa 8 irratti akka hin gaggeeffamne Boordiin Filannoo biyyattii beeksiiseera.