Sirni owwaalchaa Ilfinash Qannoo Hacaaluu biratti Ambootti raawwatame

Madda suuraa, Oromia Communication Bureau
Artist Ilfinash Qannoo guyyaa har'aa sirni owwaalchishee magaalaa Ambootti raawwatameera.
Artist Ilfinash bara lubbuun turte ture bakka dhalootashee Naqamtee osoo hin taane magaalaa Ambootti akka awwaalamtu kan dubbatte.
Akkaatuma kanaan magaalaa Amboo owwaalcha Artist Hacaaluu Hundeessaa biratti owwaalamuu kantiibaan magaalattii Obbo Hacaaluu Gammachuu BBC'tti himaniiru.
''Kan Hacee [Hacaaluu] waliin wal biratti awwaalamani ...Haceen mucaashiiti. Kanarraa ka'ee gaafa maatiis mariisisnu mucaashee biratti akka awwaalamtu fedhiin waan dhufeef'' biratti owwaalamuu dubbatan.
''Gaggeessaa gootaa gooneefi jirra'' kan jedhan Obbo Hacaaluun, ''Daa'imman xixiqqoorraa kaasee namni manatti hin hafne'' jedhan namoota owwaalcha bahan yoo ibsan.
Sirna owwaalcha kanarrattis ''sagaleen tokkummaa'' dhagahamuufi ummatas galateeffachuu akka barbaadan himan.
Artist Hacaaluu waggoota jaha dura Magaalaa Amboo Bataskaana Iyyaasuusitti owwaalchi isaa raawwatame.
Wellistuu fi qabsoo Oromoo keessatti gumaacha isheetiin kan yaadamtu Ilfinash Qannoo dhibee ishee mudateen Finfinneetti yaalamaa erga turteen booda Dilbata darbe lubbuun darbuun dhagahame.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Walllaggaa Bahaa naannoo Magaala Naqamteetti kan dhalaatte wellistuun kun, umrii ijoollummaatiin gara qabsoo Oromootti makamte.
Yeroo dhiibbaan sirna bittaa Oromoorratti jabaatetti sirboota warraaqsaatiin uummata qabsootti dammaqsuu fi ofiifis qabsoo hidhannoo keessatti hirmaachuun aarsaa qabsoon Oromoo gaafate hunda keessa nama darbite.
Sababa kanaanis dararaa qaamaatii hanga biyyaa baqachuuf dirqamuutti geesse. Ilfinash gaaffiif deebii ammaan duraa BBC waliin taasifte irraatti reebichi bara wayyaanee isheerra gahe rakkoo fayyaa umrii guutuu fulla'uuf akka ishee saaxile dubbattee ture.
"Kan nadadhabsiise Umrii osoo hin taane dullaa wayyaaneeti. Yeroo Ijoollummaa kan tuman amma natti dhagahamaa jira. homaa miti ani amma yoon du'es qeerroonkoo waan naaf kaateef ekeraankoollee niboqota" jettee ture.
Qondaalli ABO obbo Lammii Beenyaa, gumaacha wellistuu Ilfinash qabsoo Oromoo keessatti bahatan akkas jechuun himu.
"Ilfinash Qannoo Faajjii tokkummaa Oromooti. Faajjii sabboonummaa Oromooti. Haadha Oromoo hundaati. Umriishee Ijoollummaatti qabsoo Bilisummaa Oromootti makamte. Akkuma gara hawisoo Guddattuu Wallaggaatti makamtee hojii aartii jalqabdeen ari'atamuu jalqabde"
" Hidhamtee ture. eegasii booda Naqamteedhaa baqaattee baate. Isaan booda waa'ee qabsoo, waa'ee bilisummaa Oromooti kan sirbaa turte. Sirboonnishee Oromoon bilisummaasaa ofharka galfachuu qaba kan jedhu hojjechaa turte" jedhan.
Ilfinash Umriishee guutuu dubartummaadhaan osoo hin daangeffamin, haallii fi bakki osoo ishee hin daangessin jireenyashee guutuu qabsoo Oromootiif kennitees jedhu Obbo Lammiin.
"Oromoon nama akka Ilfinash Qannoo qabaachuutti boonuu qaba. Nutillee jireenya keenya, seenaa keenya keessatti nama akkashee waliin jiraannee, qabsoos, argachuus dhabuus, waliin qooddachuu keenyatti baayyee boonna" jedhan.

Madda suuraa, Lammii Beenyaa
'Ambotti na awwaalaa…'
Wellistuu Ilfinash Qannoo yeroo lubbuun turtetti dhaamoon isheen kaa'atte 'gaafan du'e Ambotti na awwaalaa' kan jedhudha.
Akka Obbo Lammiin jedhanitti, Ilfinash Ambotti Awwaalamuu kan barbaadduuf hidhata bara qabsoo magaala Amboo fi hawaasa naannawa sanaa waliin uumterraa akka maddu himu.
"Bara ABO'n chaartara keessaa bahe sana karaa Sulultaatiin Ada'aa Bargaa keessa baatee waraana Bilisummaa Oromootti makaamte. Bakka Kilbee jedhamtutti wellisaa Zerihun Wadaajoo waliin hidhamanii ture. Eegasii Incinnii, Dhidheessaa sanboodaa karchallee Ambootti hidhamte."
"Yeroo waggoota lamatti dhihaatuuf yeroo Karchallee Ambootti hidhamtee turtetti Uummanni magaala Amboo galaa isheef geessee, daarashee baasee, jajjabeessee hamilee ta'eef. Waa hundaan ishee waliin dhaabatan. Kuni seenaa jireenyashee keessatti iddoo guddaa waan qabuuf 'Awwaallikoo Achi naaf haaa ta'u' jettee dhaammachaa turte" jedhan.
Dilbata Darbe erga lubbuunshee darbees akkaatuma isheen yeroon lubbuun jirtu dhaammatteen Sirni Awwaalchashee magaala Ambootti akka raawwatamuuf murtaa'e.
Reeffi wellistuu Ilfinash Qannoo Kibxata ganama kana Mana Jireenyaasheetii gara Istaadiyeemii Finfinneetti geeffamuun sirni gaggeessaa erga raawwatameen booda awwaalchi Magaalaa Ambootti raawwatameera.
Du'a Ilfinash irratti waan aanga'oonniifi namoonni beekamoon jedhan keessaa
Duuti weellistuu fi qabsoofuu Ilfionash Qannoo erga dhagahameen booda ergaa gaddaa kan dabarsan Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimaallis Abdiisaa, Ilfinash qabsoo fi aartii walfaana Tarkaanfachiisuun gahee gulantaan qabsoo Ummata Oromoo barasii gaafatu bahachaa turte jedhan.
Aartistii gameettii akka ishee dhabuun uummaata Oromootiif gadda guddaa ta'uu ibsuunis maatii, Dinqisiifattootaa fi uummataaf jajjabina hawwan.
Kantiibaan magaala Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee gamasaaniin, du'aan boqochuu Ilfinash Qannootti gadda isaanitti dhagahame ibsuun, "Ilfinash Wellistuu qofa osoo hin taane qabsooftuu mirga namummaa fi walqixxummaa turte" jedhan.
Xiinxalaan Siyasaa Obbo Jawaar Mohaammad Ammoo Ilfinash Qannoo 'Moroda qabsoo Oromooti' jechuun ibsan.
"Ilfinash Qannoo haadha sabboonummaa Oromooti yoo jenne itti xiqqaata. Ilfeen sabboonummaa sagalee qofaan hin sirbine, umriishee guutuu itti jiraatte. Osoo sabboonummaa dhugaarraa gaaftokko hin daddaaqin waadaa ishee eeggattee har'a nubiraa godaante" jedhan.
Obbo Jawaar Ilfinesh Ambootti akka awwaalamtu dhaammachuun isheefi akkuma dhaammattettis achitti awwaalamuun ishee tokkummaa Oromoo jabeessuu keessatti ergaa jabduu akka qabu kaasuun ibsan.
"ILFINASH QANNOO akkuma dhaammatte AMBOTTI awwaalamuun taateewwan Tokkummaa Qabsoo Oromoof raawwataman gurguddoo sadan keessaa tokko ta'eera.
1) DHEERAA: Jeneraal Taaddasaa Birruu fa'aan Islaamaa - Kiristaana foon koma tokkoo nyaachisuu
2) SHINNIGGA: Magarsaa Barii fa'aan amantiin gargar bahuu didanii waliin wareegamuu
3) AMBO: Ilfinash Qannoo qa'ee dhaloota ishii mannaa handhura Qabsoo tan taate Ambotti awwaalamuu filachuun," Infinesh hiika guddaa akka qabu himan.
Wellistuu Ilfinash Qannoo bara A.L.A bara 1962tti dhalattee umriishee waggaa 64tti addunyaa kanarraa du'aan boqotte.
Ilfinash haadha ijoollee dubara lamaa turan.
















