Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp dhimma waliigaltee Iraanirratti gorsitootasaa waliin Waayit Haawusitti wal-gahus 'murtee dhumaa' hin ibsin hafe
Donaald Tiraamp waa'ee waliigaltee Iraan irratti "murtee dhumaa dabarsuuf" gorsitootasaa waliin Waayit Haawusitti mariyatus, ittaanuu maaltu akka ta'u irratti waan ifa ta'e osoo hin kennin hafe.
Iraan nikulara boombii akka hin hidhanne, Ulaa Hormuuz akka bantuu akkasumas fanjii ulaa bishaanii kana keessa awwalte yoo ta'e, akka mancaastu "walii galuu qabdi" jechuun dubbatte.
Tiraamp gorsitoota isaa olaanoo waliin Waayit Haawusitti kan wal-gahe bakka yeroo rakkoon cimaan uumame murtee garaa garaa dabarsuuf itti wal-gahan 'Sichuweeshin Ruum' jedhamu keessatti.
Iraan dhimma nikularasheerratti akka hin mariyanne ibistee turte.
Kamisa darbe biyyoonni lachuu yaad-rimee waliigaltichaa, waliigaltee wal-hubannoo, jedhamurratti waliigaluufi Iraanifi qondaalonni olaanoon Iraan raggaasisuu qofti akka hafe qondaalonni US ibsanii turan
Akkaataa waliigaltee wal-hubannoo kanaatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyoota 60 kan dheeratu ta'ee yeroo kana keessatti dhimma sagantaa gabbisa nikularaa Iraan irratti mariin eegala.
"Pirezidaant Tiraamp waliigaltee Ameerikaaf gaarii ta'eefi sarara diimaa inni kaa'e milkeessuu danda'u qofaa fudhata. Iraan tasumaa boombii nikularaa qabaachuu hin dandeessu," jechuun qondaalli US tokko miidiyaa US michuu BBC ta'e CBS News tti himanii ture.
Erga gaafa Ebla 8, 2026 waliigalteen dhukaasa dhaabuu irratti waliigalamee as Tiraamp irra deddeebiin USfi Iraan waliigalteerra gahuuf fiixerra gahaniiru, mariin haala gaarin deemaa jira kan jedhu dubbataa ture. Garuu, hanga ammaa waliigalteen qabatamaan argame hin jiru.
Tiraamp Jimaata miidiyaa isaa Truth irratti, uggura humna galaanan Ulaa Hormuuz irra kaa'e akka kaasufo dooniwwan daldalaa danqamanii jiran akka gara biyyasaanii deeman akka taasisu barreesse.
Iraan yuraaniyaamee gabbate US fuutee akka mancaastu waliigaluus barreesse.
Walgahiin Tiraamp gorsitoota isaa waliin Sichuweeshi Ruum keessatti gaggeesse xumurumuu qondaallu Waayit Haawus BBCf mirkaneessan.
Tiraamp waa'ee wixinee waliigaltee wal-hubannoo dhiyaaterratti murtee maalii akka dabarse waanti ifa ta'e hin jiru.
Miidiyaan Iraan Fars News Agency akka gabaasetti dubbiin Tiraamp "sobaafi dhugaa kan makateedha" jechuun gabaase.
Waliigaltee wal-hubannoo biyyoonni lamaanuu irratti waliigalan keessatti Iraan yuraaniyeemii gabbate dabarsitee UStti kenniti kan jedhu akka hin jirre miidiyaan Iraan kun gabaase.
Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baaqei ammoo waliigalteen wal-hubannoo waa'ee waraana xumuruu malee dhimma nikularaa irratti waanti waliigalame homtuu akka hin jirre dubbatan.
Iraan yuraaniyaamii gabbisuu akka dhaabdufi kan gabbiste ammoo akka mancaastu gaaffii US yeroo dheeraaf gaafataa turteedha.
Iraan ammoo gabbisi nikularaashee kaayyoo siviliif malee waraanaf akka hin taane mormatti.