Gooroosoolee Sad. 2ffaa: M/B Injinar Taakkalaa Uumaa seenaasaa jijjiiran

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Finfinneerraa km 140 fagaatee aanaa Tokkee Kuttaayetti argama. Manni barnootaa Gooroosoolee erga hundeeffamee waggoota 70tti siqa.

Injinar Taakkalaa Uumaa barnoota sad.1ffaa hanga kutaa 6ffaa achitti baratan. Manni barumsa kun bara 2001 sadarkaa 2ffaatti ol guddate.

Hanqina manneen barnootaa sad.2ffaa turee fi baay'ina barattootaa dabalaa dhufetu dhiibee gara sadarkaa 2ffaatti akka guddatu dirqisiise malee manni barnootaa kun iddoo barnoota sad.2ffaaf madaalu hin turre.

Haalli mana barnootichaa fi tajaajilli isaa wal gatee ture hawaasaa fi hoggansa aanichaa boqonnaa dhowwe.

Dhimma kanas barataa duraanii mana barumsichaa, qondaala olaanaa biyyattii har'aa Injinar Taakkalaa Uumaatti iyyatan.

Manneen barnootaa har'a Itoopiyaan qabdu istaandardii Mana Barnootaa Gooroosooleetti maqaa dhahaman muraasa ykn hin jirani jechuun danda'ama.

Maaltu jijjiirame, akkamiin ji'oota muraasatti seenaan mana barnootaa kanaa bu'uurarraa jijjiirame?

BBC' n warra isaan ilaallaturraa iyyaafatee kana qopheesseera.

Mana Barnootaa Barawaaq

Manni Barumsaa Gooroosoolee sad.2ffaa gara sadarkaa 2ffaatti haa guddatu malee istaandardii mana barnootaa sad.2ffaa hin guutuu ture.

Mukaa fi dhoqqeedhaan ijaarame, dareewwan gahaan hin turre. Teessoon gahaa hin qabu. Daree tokkotti hanga barattoota 80tu barata. Kitaabaa fi mana kitaabaa laaboraatorii hin qabu jedhu barattoonni fi barsiisonni mana barumsa kanaa.

Haala mana barnootaa kanaan kan boqonnaa dhabe hawaasni fi hoggansi aanaa Tokkee Kuttaayee barataa duraanii mana barumsichaa fi qondaala har'aa Injinar Taakkalaatti iyyatan.

Manni barnootaa isaan keessaa bahan sadarkaa nama gaddisiisurra akka jiru hubachiisan. Kun Fulbaana dabre [2018 ALI] ture.

Injinar Taakkalaanis waamicha uummataa kanaaf owwaachuun dhaabbata hogganan Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii dabalatee qaamolee garaagaraa sochoosuun hojii seenaa mana barnootaa kanaa jijjiiru jalqaban.

Yeroo ji'oota saddeet hin caalle keessatti haall kaleessa isaa yaadachuuf rakkisu manni barnootaa kun jijjiirame.

Maqaan mana barumsichaas 'Bara-waaq' jedhamee moggaafameera.

Moggaasani kunis hawwiin bara dheeraa mana barnootaa kanaaf qabu deggarsa waaqaatiin waan jijjiiramee arganiif Waaqayyo yeroo isaatti [Bara isaatti] nu yaadate jechuuf akka moggaasan namoonni dhageenye.

Manni Barumsaa Barawaaq maal maal qaba?

Bulchaan aanaa Tokkee Kuttaayee Wayyeessaa Alamuu sadarkaa mana barumsaa kanaa yoo ibsan 'Istaandardii manneen barnootaa asiin dura beeknuu olitti hojjetame," jedhan.

"Istaadiyemiin hojjetamee jiru baay'ee miidhagaadha. Istaandardiin isaa kan eegame, tiraakiin istaadiyemichaa kan shaakala fiigichaaf ta'u jira. Dirreen kubbaa saaphanaa, dirreen kubbaa kachoo, dirreen kubbaa harkaa jira.

Namni gama kanaan taalentii isaa guddisuu akka danda'u bu'uura guddaa lafa nuu kaayeera."

Manni barumsa kun dijitaal laayibirarii [mana kitaabaa dijitaalawaa] fi laayibararii haardi koppii [mana kitaabaa idilee] qaba. Kitaaboni baay'inaan bitamanii guutamuus himanii jiru bulchaan.

"Laaboraatoriin isaa adda. Kan keemistirii kophaatti, kan baayolojii kophaatti, kan fiiziksii kophaatti kan inni qabu,"jedhu Obbo Wayyeessaan.

Kana malees, workishooshooppii barattoonni barnoota daree qofatti osoo hin daangeffamin ogummaawwan sibiilaa, mukaa fi kalaqawwan kaan itti baruu yookiis uumuu itti danda'an kan qabu.

Dareewwan barnootaa sadarkaa isaa kan eeggatani. Dareen tokko akkaataa barattoota 40 simatutti, bifa duraan baramerraa adda , karaa barataan dabareen ka'ee wal shaakalshiisuufi walitti naanna'ee taa'ee baratuun ijaarame.

Gabateewwan barnootaa gosa lama kan halluun [maarkarii] irratti barreeffamuu fi gabatee gurraacha boronqii adiin irratti barreeffamu ta'ee qophaaye.

Laawonchii barattootaa [manni shaayee fi aaragalfii hanga barattootaa 300 - 400 keessummeessuu danda'u hojjetameefii jira.

Mooraan isaa magariisa, barattoonni haala biqiltuu fi mooraasaanii kunuunsuu danda'anitti tolee dhume. Gama kanaanis mana barnootaa alaayillee yoo laalan hawwataa ta'e ta'uu himaniiru.

Dabalataan, barsiisonni hojii baruu fi barsiisuu isaaniirratti akka xiyyeeffataniif jecha kiraa manaa hin yaaddofne, manni jireenyaa istaandardii isaa eeggate 48 ijaarameefii jira.

'Sabni keenya guddaan yaadaan osoo walitti dhufee kanaa ol buusa'

Injinar Taakkalaan hojii kana gama leeccalloo fi humna namaa bakka adda addaa walitti qindeessuun ji'oota keessatti ijaarsisuun xumuran.

Hojii ijaarsa mana barnoota kanaa keessatti meeshaalee ijaarsaa naannichatti argamanitti dhimma bahameera. Ogeeyyiin Daandii Baaburaa Itiyoo -Jibuutii qooda fudhatanii jiru.

Maashinaroota Daandii Baaburaa tajaajilaaf oolanii jiru. Hawaasni naannoo, ogeeyyiin, abbootiin qabeenyaa fi kaampaanonni garaagaraa ogummaa, maallaqaa fi dandeettii qabaniin hirmaatanii jiru.

Injinar Taakkalaan, "labataaf waan bu'uura ta'e kaaye" jedhu bulchaan aanichaa.

Aangawoonni mootummaa, kanneen maqaa guddaa qaban hojii kanarraa waa heddu barachuu akka danda'anis himu.

"Inj. Taakkalaan yeroo kantiibaa Finfinnee tures nama seenaa hojjetedha. Finfinnee keessatti barnootni Afaan Oromootiin akka kennamu nama gahee olaanaa taphatedha, Maastarpilaaniidhaan wal qabatee dargaggoota Oromoo yaadaan gurmeessun waan sirriin hin taane yaadan mo'achuun akka danda'amu nama karaa akeekedha, hayyuudha," jedhu.

Kanarraas hayyuun barate iddoo keessaa bahe hubachuu, waan qabaniin wal deeggaranii [maallaqa qofaa miti], inni kaanis maallaqa dhabee miti yaada wanni guddaan jedhu.

Kuunis as keessatti of illaalee humnaa fi qabeenya walitti osoo fidee waan lammiisaa fayyadu, waan dhaloota duubaatiif galaa ta'u gumaachuu akka danda'u pirojektichi barnoota jabaa akka ta'u ibsan.

"Sabni keenya bal'aa dha. Gurmuu hedduu qaba. Yaadaan osoo walitti dhufee kanaa ol buuusa."

Mana barnootaa qofa osoo hin taane, namuu akka beekumsaa fi humna qabuun qonnarratti , fayyaarratti, ijaarsa qorqalbii uummataarratti osoo hojjetee waa hedduutu jijjiirama jedhan.

'Pirojektiin kun kan har'aa osoo hin taane kan boriiti'

Pirezdaantii itti aanaan mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii Injinar Taakkalaa hojii kana jajanii jiru. Taakkalaan gaggeessaa daraggeessa amaanaa ummataa galmaan gahu jedhan.

"Taakkalaan amaanaa kaleessa jaallan, ' uummanni Oromoo barachuu qaba, saba baratetu mirga isaa gaafata jedhanii maaraga lafa kaa'anii, ministeerummaa lafa kaa'anii, jeneraalummaa lafa kaa'anii kan akka Taaddasaa Birruu, Kol. Alamuu Qixxeessaa, Kol. Maammoo Mazammir fi kaan aarsaa kaffalaniif san qabatamaan har'a mana barumsa sad.2ffaa sadarkaa isaa eeggatee fi biyya kana keessatti fakkeenymmaa qabu Gooroosoolee keessatti hojjete saba isaatiif laateera'' jechuun nama kabaji maluuf akka ta'e dubbatan.

Hoji-gaggeessaan pirojektii kanaa Inj. Henook Boggaalaa, ji'oota dura wayita hojii kanaaf dhufnu homtuu hin turre jechuun ni danda'ama jedha.

Pirojektiin kun naannoo kana bu'uurarraa kan jijjiire, istaandardii mana barnootaa sadarkaa 2ffaa irra darbee sadarkaa yunivarsiitiifi wiirtuuwwan qorannootti yaadaman kan hidhate jedhan.

Akka giddugala gahumsa (center of excellence) ta'ee iddoo tajaajilu akka ta'u Inj. Henook dubbateera.

"Akka biyyaatti sirni barnootaa keenya maal fakkaachuu akka qabu sadarkaa tokko ol kan kaase. ...pirojektiin kun kan har'aa osoo hin taane kan boriiti.

Amma booda iskoolaarshiippiif Ameerikaa, Awurooppaa wanni deemnuuf hin jiru, biyya keenyaa bu'uuraalee akkasii yoo guutaman, biyya keenyaaf barnootaaf mijattuu akka taatu kan dandeessisu, pirojektii guddaa jijjiirama guddaa fide jedha Injinar Henook.

Hawaasni naannichaa gammachuu qaban ibsanii, pirojektichi hawaasa aanichaarra darbee damee barnootaa biyyattiif bu'uura jabaa ta'uu himaniiru.

Inj. Taakkalaa Uumaa eenyu?

Namni hedduun mormii Maastarpilaanii Qindaawaa Bulchiinsa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee fi Finfinnee bara bulchiinsa ADWUIkeessa tureen isaan yaadata.

Digriisaanii jalqabaa fi lammeessoo gosa barnootaa Injinariingiin Yunivarsiitii Finfinneerraa eebbifaman. Dabalataan ammoo Yuunivarsiitii Harvaardirraa gosa barnootaa Masters of Business Administration (MBA) fudhataniiru.

Yeroo ammaa Hoji-gaggeessaa Olaanaa Daandii Baburaa Itiyoo-Jibuutii ti.

Gara gaggeessummaa Daandii Baburaa Itiyoo-Jibuutiitti dhufuu dura Ministira Albuudaa fi Petroleum Itiyoophiyaa ta'uun waggoota lama oliif tajaajilaniiru.

Sana dura immoo baroota 2018 hanga 2020tti Kantiibaa Itti-aanaa magaalaa Finfinnee ta'anii tajaajilan.

Finfinnee bulchuu isaaniin dura Naannoo Oromiyaatti sadarkaa hoggansaa garaagaraa irra turanii jiru.

Dhaaba biyya bulchu kan duraan ADWUI ture ammaan tana Badhaadhina ta'etti makamuun dura Kongiresii Biyyoolessaa Oromoo keessa akka turan seenaan siyaasaa isaanii ni hima.