Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyootni Afrikaa oomisha boba'aatiin dursan kam fa'i? Badhaadhaniiruu?
Boba'aan oomishoota murteessoo addunyaa jabana kanaa keessaayi. Indaastiriiwwan, waraana, geejjiba lafarraa, galaanaa fi samiirraa, jiruu guyyaa guyyaa ilma namaa keessatti boba'aan ijoo dha.
Faayidaa diinagdeef akkuma oolu immoo sababoota waraanaa fi mancaatiillee ta'a boba'aan.
Waraana bakka baay'eetti qabateef akka sababa ijootti eerama. Qabeenya qoqqobbiiwwan siyaasaaf dhimma itti bahamusi boba'aan.
Diinagdee, nageenya, siyaasa, ji'oopolotikaa, dippilomasii keessatti leeccalloo dhimma itti bahamu dha.
Afrikaan guyyaatti boba'aa barmeela miliyoona 11.4 akka oomishtu gabaasni African Energy 2026 Outlook ni mul'isa. Kun oomisha boba'aa jikitaa addunyaa guyyaatti oomishamu keessaa 10% ta'a.
Jikitaa boba'aa hedduu gara alaatti kan ergitu ardittiin oomisha peetirooliyemii qulqullaayes alaa ni galchiti.
Oomishni boba'aa biyyoota ardichaa, gabaa boba'aa addunyaa tasgabbeessuu, investimantii alaa hawachuu fi diinagdee biyyootaa utubuu keessatti shoora guddaa qaba.
Gama kaaniin boba'aan madda malaammaltummaa, walitti bu'iinsaa, faalama qilleensaa, akkasumas hirkattummaas ta'eera.
Ofii biyyoonni Afrikaa oomisha boba'aatiin tarree jalqabaarra jiran kam fa'i?, Biyyoota kanneeniif boba'aan hireedha moo abaarsa?, diinagdee waliigalaa biyya isaanii keessatti qooda hangamii qaba? Gabaasa kanaan bal'inaan ilaalla?
Biyyoota Afrikaa 10 oomisha boba'aatiin hunda tarree duraarra jiran
1. Naayijeeriyaa
Naayijeeriyaan biyyoota Afrikaa boba'aa oomishuu hunda dursitu dha. Biyyattiin guyyaatti boba'aa barmeela miliyoona1.6 oomishti.
Naayijeeriyaan kuusaa boba'aa jikitaa akkanumallee gaasii uumamaa guddaa biyya qabdu dha.
Dameen boba'aa diinagdee biyyattii keessatti bakka murteessaa qaba.
Garuu saamichaa fi shira ujummoo boba'aaf saaxilamaa dha.
2. Aljeeriyaa
Aljeeriyaan guyyaatti boba'aa barmeela miliyoona1.4 oomishti.
Aljeeriyaan, biyya Afrikaa bal'in a lafaatiin ardii Afrikaarraa sadarkaa 2ffaa irratti argamtu dha. Oomisha boba'aatiin Naayijeeriyaati aantee sadarkaa lammeessoorratti argamti.
Biyyattiin kuusaa boba'aa jikitaa fi gaasii uumamaa guddaa biyya qabdu yoo taatu, kunis diinagdee waliigalaa ishee keessatti shoora jabaa taphachaa jira.
Dhaabbanni mootummaa Sonatrach jedhamu kaampaanii boba'aa fi gaazii baay'ee oomishu dha. Oomishni boba'aa biyyattii guddaanis harka isaa jira. Boba'aa fi gaaziin galii damee eksipoortii biyyattii 60% argamsiisa.
Oomisha waliigalaa waggaa (GDP) biyyattii keessaa 25% kan ta'us boba'aa dha.
3. Liibiyaa
Liibiyaan guyyatti boba'aa barmeela miliyoona 1.2 oomishudhaan Afrikaarraa sadarkaa 3ffaa irratti argamti.
Dameen boba'aa diinagdee biyyattii ijoo dha. Galiin al-ergii biyyattii 80% boba'aarraa argama. Oomisha waliigalaa waggaa (GDP) biyyattii keessatti gaheen boba'aa 60% ta'a. Oomishni boba'aa olaanaan Liibiyaa Baha biyyattii sulula Sirx keessatti oomishama. Sululli kun buufata boba'aa guddaa Afrikaati.
Kufaatii bulchaa duraanii Muhammar Gaadaafii booda Liibiyaan biyya tasgabbiin siyaasaa irraa fagaate taatus, adeemsi oomisha boba'aa hin dhaabbanne. Garuu sababa walitti bu'iinsa fi ashaaxiraan gufachaa tureera.
4. Angoolaa
Angoolaan biyya boba'aa oomishuun Afrikaarraa sadarkaa 4ffaarratti argamtu dha. Angoolaan guyyaatti boba'aa barmeela miliyoona 1.2 oomishti. Oomishni boba'aa FI gaazii uumamaa ishee waggoota as aanan dabalaa dhufeera.
Guddina diinagdee biyyattiitiif gumaachi boba'aa utubaa dha. Oomisha waliigalaa waggaa (GDP) fi galii mootummaa keessatti damee gumaacha olaanaa qabudha. Garuu Angoolaan biyyoota Afrikaa hiyyeeyyii keessayi.
Angoolaan Afrikaa keessaa hammi (reetii) hiyyummaa olaanaa, rakkoo bu'uuraalee misoomaa fi hanqina tajaajiloota bu'uuraatiin beekamti.
5. Ijipt (Masrii)
Ijipt guyyaatti boba'aa barmeelan 661,000 oomishuun Afrikaarraa oomisha boba'aatiin sadarkaa 5ffaarra jirti.
Biyyattiin seenaa boba'aa lafa keessa barbaaduu dheeraa fi oomishuu qabdi.
Ijipt boba'aa qorannoo boba'aa kanatti milkooftee boba'aa oomishuu kan eegalte bara 1909 ture.
Buufataaleen oomisha boba'aa Ijipt naannawa Gammoojjii Lixaa fi Galoogalaanaa Siwiiz keessatti argamu. Ijipti oomisha boba'aa ishee gara caalu Awurooppaa, Eeshiyaa fi Yunaayitid Isteetitti gurguratti.
Waggoota dhiyoo barbaachaa fi oomisha boba'aa fi gaazii babal'isuufi dandeettii oomishaa ol kaasuf invastimantii guddaa baafte.
Addatti immoo oomisha boba'aa galaana jalaa fi iddoo hin baramnerraa barbaaduu fi oomishuurratti xiyyeeffattee jirti. Iddoowwan xiyyeeffannoo argatan Bahaa fi Lixa gammoojjii biyyattiiti.
6. Ripaablika Dimokraatawaa Kongoo (DRC)
Ripaablikni Dimokraatawaa Koongoo (DRC) biyya Afrikaa keessatti oomisha boba'aa tiin sadarkaa 6ffaa qabattu dha.
DRC keessatti guyyaatti boba'aa barmeela 275,000 ta'utu oomishama.
Kuusaan qabeenya boba'aa biyyattii bal'inaan haroowwan gurguddoo biyyattii afur daangaa Taanzaaniyaa, Buruundi, Ruwaandaa fi Yugaandaa irratti argaman keessatti argamu.
DRC'n kuusaa boba'aa mirkanaa'e barmeelii miliyoona 180 qabdi. Garuu tilmaamni kuusaa qabeenya petroliyemii ishee barmeelii biliyoona 5 akka caalu agarsiisa.
7. Gaabon
Gaabon biyya Afrikaa oomisha boba'aan 7ffaarra jirtu dha. Biyyattiin guyyattii boba'aa barmeelii 226,000 oomishti.
Biyyattiin seenaa dheeraa oomisha boba'aa qabdi.
Oomishni boba'aa Gaabon keessatti bara 1940moota keessa eegale.
Har'a, Gaabon buufataalee oomisha boba'aa gurguddoo hedduu qabdi. Kanneen keessaa Rabi-Kounga fi Gamba isaan bebbeekamoo dha.
Industirii boba'aa dinagdee Gaabon keessatti gahee guddaa qaba; damee diinagdee oomisha waliigalaa waggaa (GDP) fi galii mootummaa keessatti murteessaa ta'e dha.
8. Sudaan
Guyyatti boba'aa barmeela 200,000 kan oomishtu biyyi ollaa Itoophiyaa, Sudaan oomisha boba'aatiin ardicharraa sadarkaa 8ffaarra jirti. Dameen kun qoodni diinagdee fi misooma biyyattii keessatti qabu guddaa dha.
9. Gaanaa
Gaanaa guyyaatti boba'aa barmeelii 172,000 baasuun sadarkaa 9ffaa qabatti. Oomishni boba'aa biyyattii waggoota dhiyoo dabalaa dhufeera; Biyyattiitti oomishni boba'aa guddaan bara 2007tti Jubilee Field fi bara 2016tti TEN Field iddoowwan jedhaman keessaa bahe.
Korporeeshiniin Petiroliyemii Biyyaalessaa Gaanaa G(GNPC) dhaabbata mootummaa ta'ee, gahee qorannoo, heyyama kennuu fi raabsaa boba'aa kan qabu dha. Oomishni boba'aa biyyattii waggoota dhufu keessatti akka dabaluuf eegama, sababni isaa iddoowwan haaraa biroo boba'aa argattetu jira. Kanneen duraan jiranis babal'isuufi.
10. Sudaan Kibbaa
Sudaan Kibbaa guyyaatti boba'aa barmeela 160,000 oomishti. Kunis biyya ardichaa 10ffaarra jirtu ishee taasisa.
Indaastiriin boba'aa dinagdee keessatti gahee guddaa taphateera. Sudaan Kibbaatti boba'aan kan qotamee bahe bara 1970 keessa osoo isheen Sudaan irraa hin fottoqini. Sudaan Kibbaa, kuusaa qabeenya boba'aatiin biyyoota Sahaaraa gadii keessaa 3ffaarratti argamti. Waggaatti biyyoota Sahaaraa gadii keessatti boba'aa barmeelii biliyoona 3.5tu oomishama.
Qormaata damee boba'aa Afrikaa
Oomishni boba'aa Afrikaa qormaata damee kana hudhanii qaban waliin rakkata. Sababa kanaanis ardittiin waggaatti kasaaraa dolaara biliyoona hedduutu mudata.
Akka gabaasni waggaa haala oomisha boba'aa ardichaa The Africa Oil & Gas Outlook 2025 mul'isutti hudhaawwan kunneen rakkoo ujummoo daddabarsa boba'aa, boba'aa qulqulleessuu, buufataalee kuusaa boba'aa fi networkii geejjibaati.
Kuusaa boba'aa guddaa qabaachuun irraa kan hafe, bakka hedduutti Afrikaan bu'uuraalee misoomaa boba'aa qabeenyicha irraa bu'aa malu argamsiisuuf barbaachisu hin qabdu.
Yeroo bu'uuraalee deeggarsaa akka rigii qotuu, paayiplaayinii, dooniilee galaanaa fi kuusaa boba'aa hin amansiisne ykn hin jirre ta'an, baasii dabala, yeroo immoo dheerata," jedhameera gabaasni.
Hanqinni bu'uuraalee misoomaa riigii boba'aa qotan, ujummoowwan boba'aa, ujummoowwan galaana jalaa yeroon pirojektii oomisha boba'aa ni gubu, adeemsichi akka akka rincicu, baasiin oomishaa fi raabsaas aakka dabaluu godhu. Kun muuxannoo biyyoota Afrikaa boba'aa oomishan hedduuti.
Hanqinni fandii daldaltoota dhuunfaa, gatiin biraandotaaf kaffalamu, balaan nageenyaa bu'uuraalee misoomaa mudatu, qaawwi to'annoo fi hordoffii danqaawwan damee kanaati.
Rakkoo ijoon biraa damee kanaa hannaa fi malaammaltummaa dha.
Ragaan Danish Institute For International Studies akka agarsiisutti bara 2022 keessa qofa Naayijeeriyaan hannaan boba'aa dolaara biliyoona 3.3 ta'u kasaaruu ragaan afaan aangawoota biyyattiirraa argame ni mirkaneessa.
Boba'aan hatamu kun biyya keessatti kan qulqulleeffamuu fi gabaa dallaalaatiin gurguramu dha. Kuun gabaa al-idileerraan gabaa addunyaas ni qaqqaba.
Addunyaan qabeenya boba'aan hedduu qabaattus sadarkaa malutti guddinaa fi dantaa biyyootaaf hin oolle.