Penaalitii onnee deggartoota Arsenaal cabsitee PSG'tti seenaa horte

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Arsenaal Waancaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaa PSG morkatuus rukuttaa penaalitiin waancicha dhabeera.

Kubbaa xumuraa penaalitii kanaa kan rukutamemmoo taphataa Arsenaal guddoo gargaaree yoona akka gahan gumaache keessaa tokko kan ta'e Gabri'el Magaalezhidha.

Waancaan xumuraa taphataa kanaa akkanaan xumuramuun nama gaddisiisa jedhu xinxaltoonni.

Kubbaan mataa goolii gubbaa baate abdii deeggartoota Arsenaal waggaa dheeraaf waancicha eegaa turan dukkaneessite.

Faallaan kilabii Faransaay PSG walitti aansee waancicha injifachuun seenaa addaa galmeesse.

PSG'n injifannoo kanaan kilaboota jajjaboo Awurooppaa seenaa guddaa galmeessan keessaa tokko ta'eera.

Penaalitiidhaan 4fi 3'n Arsenaaliin mo'achuun isaanii erga bara 1993'ti kilabaa lammataa walitti aansanii mo'atan ta'aniiru.

PSG'n waggaa duras Inter Miilaan 5fi 0'n mo'achuun abbaa Chaampiyeens Liigii ta'anii turan.

Yeroo Gabri'el galchuu dhabee imimmaan harcaasuufi taphattoonni PSG gammachuun utaalan sammuu deeggartoota Arsenaal keessa galmaa'ee hafeera.

Kuni penaalitii jalqabaa Gabri'el Arsenaaliif rukutedha. Leenjisaan Arseenaal Mikeel Arteettaa ittisaan kuni ''haala kanaaaf qophaa'eera, leenji'eera'' jedhe.

''Rukuchuu barbaade,'' jedhe Artettaan. ''Yeroo kaan penaalitii kan rukutan Bukaayoo [Saakaa], Maartiin [Odigaard] fi Kaayi [Haavertiz] dha.

''Garuu taphichi gara rukuttaa adabbii xumuraatti yoo qajeele taphattoonni kaanis gargaaruu qabu.''

Ittisaan duraanii Arsenaal Maat Aapsan yeroo BBC Radio 5 Live'tti dubbatu, haalichi taphataan ittisaa duraanii Chelsii, Joon Teerii isa mudateen wal fakkeesse.

Waancaa Chaampiyeens Liigii xumuraa bara 2008 irratti Teeriin penaalitii xumuraa galchuu dhabee jennaan Maanchistar Yunaayitid injifateera.

Morkiin Arsenaal fi PSG Budaapest, Puskaas Arenaatti taasisan Arsenaaliif akkuma gaariitti eegalee ture.

Kaayi Haavertiz daqiiqaa jahaffaarratti galcheen Arsenaal dursuu eegale. Boodarra PSG'n penaalitii argatee Dembeleen galchee qixxaatani.

PSG'n kubbaa to'achuun caalmaa qabaatus taphicha irra aanuu hin dandeenye, kanumaan gara rukuttaa adabbii xumuraatti qajeele.

Arsenaal akkuma Yunaayitid bara 1999 fi 2008'tti godhe yookiin Maanchistar Siitiin bara 2023'tti taasise, bara tokko keessa waancaa Pirimeer Liigiifi Chaampiyeens Liigii mo'achuuf yaadee ture.

Garuu, hin taane. Taphattoonnii Arsenaal fi kaan Gabri'eliin jajjabeessaa jiru.

''Tapha xumuraa Chaampiyeens Liigii irratti penaalitii galchuu dhabuun miira gaarii hinqabu,'' jedha utubaan Arsenaal Deklaan Raayis TNT Sports'tti yoo dubbatu.

''Isaan jaalanna, isaan waliin jirra. Kubbaa miilaa keessa ni mudata. Tapha xumuraa irratti penaalitii galchuu dhabuun taphataa xumuraa hin ta'an.

''Namni hunduu penaalitii galchuu dhabee beeka, isaan malee Pirimeer Liigicha hin moonu ture.

''Gabri'el waan isa jedhu hin qabu akka namaattis, akka taphataattis. Eezeen bara dorgommii kana galchiiwwan ijoo galche.

''Ni mudata. Kuni kubbaa miilaadha, gara jabinadha. Irraa barannee fuula duratti qajeella.''

Gabri'eel taphattoota jalqabaa Mikeel Arteettaan bara 2019 Arsenaal yeroo leenjisuu eegale mallatteesse keessaati.

Bara dorgommii baranaa taphoota 63 Arsenaal taphate keessaa 48 irratti jalqabumarraa hiriiree taphateera.

Galchii sagaliis galche, akka galchii ta'us mijeesse - kuni kan Maartin Odigaard fi Gabri'el Jesuus gumaachan ni caala.

Ittisaan duraanii Maanchester Siitii Nedum Onuhaa BBC Sport'tti yoo dubbatu waan Gabri'el mudate laphee nama cabsa.

''Garuu, hunduu isa akka jajjabeessun yaada. Sababiin isaas isa malee waancaa Pirimeer Liigii hin mo'atan turan.

''Taphataa gatii jabeessadha,'' jechuun ibse.

Ittisaan duraanii Ingilaand Maat Aapsaniis yaada wal fakkaataa kaase.

Wanti mudate barabaraan yaadatama, keessumaa taphataa utubaa Arsenaal tureef hamaadha jedhe.

Garuu, deebi'ee bayyanatee garee isaa bira dhaabbata jedhee yaada.

Gammachuu hookkaratti jijjiirame

Injifannoo PSG booda Faransaayitti hookkarri ka'ee 400 ol to'annoo poolisii jala oolan

Tapha Chaampiyeens Liigii eda galgala PSG'n injifate hordofuun Faransaay keessatti deeggartoonni fi poolisiin walitti bu'aniiru.

Hookkarri ka'e magaalaa guddoo biyyattii keessatti tajaajila konkolaataa, baaburaa fa'i danqeera.

Deeggartoota gammachuu isaanii ibsuuf bahanii hookkara uuman to'achuuf poolisiin kumaatama bobbaafameera.

Poolisoonnis hookkara kana keessa miidhamaniiru.

Waggaa duras yeroo PSG'n waancaa fudhatu gammachuun hookkaratti jijjiirame lubbuun darbeera.