Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Ameerikaan Iraanirratti bifa haaran haleellaa banuuf qophaa'aa jiraachuun himame

Tattaaffiin dippilomaasiin waraana US-Iraan furuu deemaa jiraatus US garuu haleellaa waraanaa banuuf qophaa'aa akka jirtu ibsame.

Guduunfaa

Ameerikaan Iraanirratti bifa haaran haleellaa banuuf qophaa'aa jiraachuun himam

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US Iraan haleeluuf qophaa'aa jiraachuun himame

    Iraanifi Ameerikaan dhibdeesaanii mariin akka furaniif tattaaffiin dippilomaasii itti fufee yeroo jirutti, US haleellaa haaraaf qophaa'aa jiraachuunshee dhagahame.

    Miidiyaan US michuu BBC ta'e CBS News maddeen keessoo argadheera jechuun akka gabaasetti, US haleellaa haaraa Iraanirratti gaggeessuuf qophiirra jirti.

    Waraanni Ameerikaa qophii jiraachuu kan ibse gabaasni kun, haa ta'u garuu Doonaald Tiraamp haleellaan akka gaggeeffamuuf murtii dhumaa hin dabarsine.

    Doonaald Tiraamp dhiyeenya sababa waraana Iraanifi dhimmoota hojii mootummaa biroof jecha cidha ilma isaarratti argamuu dhiisuu akka danda'u ibsee ture.

    Qondaalonni waraanaafi tikaa Ameerikaa boqonnaa fudhachuuf turan illee karoora boqonnaa fudhachuu haquusaanii maddeen garaa garaa ibsaniiru.

    Loltoonni Ameerikaa buufataalee waraanaa Baha Giddugalaa keessa jiranis, haleellaa Iraan deebistee gaggeessituuf akka hin saaxilamneef akka bahaa jiranis himame.

    Gama biraan ammoo Paakistaan biyyoonni lamaan mariin waliigalteerra akka gahaniif tattaaffii guddaa gochaa jirti.

    Paakistaan ajajaa waliigalaa humnoota waraanaashee gara Teehraanitti ergiteetti.

  2. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya kan Samabataa eegallee jirra.

    USfi Iraan waliigalteen waraanatti xumura akka godhaniif tattaaffiin dippilomaasii itti fufeera.

    US garuu haleellaa waraanaa biraaf qophiitti jirti oduun jirus dhagahamaa jira.

    Odeessawwan biyya keessaafi kan idil-addunyaa faana dhoofnee isin biraan geenya.

    Toora marsariitii, facebook,Youtube fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo ilaalaa.

    Dhiyaadhaa!