Maloota Arsenaal fayyadamee waancaa Shaampiyoons Liigii mo'achuu danda'u

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Gareen Mikeel Arteettaa Pirimeerliigii erga injifatee booda waancaa Shaampiyoons Liigii ammoo yeroo jalqabaaf injifachuuf shirshir jechaa jira. Haa ta'u garuu har'a PSG irraa falmii salphaan isa hin eeggatu.

Dorgommii Shaampiyoons Liigii bara kanaa keessatti Arsenaal injifatamuu dhiisuu qofa osoo hin taane taphoota 9 irratti Deeviid Raayaa irratti galchiin hin galle.

Gareen Luwiis Henerikee garuu dorgommii Shaampiyoons Liigii baranaa irratti galchiin osoo itti hin galin kan bahe taphoota shan qofa ta'us Arsenaal caalaa galchii heddu lakkoofsiseera. PSGn galchii 44 yoo lakkoofsisu, Arsenaal galchii 29 qofa lakkoofsise.

Lakkoofsa kana yaada keessa galchuun yoo ilaalle, dorgommii har'aa irratti garee galchii heddu lakkoofsisuufi garee ittisa cimaa qabutu waliif baha jechuudha.

Barbaachisummaa taphataa lakkoofsa 9 garaa garaa qabaachuu

Bara darbe yeroo Arsenaalifi PSGn walitti dhufanii PSGn garaagarummaa dhiphaan injifatee darbe sana taaktikni Arsenaaliif baay'ee hojjate jira- taphataa sarara gidduu kan ta'e Miikeel Meriinoo akka taphataa lakkoofsa 9tti itti fayyamuudha.

PSGn kubbaa qabatanii ariitin gara fuulduraatti deemuu, garee faallaa mudduufi taphataan tokko kubbaa qabatee taphataa garee faallaa bira darbuun beekamu. Arsenaal ammoo kubbaa duubaa gumeessee qabatee gara duraatti deemuun beekama.

Tapha garee lamaan akkasii keessatti taphataa bilisa ta'ee taphatu barbaaduun baay'ee murteessadha.

Miikeel Meriinoo gara gidduutti lixee gaafa taphatu taphataan sarara ittisa gidduu PSG Wiiliyaam Paachoo faana Miikeel Meriinoo faana dhahee duuka bu'uuf ni rakkata. Kuni ammoo PSGn taphataa dabalataa sarara ittisaarratti akka dhiisu dirqisiisa.

Taphattooni sarara gidduu PSG Meriinoo irratti gaafa xiyyeeffatan, Arsenaaliif carraa uumu- taphataan sarara gidduu Arsenaal bilisa ta'uun gareesaa gargaara.

Viiktoor Gaayikoreesh barana haala gaarirra jiraatus, yeroo dheeraaf miidhamarra kan tureefi tapha waancaa kanaaf miidhamarraa bayyanachuun kan himame, Miikeel Meriinoofi Kaayi Haveertz bakka Gaayikoreesh taphachuu ni danda'u.

Nama tokko tokkoon kubbaa qabachuun alatti kubbaa dheeraa jifattoota garee faallaa irraan dabarsanii kennuunis taaktikii bu'a qabeessa Arsenaal fayyadamuu danda'uudha.

Kubbaa dheeraa Deeviid Raayaa ergu Miikeel Meriinoofi Kaayi Haveertz qomaan qabbaneessanii lafa buusanii gara fuulduraatti qajeeluu irratti cimoodha.

Kaayikooreesh ammoo kubbaa dheeraa Raayaa ykn Raayis irra ergamuuf qabatee lafa bal'aa keesatti taphattootta ittisaa garee fallaa humnaan dhiibbatee itti fayyadamuutti cimina guddaa qaba- kuni mala biraa Arsenaal fayyadamuu danda'uudha.

Cimina bakka dhiphaa keessatti taphachuu

Bara darbe Arsenaal PSG irratti lakkoofsisuuf baay'ee rakkatee ture- kunis cimina karra eegaa duraanii Donaaruumaa irraa kan ka'eedha.

Donaaruumaan PSG bahee Maan Siitii galus, baranas PSG irratti galchiin baay'een hin lakkaa'amne. Garuummoo PSGn kilaba galchiin itti galuu danda'u Cheelsii, RC Leens fi Baayer Muunik agarsiisaniiru.

Kilaboonni kunneen taphattoota isaanii dirree gara tokkotti akka walitti qabaman gochuun, yeroo taphattoonni PSG heddu garas dhufan bakka duwwaa dirree keessa gara biraa jiru fayyadamuun galchii itti lakkoofsisaa turan.

Kubbaa bakka taphattoonni itti tuucha'an irraa gara taphattoonni PSG hin jirretti erguun salphaatti ittisa PSG cabsuun galchii lakkoofsisuun akka danda'amu taphoota PSG kana duraa irraa hubachuun ni danda'ama. Kanaaf, Arteettaan mala kana fayyadamuun injifachuu mala.

Arsenaal yeroo baay'ee giddu galeessa irraa ka'ee jifachuurratti ni sodaata. Kubbaa gidduutti dhabuun ammoo PSGn deebisee haleeluuf carraa banaaf. Kanaaf Arsenaal taphattoota bakka dhiphoo keessatti dandeettii dhuunfaa fayyadamanii taphachuufi dhiibbaa dandamachuu danda'an kanneen akka Tiroosaad, Saakaa, Ezeefi Haveertz fi Maartiin Zubimeendii irratti hundaa'uu danda'a.

Taphattoota PSG iddoo dhaabbataa hin qabne dhaabuu

Taphataan PSG Khvicha Kvaratskhelia, taphataa iddoo hundatti argamuufi qabuuf akkaan rakkisaa ta'eedha.

Saffisa, bakka dhiphoo keessatti taphachuu danda'uufi kubbaa sarara irraan fuudhee seenuun jifataaf erguu ykn ofii yaaluun beekama. Arsenaal taphataa kana dhaabuun dirqama itti ta'a.

Bara darbe Juuriyaan Timbar akka gaaritti taphataa kana qabee ture. Barana miidhama yeroo dheeraa irraa kan deebi'u ta'uusaarraa kan ka'e tapha kanarratti hirmaachuufi dhiisuun Timbar ifa miti.

Dorgommii PSGfi Baayern Muunik irratti Desaayir Duyee sarara irraa kutee seenuun yaaliin inni taasisu Muunikiif qormaata ture. Arsenaalis mala PSGn taphattoota bilisaan taphatan kanneen akka Duyeefi Khvicha Kvaratskhelia yoo ittise malee qormaata itti ta'uun waan hin oolle.

Arsenaal PSG injifachuu yoo barbaade taphattoonni PSG bakka bal'aafi yeroo akka hin arganne gochuu qaba.

Kana jechuun taphattoonni tokko tokkotti ramadamuun akka isaan kubbaa qabatanii yeroo gahaa hin arganne gochuudha.

Bara darbe Arteettaan taphattoonni akka Demebelee fa'aa kubbaa qabatanii yeroo itti gara galchiitti yaalan akka hin arganne gochuun Saalibaan addumatti Osmaan Dembeleetti ramadamee sochii dhorkee ture.

Taphattoonni PSG kubbaa akka qabatan yeroo kenninaafin duuka bu'uuf baay'ee rakkisoodha.

Kubbaan koornaa irraa dhiitamu tapha xumuraa kana ni murteessa

Arsenaal dandeettii kubbaa koornaa irraa dhiitamu gara galchiitti jijjiiruu qabu osoo hin eerin darbuun cubbuudha.

Bara dorgommii Shaampiyoons Liigii kana galchii 29 PSGtti gale keessaa jaha koornaa irraa dhiitamee kan itti galeedha. Gama kanaan PSGn dadhabina guddaa Arsenaal dhimma itti bahuu danda'u qaba.

Tootenhaam tapha Shaampiyoons Liigii PSGn injifatamerratti galchii sadi itti lakkoosise keessaa tokko koornaa irraa kan dhiitameedha.

PSGn kubbaa koornaa irraa dhiitamutti gammachuu hin qaban-gama kanaan dadhabina akka qaban beeku. Arsenaal ammoo kubbaa koornaa irraa dhiitamu lakkoofsisuurratti dorgomaa hin qabu.

Arsenaal tapha kanarratti kubbaa koornaa irraa dhiitamu ykn adabbiin kennamu bareechee itti fayyadamuu dandeenyan carraan dadhabina PSGn gama kanaan qabutti fayyadamee waancaa nyaachuusaa bal'aadha.