Tiraamp marii Iraanirraa waan guddaa barbaada - JD Vaansa
US bakka bu'uun Paakistaanitti Iraan waliin kan mariyatan ittaanaa pireziaantii US kan ta'an JD Vaans Tiraamp Iraan waliin mariin cimaan gaggeeffamee waan guddaa akka irraa barbaadu ibsan.
JD Vaans kana kan dubbatan turtii miidiyaa michuu BBC ta'e CBS News waliin taasisaniin yoo ta'u, Tiraamp Iraan akka salphaatti akka hin dhiifnefi waliigalteen godhamu kamuurraa waan guddaa US akka argattu barbaada jechuun ibsan.
Bakka bu'oonni Iraan Paakistaanitti US waliin mariyatan jijjiirama hamma tokko agarsiisuu kan dubbatan JD Vaans, Tiraamp garuu walii galtee xixiqqoo osoo hin taane "waliigaltee guddaan" akka taasifamu barbaada" jedhan.
Inumaayyuu "Waliigaltee Guddaa Tiraamp" akka barbaadus ibsuun, garuummoo Iraanifi US gidduu wal-amantaa dhabuun yeroo dheeraa waan tureef halkanuma tokkotti waliigalteerra gahama jedhamee akka hin eegnes dubbatan.
USfi Iraan torban darbe Paakistaanitti guyyaa lamaaf erga mariyatanii booda waliigaltee malee gargar bahuun, waliigalteerra gahuu dhabuuf ammo sababni "si'i" jechuun quba walitti qabaa turan.
Haa ta'u garuu, marichi irra deebiin yeroo dhiyootti akka gaggeeffamu Tiraamp ibseera.