Komishiniin Marii Biyyaalessaa komii ABIN'f deebii kenne

Komishinara Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeesar Masfin Ar'aayaa

Madda suuraa, Ethiopian National Dialogue Commission

Ibsa waa'ee suuraa, Komishinara Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeesar Masfin Ar'aayaa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibsa Paartiin Sochii Biyyaalessaa Saba Amaaraa-ABIN tibbana ''adeemsa marii biyyaalessaa irraa komii qabaachuu eeruun'' baaseef deebii kenneen yaada paartichaa akka hin qooddane ibseera.

''Komishinichi paartiin ABIN adeemsi marichaa hirmaachisaa fi hunda hammataa miti ejjennoo jedhu qabachuun ibsa baase haalaan erga qoratee booda guduunfaa yaada paartichaa irratti akka walii hin galle ibsa,'' jedha ibsi ba'e.

Marii biyyaalessaa kanarratti qaamoleen hawaasaa fi mootummaa hundi, mormitoonni, hidhattoonni, dayaasporaa fi qaamni dhimmi ilaallatu hundi hirmaachaa jiraachuu kan ibse komishinichi ''hanga ammaatti adeemsa marichaa keessatti paartilee siyaasaa hirmaannaa cimaa taasisaa jiran keessaa ABIN tokko,'' ta'uu eere.

''Komishinichi ol iyyannoo fi komii qaama kamiiyyuu callisee kan bira darbu miti. ABIN dabalatee qaamolee komii dhiheessan hundaaf adeemsa komii keessummeessuuf diriirfameen deebiin kennamaa jira.''

Yaadonni fi komiiwwan adeemsa marii kanaa fooyyessuu keessatti qooda gumaachan yoo dhihaatan komishinichi simachuun akka galtee tokkootti akka fayyadamu ibseera.

Kana waan ta'eef ABIN fi qaamoleen dhimmi kun ilaallatu biroon adeemsa marii hafe keessatti sirriitti hirmaachuun walhubannoo tokkorra akka ga'amuuf qoodasaanii akka gumaachan dhaame komishinichi.

Mariin biyyaalessaa injifannoo qaama tokkoo ykn ammoo injifatamuu qaama biraa ta'uu hin qabu kan jedhe komishinichi ''furmaata waloo Itoophiyaa ceesisu barbaaduuf kan gargaaru, adeemsa hunda injifataa taasisuudha,'' jedhe.

''Komishinichi hirmaattota marii fi lammiilee Itoophiyaa hunda walqixa dhagahuu fi karaa walabaa fi bilisa ta'een adeemsa marichaa hogganuuf kutannoo akka qabu irra deebiin ibsa.''

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

ABIN ibsa baase keessatti adeemsa marii biyyaalessaa irratti gufuun mudate ''hojimaata badaa xixiqqaa ykn garaagarummaa siyaasaa baratamaan ala kan ba'eedha,'' jedhe.

Balleessaawwan gurguddoon amanamummaa, hirmaachisummaa, al-loogummaa fi haqa qabeessummaa marichaa gaaffii keessa galchan raawwatamuu ibse ABIN.

''Giddu-seentummaa fi dhibbaa qaamni biyya bulchu gara tokko goruun raawwateen adeemsi marichaa bu'a qabeessa akka hin taane sodaa uumeera,'' jedhe.

ABIN ''adeemsa marii keessatti dhimma abbummaa fi ofiin bulchuu Finfinnee irratti gochi gantummaa mudate xiyyeeffannoon ilaalamuu qaba,'' jedhe.

Kanaafis mootummaa kan himate ABIN ''marii dhimma Finfinnee keessatti sagalee fi dantaan jiraattota magaalattii miiliyoonaan lakkaa'amanii osoo qixa sirrii ta'een bakka bu'iinsa hin argatin, akkasumas uummanni magaalattii akka abbaa qabeenyaa ijootti osoo hin lakkaa'amin bira darbuun baayyee yaaddessaadha,'' jedhe.

''Hirmaattonni jiraattota magaalattii bakka bu'uun waltajjii marii kanarratti argamanis imaanaa itti kenname dagachuun fedhii qaama tokkoo qofa guutuuf jecha mirgaa fi faayidaa magaalattii wayita dabarsanii kennan taajjabneerra,'' jedha ibsi kun.

Kanaafuu uummanni Finfinnee marii dhimmoota mirgaa, dhimma jiraachuu fi dantaa irratti xiyyeeffatan kamiyyuu xiyyeeffannaan akka hordofu dhaame paartiin kun.

''Mirga siyaasaa fi ofiin of bulchuu keessan akkasumas carraa egeree keessan karaa seera qabeessa ta'een kabachiifachuuf tokkummaan akka dhaabbattan dhaamsa dabarsina.''

Dhimmi magaalaa Finfinnee biyyattii keessatti ajandaa yeroo dheeraaf ture yoo ta'u, marii biyyaalessaa kanaan furmaata argata jedhamee abdatamaa ture.

Kanneen Finfinneen qaama Oromiyaa ta'uun dhimma mariidhaafiyyuu dhihaachuu hin qabnedha jedhan akkuma jiran, Oromiyaarraa adda baatee magaalaa of dandeesse akka taatu ykn federaalaan akka bultu yaada kan dhiheessanis jiru.

Dhimmi magaalattii wayita mariitti dhihaatus akkuma alaa sodaatamu falmii cimaa kaaseera.

Komishinarri olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeesar Masfin Ar'aayaa, maricharratti dhimmi Finfinnee dhimma marii bal'aa ta'ee turuusaa BBC'f mirkaneessaniiru.

Haa ta'u malee mari'attoonni sadarkaa garee nama kudhaniifi shantamaatti "haalaan" mari'atanii yaadni furmaataa erga dhiyaatee booda garee namoota 250 qaburra yemmuu gahu "yaadawwan gargar fakkaatan dhiyaatan" jechuun marichi bal'achaa yeroo deemu qormaatawwan mudachuu ibsan.

Rakkooleen kun kan uumaman adeemsa sirrii hubachuu dhabuufi miira ofii to'achuu dhabuurraa kan ka'e ta'uu akka danda'u komishinarichi himaniiru.

ABIN gama isaatiin gaafileen adeemsa marichaarratti kaase deebii yoo hinarganne adeemsicha keessaa bahu akka danda'u ibsee ture.

Pirofeesar Masfin garuu yaada paartichaa kana qeeqaniiru.

Komishinara Itti Aantuu Komishinii Marii Biyyaalessaa kan ta'an Hiruut Gabrasillaasee

Madda suuraa, Ethiopian National Dialogue Commission

Ibsa waa'ee suuraa, Komishinara Itti Aantuu Komishinii Marii Biyyaalessaa kan ta'an Hiruut Gabrasillaasee

Gama biraan adeemsi marii biyyaalessaa karaa milkaa'aa ta'een gaggeeffamaa akka jiruu fi ajandaawwan mariif dhihaatan hedduu irratti waliigalteerra ga'amuu Komishinara Itti Aantuu Komishinii Marii Biyyaalessaa kan ta'an Hiruut Gabrasillaasee ibsaniiru.

Ajandaawwan saddeettan marii kanaaf dhihaatan hunduu uummattoota Itoophiyaa hundarraa bakka bu'aa kan hirmaachisan ta'uu kan ibsan Aadde Hiruut, marii kanarratti hunduu carraa walqixa akka argachuun hirmaataa jiru jedhan.

Hirmaattonni marii kanaa garee adda addaatti hirmamuun ajandaawwan qoodaman irratti mari'ataa kan turan yoo ta'u, galteewwan yaadaa walitti qabamuun bifa wixineen qindaa'an erga sirriitti qaacceffamanii booda Roobii dhufu bakka miseensonni kuma 4 walitti qabamanitti raggaasifamu jedhan.

Adeemsa marii irratti komiiwwan ka'an ilaalchisuun ibsa kan kennan Aadde Hiruut, komiiwwan keessummeessuun fala kaa'uuf koreen hundaa'e hojiisaa hojjechaa jira jedhan.

Koreen kun komiiwwan gadi fageenyaan qoratee erga kaawunsilii komishinarootaatti dabarsee booda, kaawunsiliin murtee barbaachisaa kenna.

Kun kanaan otoo jiruu qaamoleen addatti ba'uun komii qabanirratti ibsa baasan jiru kan jedhan Aadde Hiruut, ''miirri gaariin silaa walitti dhihaatan mari'achuu ture. Garuu qaamni kamuu ibsa baasuuf mirga qaba. Komishinichi yaadota dhihaataniif deebii barbaachisaa karaa barbaachisaa ta'een ni kenna,'' jedhan.

Komishinar Hiruut Gabrasillaasee marii addunyaarratti gaggeeffaman kamuu keessatti yaadota hundarratti qaamni hunduu waliigala jedhamee kan hin eegamne ta'us, mariin kun waliigaltee fi wal hubannoo lammiileen Itoophiyaa hawwan kan argamsiisuuf akka ta'e ibsan.

''Hanga ammaatti adeemsi marii ture Itoophiyaaf oduu aangaa ta'uu,'' kan ibsan Aadde Hiruut, ''bu'aan marii kanaa nageenya amansiisaa fi tokkummaa biyyaalessaa,'' Itoophiyaaf kan fidu ta'uu ibsan.

Mariin biyyaalessaa erga eegalee ji'a kan caale yoo ta'u, namoota kuma afur kan hirmaachisuufi ji'a tokkoof akka gaggeeffamu ibsamee ture.