Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paarlaamaan Gaanaa seera faallaa jaallattoota saala walfakkaataa raggaasise
Paarlaamaan Gaanaa seera jaallattoota saala walfakkaataa akkasumas sochii gocha kana beeksisu kamuu yakka taasisu raggaasise.
Namni gocha jaallattoota saala walfakkaataa keessatti haala kamiinuu hirmaatee argamee hidhaa waggaa sadiin akka adabamu seera kana keessatti tumameera.
Seerri haaraan kun dabalataan qaamni namoota gocha dhorkame kana keessatti hirmaatan beeku poolisiitti eeruu dirqama taasisa.
Erga Pirezidantiin Gaanaa Joon Diraamaanii Maahaamaa waggaa darbe gara aangootti dhufanii, abbootiin amantii seerota jaallattoota saala walfakkaataa irratti akka cimsan dhiibbaa irratti uumaa turan.
Jaarmiyaalen idiladdunyaa mirga namaaf falmina jedhan kanneen akka Human Rights Watch seera kana qeeqaniiru.
''Jireenya jaallattoota saala walfakkaataa balaarra buusa, akkasumas lammiileen waliisaanii hordofuun akka wal basaasanii fi wal yakkan karaa bana,'' jechuun balaaleffatan.
Gaanaa keessatti bara bulchiinsa gita-bittaa Biriten irraa eegalee saala walfakkaataan wal jaallachuun dhorkaa ture.
Miseensi paarlaamaa seera haaraa gocha jaallattoota saal walfakkaataa yakka taasisu wixineessan Joon Nitiim Foorzoor, seerri kun duudhaalee maatii fi aadaa biyyattiif gaachana ta'uun kan tiksuudha jedhan.
Miseensi paarlaamaa kun erga seerri kun ragga'ee booda wayita miidiyaaf ibsa kennan ''seerri haaraan kun seerota gocha jaallattoota saala walfakkaataa dhorkan kanneen duraan turan irra baayyee cimaadha. Hirmaachisaa fi baayyee xiyyeeffannaan kan hojiirra ooluudha,'' jedhan.
Namni jaallattoota seera walfakkaataa deeggaru ykn tumsu kamuu hidhaan akka adabamu ibsan.
Seera jaallattoota saala walfakkaataa fi gochoota kanaan hidhata qaban adabsiisu kana keessatti ogeeyyiin fayyaa, miidiyaa fi seeraa namoota kunneen tajaajilan hin hammatamne.
Jaarmiyaan mirga namoomaa Human Rights Watch paarlaamaa Gaanaa magaalaa guddoo biyyattii Akiraatti argamutti Koree dhimma seeraa fi heera mootummaatti gaaffii dhiheesseera.
Gaaffiin isaas koreen kun seerri kun akka irra deebiin ilaalamuun kufaa taasifamudha.
Gaanaan bara 2024 keessas seera walfakkaataa baastee turte. Garuu pirezidant Akulfoo Adoo osoo hin raggaasisin waan hafaniif hojiirra osoo hin oolin hafe.
Pirezidant Maahaamaan aangoo qabatanii booda seera kana akka hojiirra oolchuu barbaadan ibsaniiru.
''Saala lama- dhiiraa fi dhalaa kan jedhu qofattin amana. Kanaafuu gaa'illis dhiiraa fi dhalaa gidduutti ta'a,'' jedhanii turan.
Yeroo dhihoo as biyyoonni Afrikaa hedduun jaallattoota saala walfakkaataa fi gocha kanaan walqabatu irratti tarkaanfii cimsaa jiru.
Manni maree bakka bu'oota uummataa Senegaalis Bitootessa keessa seera walfakkaataa baasee ture.
Bu'uura seera Senegaal sanaan jaallattoonni saala walfakkaataa yoo quunnamtii saalaa raawwatanii argaman hanga waggaa 10 hidhamu.
Dabalataan gochoota jaallattoota saala walfakkaataa beeksisan keessatti hirmaachuunis nama adabsiisa.
Yugaandaan bara 2023 irraa eegaltee jaallattoota saala walfakkaataa du'aan akka adabdu ibsiteetti.