Ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) fi ministirri itti-aanaa dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa Finfinneetti wal arguun dhimmoota waloorratti mariyatan.
Ministiroonni lachuu dhimmoota waloo biyyoota lamaaniifi fedhii waloo naannicha keessatti qaban irratti mariyachuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa fuula marsariitii isaarratti beeksiseera.
Dabalataan aanga'oonni kunneen dhimmoota siyaasaafi nageenyaatiin alatti, hariiroo biyyoota lamaan gidduu jirurratti, akkasumas humna namaa bobbaasuu seera qabeessa ta'erratti mariyachuun isaanii ibsameera.
Nageenyaafi tasgabbii naannichaarratti kan mariyatan ministiroonni kunneen, walitti bu'iinsawwan gara garaa naannicha keessatti mul'ataniif falli tokkichi jiru mariin furmaata siyaasaa barbaaduu ta'uu isaa waliin dubbachuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibseera.
Ministirari itti-aanaan dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa Injinar Waaliid Abdulkariim Al-Kaariij ji'a Guraandhala keessa Asmaraa erga daawwateen booda Finfinnee dhufee ture.
Ministirri itti-aanaa Sa'udii kun ji'a sadaffaa isaatti gara Finfinneetti kan deebiye yommuu ta'u, Ministira Dhimma Alaa Geeniyoon Ximootiwoos waliin michummaa bara dheeraa biyyoota lamaaniifi hariiroo ummata biyyoota lamaanii ilaachisuunis mariyataniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa hariiroo biyyoota lamaanii jabeessuun nageenya lammileen Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaa jiran eeguu, akkasumas hojjetoota Itoophiyaatiif qacarriin hojii seera qabeessa ta'e akka mijatuuf gaafachuun isaa ibsameera.
Sa'ud Arabiyaatti lammileen Itoophiyaa 200 caalan mana-hidhaa kibba biyyattiitti argamu keessatti murteen du'aa akka itti murtaa'eefi godaantonni 65 ta'an murtiin wal fakkaatu akka isaanii eeggatu dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman beeksisaniiru.
Ministirri itti-aanaan dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa Injinar Waaliid Abdulkariim Al-Kaariij gamasaatiin hojjetoota Itoophiyaatiif carraa hojii nageenyi isaa eegame mirkaneessuuf qacarriin hojii seera qabeessa ta'e barbaachisaa ta'uu isaa eereera.
Dabalataanis, biyyoonni kunneen dhimmoota waloorratti ilaalcha wal fakkaataa akka qaban ibsuun, hariiroo gidduusaanii jiru bifa biyyoota lamaaniif bu'aa buusuun cimsuun barbaachisaa ta'uu isaa himaniiru.
Ministirri itti-aanaan dhimma alaa Sa'ud Arabiyaa kun biyyisaa Itoophiyaafi ummatashee waliin hariiroo seena qabeessa ta'eefi baroota dheeraa lakkoofsise cimsitee akka kabajju ibsuu isaa odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaarraa argame ni mul'isa.