Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan US buufataalee doonii Iraanitti balbala cufuu hin dhaabdu taanan Ulaa Hormuuz deebiseen cufa jechuun akeekkachiiste

US Ulaa Hormuuz dooniwwan daldalaa buufataalee doonii Iraan akka hin seennefi hin baane dhorkuu hin dhaabdu taanan Ulaa Hormuuz guutummaatti deebistee akka cuftu beeksifte.

Guduunfaa

Iraan US buufataalee doonii Iraanitti balbala cufuu hin dhaabdu taanan Ulaa Hormuuz deebiseen cufa jechuun akeekkachiiste

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, Iraan Ulaa Hormuuz deebistee cufte

    Iraan Ulaa Hormuuz cufuu beeksifte. Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti, humni waraanaa Iraan sochii Ulaa Hormuuz to'achuu eegaleera.

    Humnoonni Eedota Warraaqsa Islaamaa sochii Ulaa Hormuuz haala yeroo waraanni tureetti akka deebi'uuf cufuu eegaluusaa Fars News Agency dabalatee miidiyaalen biyyattii heddu gabaasan.

    Iraan kaleessa Ulaan Hormuuz guutummaan banuu beeksisuu hordofee dooniwwan daldalaa hammi tokko achirra darbuu eegaluu gabaafamee ture.

    Haa ta'u garuu US dooniwwan daldalaa buufataalee doonii Iraan akka hin seennefi achii akka hin baane uggura keesse hin kaasse hin kaasne.

    US uggura kana hin kaastu taanan, Ulaan Hormuuz deebi'ee akka cufamu afa yaa'iin paarlaamaa Iraan Mohaammad Baghaar har'a ibsanii turan.

    Humni Eegdota Warraaqsa Islaamaa ibsa baaseen, US hojii "wanbadeewwan galaanarraa hojjataa jirti" jedhe.

  2. Iraan daangaa qilleensaashee gariin deebiftee bante - miidiyaa Iraan

    Daangaan qilleensaa Iraan walakkaadhaan balallii idil-addunyaaf banamuu miidiyaan mootummaa Iraan IRNA gabaase..

    Abbaan taayitaa siivil aviyeeshinii biyyattii daangaan qilleensaa biyyattii fi buufataaleen xiyyaaraa sa'aatii biyyattii ganama sa'aatii 01:00 irraa kaasee banamuu hubachiise.

    Har'arraa kaasee balalliiwwan dhawaata bakkatti ni deebi'u, jedha gabaasni IRNA.

    Toorri balalliiwwanii gama baha biyyattii balalliiwwan idil-addunyaatiif banameera jedhe miidiyaan biyyattii kun.

    Daangaan qilleensaa Iraan Guraandhala 28, guyyaa US fi Israa'el haleellaa Iraanirratti bananii kaasee cufamee ture.

  3. Ulaa Hormuuz ilaalchisee waantoota haaraa jiran

    Iraan kaleessa Ulaa Hormuuz guutummaan banuu hordofee gaggeessitoonni addunyaa waan jedhan:

    Tiraamp - Waa'ee Iraan ilaalchisee Bahi Giddugaleessaa "haala gaariin deemaa waan jiru fakkaata" jedhe Tiraamp. Mariin USfi Iraan sambattan kan akka itti fufuu danda'u ibsuun "oduu gaaritu jira" erga jedhee booda maal akka ta'e "amma hin dubbadhu" jedhe.

    Kaleessa Tiraamp, fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth irratti "Iraan waliin 100% hanga waliigallutti" humni galaanaa US Ulaa dooniwwan daldalaa buufataalee doonii Iraan akka hin seennefi hin baane cufuu akka itti fufu ibsee ture.

    Afa yaa'ii paarlaamaa Iraan - Gama biraan ammoo afa yaa'ii paarlaamaa Iraan kan ta'an Mohaammad Bagheer Gaalibaaf dubbii Tiraamp "US waraanicha mo'atteetti" jedhee dubbate "soba adiidha" jechuun waa'ee Ulaa Hormuuz ilaalchisee akeekkachisa cimaa kennan.

    US Iraanitti balbala daldalaa cufuu hin dhaabdu taanan, Iraan deebistee Ulaaa Hormuuz "cufuu dandeessi" jechuun akeekkachiisan.

    Gaggeessitoota Awurooppaa - Kaleessa Pirezidaantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakroonifi MM UK Kiir Istaarmar akkaataa Ulaan Hormuuz banaa ta'ee itti fufu irratti gaggeessitoota biyyoota 40 waliin karaa onlaayinii mariyatanii turan.

    UKfi Faransaayi waliin ta'uun imalli daldalaa Ulaa Hormuuz akka hin danqamneef ergama idiladdunyaa akka dursan Istaarmar ibsan.

    Kunis haala mijataa irratti hundaa'uun bifa naga qabeessa ta'eefi ittisaa qofaan yeroo dhiyootti hojiirra ooluu akka eegalu ibsan.

    Pirezidaantii Chaayinaa - Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin Piing Iraan Ulaa Hormuuz banuusheetti akka gammadan Tiraamp beeksise.

    Dabaluunis, daawwannaan gara Chaayinaatti taasisuun Shii Jiin Piing wajjin wal-arguu Caamsaa 14-15 akka taasifamu ibsuun, "daawwannaa addaafi seena qabeessa ta'a" jedhe.

  4. Iraan Ulaa Hormuuz deebistee akka cuftu akeekkachiiste

    Iraan kaleessa Ulaan Hormuuz guutummaatti banamuu beeksistee turte. Har'ammoo deebistee akka cuftu akeekkachiiste.

    Af-yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummataa Iraanifi marii US waliin taasifame kan gaggeessan Mohaammad Baaghar Gaalibaaf, US dooniwwan daldalaa buufataalee Iraan akka seenaniifi bahan ugguruu hin dhiistu taanan Ulaa Hormuuz deebisnee cufna jedhan.

    Mariin USfi Iraan gidduutti torbee darbe Paakistaanitti gaggeeffame milkaa'uu dhabuu hordofee US dooniwwan daldalaa kamiyyuu buufataalee doonii Iraan akka hin seennefi hin baane uggurtee turte.

    Libaanositti dhukaasi dhaabbachuu booda Iraan Ulaan Hormuuz guutummaatti akka banamu gochuu ibsitus, US Ulaa Hormuuz Iraanitti akkuma cuftetti jirti.

    Gama biraan ammoo mariin Iraan waliin gaggeeffamu sambattan kana akka itti fufu Tiraamp ibsuun, waraanni Iraan yeroo gabaabduu keessatti akka dhumus ibseera.

    Waa'ee Ulaa Hormuuz odeeffannoo dabalataaf:

  5. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo kan har'aa eegalleera.

    Iraan US dooniwwan daldalaa buufatashee akka hin seennefi hin baane dhorkuu hin dhaabdu taanan Ulaa Hormuuz deebistee cufuu akka dandeessu ibsite.

    Odeessawwan waktawaa jala buunee isin biraan geenyaa nu hordofaa!

    Guyyaa gaarii qabaadhaa!