Raashiyaan lammii Ameerikaa osoo Yukireeniif lolaa jiruun qabadhe jette gadhiisuuf akka jirtu dhaga'ame

Madda suuraa, Reuters
Raashiyaan lammii Ameerikaa umuriin isaa waggaa 74 ta'e osoo Yukireeniif lolaa jiruun qabadha jechuun hiitee turte gadhiisuuf waliigaluu ishee Pirezidant Vilaadmiir Puutin dubbachuu isaa miidiyaaleen biyyattii gabaasan.
Puutin ambaasaaddara Ameerikaa Istiiv Wiitkoof waliin Seent Piitarsibargitti marii wayita taasisanitti Isteefen Habaard gara buufata xiyyaaraa Pulkoovitti gaaffeameera jedhame.
Barsiisaa fi jiraataa Michigaan kan tture Habaard bara 2024 ture Yukireeniif hiriiree loleera jedhamee erga himatameen booda hidhaan waggaa torbaa itti murtaa'eera.
Abbaan alangaa erga Mooskoon waggaa lama dura Yuukireeniin guutummaatti erga weerartee booda osoo baayyee hin turiin magaalaa baha Iiziiyeem keessatti kan argamu Iizii Humna Ittisaa Yukireen keessa tajaajilaa ture jechuun himateera.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa kanaan dura Habaardiin "dogoggoraan hidhameera" kan jedhe yoo ta'u Kibxata Pirezidant Doonaald Tiraamp ammoo waa'ee nama kanaa Puutin waliin dubbachuu isaa himeera.
Tiraamp gaazexeessitootatti "maaltu akka ta'u ilaalaa, xiyyeeffannoon keenya Habaard irratti" jedheera.
Ameerikaatti miidiyaan michuu BBC ta'e CBS News Habaard rakkoo fayyaa akka qabuu fi wallaansaaf gara Teksaas akka geeffamu gabaaseera.
BBCn dhimma kanarratti Waayit Hawus irraa yaadaa argachuuf gaafatullee ammatti deebii hin argatiin jiru.





