Tiraamp suuraa Iyyeesus isaan fakkeessu dhoobaniifi falmii kaase maali?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp erga mormiin itti cimee booda suuraa miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social irratti maxxansaniifi falmii kaase waan balleessan fakkaata.

Suuraan Iyyesuus Kiristoos isaan fakkeessu maxxansan kana deeggartoonni isaanii dabalatee cimsanii balaaleeffataniiru.

Suuraan Hubannoo Nam-tolchee (AI)'dhaan hojjetame kuni yeroo Tiraamp nama dhukkubsatee hospitaala keessa sirreerra ciisu fayyisaa jiran fakkaata.

Suuraan kuni ergaa barreeffama dheeraa Phaphaasii Kaatolikii Liwoo XIV erga qeeqanii barreessan booda dhooban.

Paaphaasin Kaatolikii Roomaa kuni waraana US fi Israa'el Iraan irratti banan cimsanii nama qeeqanidha.

Waa'ee suuraa maxxane kana boodarra ripportarootaaf kan mirkaneessan Tiraamp, hammina hin yaadne jechuun ''akka doktaraatti'' of fakkeessuuf akka dhooban himan.

Suuraan Tiraamp amma qoodame uffata adii uffatanii, harka isaanii adda nama dhukkubsateerra kaa'anii mul'ata.

Akka qeeqxonni jedhanitti, suuraan kuni kuni yeroo Iyyeesus Kiristoos nama laafe yeroo fayyisuun wal fakkaata.

Duuba suuraa kanarratti mallattoon siidaa US 'Statue of Liberty' jedhamu, alaabaan guddaa US, jeettii waraanaa, joobiraa, narsii, dubartii kadhattuufi loltuu uffata waraanaa uffate fakkaatu biratti mul'atu.

Erga suuraan kuni akka badu taasifame sa'aatii dheeraa booda Tiraamp suuraan suni doktara Fannoo Diimaa isaan fakkeessutti akka amanan himan.

''Doktara namoota fayyisuutti mul'isa,'' jedhan. ''Namoonni akka isaanitti wayyaa'u nan godha. Namoonni akka baay'ee itti wayyaa'u nan godha.''

Sababa suuraa sana haqaniif boodarra Ameerikaatti michuu BBC kan ta'e CBS'tti yoo dubbatan akkana jedhan.

"Namoonni akka bitaa itti galu hin fedhu. Namoonni bitaa itti galeera.''

Suuraa sana qooduu isaaniin namoonni isaanittiifi bulchiinsa isaanitti dhihoo jiran isaan qeeqaniiru.

''Kuni atattamaan haqamuu qaba,'' jechuun rogeessi Kiristiyaanaa walabummaa US waggaa 250ffaa kabajuuf hojjetaa jiran keessaa tokko dubbatan.

''Fudhatama hin qabu,'' jechuun qeeqan.

Rogeessi beekamaa Raaliy Geeyins gama isaaniin ''Waaqayyoon itti qoosamuu hin qabu,'' jechuun ibsan.

Qeeqni gara caalu miidiyaalee US dhimma amantaa dalaganirraa dhagahame.

''Wanti kuni fagaate. Daangaa ce'e,'' jechuun gaazexeessaan Kiristiyaan Biroodikaasting Netwoork Deevid Biroodi barreesse.

Suuraan falmii kaase kuni kan qoodame erga barreeffama Phaaphaasii Kaatolikii Liwoo qeeqan boodadha.

Phaaphaasichi yakkarratti hubannoo hin qaban jechuun Tiraamp isaan qeeqaniiru.

Lammiin Ameerikaa jalqabaa Phaaphaasii Kaatolikii Room ta'an kuni waraana Iraanitti adeemaa jiru irra deddeebiin balaaleeffataniiru.

Kunis, ''hookkara farra dhala namaaf'' ka'umsa ta'e jedhaniiti.

Gaafa Wiixataa Phaaphaasichi bulchiinsa Tiraamp akka ''hin sodaanne'' yookiin ''wangeela lallabuu'' akka hin dhiifne himan.

Tiraamp dhiifama hin gaafanne.

''Phaaphaasiin Liwoo waan dogongoraa dubbatan,'' jedhan.

''Iraaniin walqabatee waanan dalagu gara caalurratti faallaa kiyya jiru. Iraan nikulara qabaachuu hin dandeessu.''

Tiraamp suuraa Hubannoo Nam-tolchee (AI)'dhaan midhaaffame yoo qoodan kuni kan duraa miti.

Kana duras suuraa Baaraak fi Misheel Obaamaa qamalee fakkeessu akkaawuntii isaaniin erga qoodame booda, boodarra haqameera.

Yeroosis falmii jabaa eerga kaase booda haqame.