Lammiileen biyya alaafi dippilomaatonni magaalaa guddoo Yukireen gadhiisanii akka bahan Raashiyaan akeekkachiiste

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaan haleellaa guddaa karoorsen jira jechuun lammiileen biyya alaa magaalaa guddoo Yukireen, Kiiv gadhiisanii akka bahan akeekkachiiste.
Mooskoon kana kan beeksiste haleellaa guddaa magaalattii irratti erga gaggeessitee booda yoo ta'u, haleellicha itti fufuuf karoora qabaachuu ibsite.
Ministeerri dhimma alaa Raashiyaa akka beeksisetti, haleellaan haaraan karoorfame wiirtuuwwan omisha diroonii, ajaja waraanaa irratti kan xiyyeeffatu ta'uu ibsuun, namoonni naannoo waajjiraalee bulciinsa mootummaafi waajjiraalee waraanaa akkasumas wiirtuwwan waraanan wal-qabatan irraa akka fagaatan akeekkachiise.
Lammiileen biyya alaafi dippilomaatonni "hatattamaan" magaalaa Kiiv gadhiisanii akka bahaniifi lammiileen Yukireen ammoo gamoowwan bulchiinsafi kan waraanaa irraa akka fagaatan beeksiste.
Yukireen ammoo sodaachisi Raashiyaa mancaatii gaggeessun "sodaa uumuu" irra kan darbe waan addaa hin qabu jechuun michoonnishee Mooskoo irratti akka dhiibbaa godhaniif waamicha dhiyeessote.
Yukireen daangaa Raashiyaan to'atte keessatti haleellaa cimaa gaggeessuun namoonni heddu du'uu hordofee Raashiyaan haaloo bahuuf akkuma dhaadatte, Sambata darbe haleellaa guddaa maaglota Yukireen irraatti gaggeessuun mancaatii guddaa qaqqabsiistetti.
Haleellaa kanaan misaa'ela ammayyaa dhiyeenya ifa gootefi saffisa sagalee dachaa hedduun imalu Oreshinik jedhamus akka fayydamtetu himama.



