Kabaja ayyaana Iid aal-Adahaa addunyaa suuradhaan maal fakkaata?

Maxxanfame

Hordoftootni amantaa Islaamaa addunyaarra jiran ayyaana Iid al-Adahaa sirna adda addaan kabajaa jiru.

Ayyaanni hiika ''ayyaaneffannaa aarsaa'' jechuu qabu kun akka ajaja rabbiitti raajichi Ibraahiim ilma isaa aarsaa gochuuf qophii godhe kan yaadatu yeoo ta'u kadhannaa fi ayyaaneffannaa adda addaan kabajama. Kan bara kanaa Waxabajjii 28 eegala.

Ayyaanni kun xumura imala Hajjii gara magaalaa qulqulluttii Makkaatti godhamu waliinis walirra bu'eera.

Suuraaleen asii booda jiran sirna ayyaaneffannaa adunyaarra jiran muraaasa agarsiisu.