Jijjiirama mootummaa, Oro-maaraa hanga baqatummaa: Waggoota saddeettan Obbo Gadduu jijjiiramaan booda

Namoota siyaasaa buleeyyii Itoophiyaa keessaa tokko kan ta'an Obbo Gadduu Andaargaachaw, ALI bara 2006 hanga 2011 waggoota shaniif naannoo Amaaraa bulchaniiru.
Ministirri Mummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufusaanii hordofees ALI Ebla 2011 hanga Onkololeessa 24, 2013'tti Ministira Dhimma Alaa ta'uun hojjetaniiru.
Waraanni kaabaa erga eegalee boodammoo ministira gorsaa dhimma nageenyaa biyyaalessaa ministira mummee ta'uun muudamanii turan.
Haa ta'u malee booda keessa hariiroon mootummaa waliin qaban laafaa dhufe.
Naannoo Amaaraa keessatti labsiin yeroo muddamaa akka hinlabsamneef mana maree bakka bu'oota uummataa keessatti mormii cimaa erga dhageesisanii boodas biyyattii gadi dhiisanii bahan.
Yeruma kanatti barnoota digirii sadaffaasaanii kan xummuran yemmuu ta'u, yeroo ammaatti Yunaayitid Isteetis /US/ keessatti baqattummaan jiraachaa jiru.
Yeroo mana maree keessatti haasaa erga taasisaniin booda dabarsan, waa'ee jireenya baqattummaafi dhimmoota biroo ilaalchisee BBC'n torbeewwan sadi dura af-gaafii kan godheef yemmuu ta'u, akka kanaa gadiitti qixeessineerra.
BBC Amaariffa: Gara baqaatti deemuu keessaniin dura labsii yeroo muddamaa naannoo Amaaraa mormuun paarlaamaa keessatti haasaa hadhaa'aa taasistaniirtu. Haasaa dubbii keessan xummuruuf kadhachaa taasistan ture. Wanti waqtii sanatti isinitti dhagahame ture maali?
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Obbo Gadduu: Filannoo bara 2013 adeemsifameen miseensa mana maree bakka bu'oota uummataa ta'ee filameen ture.
Waqtii sanatti hariiroon mootummaa waliin qabus sadarkaa olaanaan hammaachaa waan tureef, paarlaamaa keessatti hagas mara hirmaadhee hinbeeku. Tarii walumaagalatti guyyaa lama yookiin sadi hirmaadhera ta'uu danda'a.
Waqtii sanatti manni maree ministirotaa labsii yeroo muddamaa yemmuu labsufi paarmaanis raggaasisuuf yemmuu dhiyeessu ummatarratti duuti jumlaa akka labsamettin ilaale.
Kanaaf carraa yoon argadhe nan dubbadha, yoon carraa hinargannemmoo yoo xiqqaate harkakoo baasee mormii dhageesisuun qaba jedheen gara paarlaamaa seene.
Ergan seenee booda carraa argadhe, waan sanas dubbadhe. Wanti sun wanta isa dhumaa ani gochuu danda'u ture.
Isaan ala wantan gochuu danda'u hinqabun ture; hambisuu hindanda'u garuummoo miirakoo ibsachuun qaba ture. Uummata Itoophiyaaf ergaa dabarsuun qaba ture. Carraa sanaan waan sana godhe.
BBC Amaariffa: Akkuma paarlaamaadhaa baatanin eenyu agartan?
Obbo Gadduu: Paarlaamaa keessaa osoon hinbahin hirmaattota achuma keessatti isaan argefi isaan hin iraanfannetu jiru.
Namoonni "naannichi akka diigamu barbaaddaa?" naan jedhan jiru.
Ani naannichi karaa waraanaan ni suuphama jedhee hin yaadu. Gaafiikoo kan ture, raayyaan ittisaa naannichaa yaa bahu yookiin gara kaampii isaatti yaa galuutii karaa nagaqabeessa ta'een haasaan godhamee yaa hiikamu kan jedhu ture.
Miira ummatichaa nan beeka. Uummanni sadarkaa olaanaan lolee jira. Uummata lole yeroo murtaa'eef dararuun, ajjeesuun ni danda'ama garuummoo humnaan jilbeenfachiisuun hindanda'amu amantaa jedhu waanan qabuuf isa hubachiiseen jira.
Hawaasa biraa keessaa namoonni baay'een naaf bilbilaniiru. Angawoota keessaa garuu kan naaf bilbile yookiin na argate hinjiru.
Sana booda namoonni tikaa naan gargar bahanii hinbeekan. Namoonni yeroo hunda gara manakoo dhufan, "hariiroon qaban maali" jedhamee kan guyyoota saddeetiif hidhaman jiru.
Ijoollee na eegan dabalatee adabadhaa taa'aa jedhamanii doorsisni irra gahaa ture. Konkolaachisaankoo ilma obboleettii tiyyaa ture.
Guyyoota sagaliif konkolaataasaa waliin eessa akka isa geessan osoo hinbeekamin tursiisanii isa gadhiisan. Sochii kamiyyuu akkan hintaasifneef waan sana gochaa turan.
Dhumarratti ALI Qaammee 6, 2015 Gaanfa Afrikaatti ergamaa US kan ta'e Ambaasaaddar Maayik Haamar gara Itoophiyaa dhufee isa Haayaat Rejansii deemee waliin haasa'ee yemmuun bahu namoonni nageenyaa kolkolaataawwan shan yookiin jaha qabatan naannoo Bulgaariyaatti daanduma guddaarratti namarsan.
Eegduukoo fudhatan, meeshaa harkaa fuudhan, bilbiloota keenya fudhatan, konkolaachisaa konkolaataarraa buusan, anas na sakatta'an, bilbila harkaakoo fudhatan.
Tiraafikiinfi namni yemmuu iyyu nudhiisanii deeman. Ijoollees, meeshaas fudhatanii deeman. Ani gara manaan deeme.
Sana booda manaa hinbaane. Guyya guyyaan namoonni tikaa ni dhufu. Hanga namni rafutti turu. Bifa kanaan waan hidhaa dhaabbii fakkaatu keessan ture.
BBC Amaariffa: Yeroo mana maree keessatti hadhaadhaan yemmuu dubbatan yaaddoo wanti akkanaa natti dhufuu danda'a jedhu hinqabdan turee?
Obbo Gadduu: Walakkeessa bara 2014 eegalee namoonni tikkaa nahordofan socho'aa akka turan nan beeka.
Namoonnis suuraa kaasanii naaf kennaa turan. Odeeffannicha nan qaban ture. Boodarra tarkaanfii humna addaa Amaaraa meeshaa waraanaa hiiksisuu hordofee mormiin cimaa yemmuu deemutti hordoffiin narratti taasifamus cimaa deeme.
Iddoo hojiitii gara manakoon deemaa ture. Yeroo baay'ee manuma keessattin dabarsa ture. Sababa tokkotu naaf barbaadamaa ture malee waa akka godhamu tilmaaman qaba ture. Anis of amansiisera.
Kanaafuu mana maree keessatti dubbachuuf yemmuun yaadu ajjeechaa dabalatee hidhaan yookiin wanti biraan dhufuu danda'a jedhee of amansiiseen dubbadhe. Wanta dhufu simachuun boqonnaa sammuuti jedheen yaada ture.
BBC Amaariffa: Haala hidhaa dhaabbii keessa akka turtan kan isinitti dhagahame sochii keessan waan daangessitaniifimoo mootummaan akka hinsochoone waan isin dhorkeefi?
Obbo Gadduu: Konkolaatonni lama yeroo mara manakoo karaa harka bitaafi mirgaan ni dhufu. Namoota nageenyaa ni beekna, wal fakkaatu.
Akka manaa hinbaane jedhanii sodaachisuufi. Bahuuf yaaleen ture. Yeroo tokko ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa walin beellaman qaba ture. Gara isaa yeroon deemu na hordofan. Konkolaatota lamatu bitaaf mirgaan jira.
Gara balbalichaa yemmuun dhiyaadhutti akkaataansaanii akka ugguruufi marsuu ta'uusaa yemmuun argu karaa daandii biraatiin naanna'een deebi'ee gara manakoo deeme.
Fedhiinsaanii ijoon namoota walin akkan wal hinagarre gochuu malee si yaa hiinu osoo jedhanii, waan biraa yaa goonu osoo jedhanii inuma danda'u ture.
Eenyutu isaan dhorka. Seerri hinjiru, sirni hinjiru. Kanaaf akkan manaa hinbaaneef waan sana gochaa turan.
Haati warraakoo gara mana kirstaanaa yoo deemte 'eenyutu jira' jedhanii hordofu. Keessummaan manakoo dhufee yoo deeme ni hordofu.
Qoccollaawwan turaniiru. Dhiibbaa manakoo akkan turu taasisuu ture. Eegdonnikoo sababakoon waa tokko qooda ta'an jedhee battalumattin ofirraa gaggeesse. Ji'oota shan yookiin jahaaf haala kanaanin ture.

Madda suuraa, screen grab
BBC Amaariffa: Akkamiin biyyaa bahu dandeessan?
Obbo Gadduu: Halkanin biyyaa bahe. Haala amma sitti himuu hindandeenyeen namoonni nagargaaraniiru.
BBC Amaariffa: Jireenyi baqattummaa akkami?
Obbo Gadduu: Baqattummaan baqattummaadha. Akkakoo umriin dabalaa yemmuu deemutti baqattummaan wanta eenyummaafuu hin hawwinedha. Namni damee siyaasaan biyyaafi hawaasan jijjiira jedhee jiraadhe kanaaf saaxilamuunkoo nama gaddisiisa.
Gama biraatiin immoo haalli jireenyaakoo nama Itoophiyaa jiru kamirraayyuu kan fooyya'edha. Ameerikaan biyya bilisummaati. Hanga seerafi sirna hordoftee jiraattetti jireenya nama biyya kana jiraatuun adda hintaane jiraachaan jira. Namni Itoophiyaa keessa jiru kamiyyuu, angawootas yoo ta'an yaadoo qabu, hiyyeessis, dureessis yaaddoo keessa jira. Kanaaf Waaqni yaa galatu haala gaarii keessan jira.
BBC Amaariffa: Yeroo dhiyoo viidiyoon hojii eegumsa konkolaataa (paarkingii) yeroo hojjetan agarsiisu qoodamaa ture. Namoonni tokko tokko qulqullummaa wan walqabsiisaniiru. Namoonni biroon immoo akkamiin sadarkaa kanatti waan ittiin bulan dhabuu danda'u jechaa turan. Akkamiin hojii kanatti seentan?
Obbo Gadduu: Gara biyya kaana yeroon dhufu harka duwwaan dhufe. Hoomaa hinqabun ture. Jiraachuuf hojjedhee argachuun qaba ture. Hojiin kun immoo hojii waqtii sanatti argachuu danda'e ture.
Kana qofa osoo hintaanee hojii jireenya Itoophiyaatti jiraachaa turerraa sadarkaa hamma ta'e fooyya'e akkan jiraadhu nataasisaa jirudha. Gama kaaniin garuu namni waan garagaraa kaasuu danda'a.
Yeroon naannoo Amaaraa hogganaa turetti naannichi naannoo bajata birrii biliyoonaan lakka'amu ramadudha. Dhimmi Alaas waajjira guddaadha, waajjira qabeenya biyyaallee sochoosudha. Ta'us maalaqoonni kunneen hundi kan anaaf ramadaman miti. Mindeeffamaadha.
Baqataan ta'a jedhee yaadee hinbeeku. Qabeenya uumataa fudhadhee jireenyakoon fooyyessa jedhees guyyaa tokkoyyuu yaadee hinbeeku. Namni amanuu dhiisuu danda'a. Hooggansi naannoo Amaaraa keessa ture harki caalaan aadaa gaarii kan qabu ture jechuun ni danda'ama. Pirezidaantota naannichaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda'ama. Soorama isaaniin jiraatu. Jireenya qaalii ta'e hinqaban.
Naannoo namni aangoosaa fayyadamee saamu baay'inaan itti hinturredha. Amma umriin badhaadhinaaf yaa ta'u wanti hundi jijjiiramee seenaan addaa dhufeera. Ani waggoota 26 ta'aniif nama miindaan olaanaan kaffalamuuf ture. Garuu mindaan Itoophiyaa ida'amee dhufuu kan danda'u hundi keenya kan hubannudha. Kanaan ala fedhiis ta'e humni qabeenya biraa keessattu maallaqa biyya alaatti kaa'uu dandeesisu hinturre. Sababa sanaan kanan qabadhee bahe anumaafi shaaxaakoo qofadha.
BBC Amaariffa: Ammallee hojiidhuma kanaan ofjiraachisaa jirtuu?
Obbo Gadduu: Hojuma kanaanin jiraachaa jira.
BBC Amaariffa: Isin itti gaafatamummaa sadarkaa biyyaa olaanoo garagaraarratti hojjetaniirtu, digirii sadaffaa keessanis xummurtaniirtu. Baqattummaan erga baatanii booda carraan hojii yookiin gaafiin hooggantoota biyyaa, angawoota yookiin dhaabbileerraa isinif dhiyaate hinturree?
Obbo Gadduu: Ani iddoowwan hojii banaa dhaabbilee garagaraa keessa jiraan ilaalee nan iyyadha. Hanga ammaatti garuu hinwaamamne. Gara fulduraatti wantoonni akkasii jiraachuu danda'u jedheen tilmaama. Kanaan alatti garuu haala biyyattii keessattuu dhaabilee dhimma alaan walqabatee waa'ee Itoophiyaa qoratanfi waa'ee nagaarratti hojjetan walin walin arga, nan mari'adha. Qaamoleen ilaalcha ani waa'ee Itoophiyaa qabu akkan qooduuf naaf bilbilan heddutu jiru. Kanaan ala garuu dhuunfaakoon kanin argu yookiin karaa anaaf ta'uun kanin walii bilbile yookiin gaafadhe hinqabu.
BBC Amaariffa: Wayita jijjiiramni dhufu abdii baay'eetu ture. Jijjiiramni kun akka dhufuuf 'Tiim Lammaan' adda durummaan eerama. Amma isin baqaarra jirtu. Obbo Lammaanis callisa filataniiru. Wanti garee sana cabse maali?
Obbo Gadduu: Jijjiiramni sun kan dhufe namoota muraasaan miti. Fedhiin uummataa kan dhaledha. Namoonni murtoofne dursitoota jijjiirama sanaati jedhee hinfudhadhu. Jijjiiramni sun akka dhufu kan godhe ADWUIdha. Jijjiiramni dhufe gara fulduraatti akka tarkaanfatu kan taasise dhaabbata malee namoota dhuunfaa miti. Haalli namoota olkaasuun akka waa uumanifi godhanitti ilaaluun tureera. Suni dogongoran jedha. Boodarra gama bu'aasaatin yemmuu ilaallus sun akka hinturre agareerra.
BBC Amaariffa: Amma Obbo Lammaa walin wal agartuu?
Obbo Gadduu: Akkasumaan darbee darbee. Yeroo hunda wal hin agarru. Darbee darbee bilbilaan wal agarra. Nagaa walgaafanna.
BBC Amaariffa: Yeroo dhiyoo kan walin haasoftan yoom ture?
Obbo Gadduu: Hin yaadadhu.

Madda suuraa, Getty Images
BBC Amaariffa: Dhimmi jijjiiramichaan walqabatu inni biraan gamtaa Oro-Maaraati. Hariiroo uummataaf uummataa uumuuf tumsi taasifamaa ture. Ta'us naannoo Oromiyaa akkasumas naannolee birootti ajjeechaan, buqqaatiin, butiin dhalattoota Amaaraarratti raawwatamuunsaa gabaafamaa ture. Isin akka nama siyaasaa Amaaraatti wayita aangoorra turtanitti waan kana dhaabsisuuf maal hojjadheera jettanii yaaddu?
Obbo Gadduu: Hojiiwwan Oromoofi Amaaraa gidduutti hariiroo uummataaf uummataa uumuuf hojjetaman ni jiru. Itti fufuu qabu. Haa ta'u malee naannoo Oromiyaa keessatti namoonni akka ajjeefamanfi buqqa'anif adda durummaan kan qindaa'u akka amantaa kootti mootummaafi qaamolee mootummaan deeggaruuni. Ijaaramoonni al-idilee mootummaan deeggaru jiru.
Gama biraatiin immoo humna nageenyaa mootummaatu miidhaa irraan gahaa jira. Dhiyeenya kana Wallagga keessa mandaroonni kan gubatan humna nageenyaa Oromiyaatini. Sababoota garagaraa qabaachuu danda'a. Mandarri qonnaan bulaa gubateeti akka buqqa'an kan taasifaman. Barmaatiiwwan akkanaa yeroo baay'ee kan deddeebi'anidha.
Yeroon achi turetti kun akka sirreeffamuuf tattaaffii baay'ee godheera. Tarii mootummaa walin dhibdeen akka uumamu kan taasise haalawwan akkanaa akka sirreeffaman gaafachuu kooti.
Uummata nagaa kamirrattuu kuni akka hingeenyeef mootummaan gaheesaa akka bahatuuf hangan danda'u yaaleen ture. Ammas akka nama siyaasaatti cubbuu uummatarra gahu mootummaan akka dhaabuuf, mirgaafi nageenya namoota kanaa akka mirkaneessuuf qabsoo narraa eegamu taasisaan jira.
Haa ta'u malee hojiilee mootummaa keessaa adda duree kan ta'ef itti gaafatamummaa bahachuuf qophaa'ummaan hinjiru. Kanarra haala mootummaan akka shiftaatti 'Aakt (act)' itti godhutu jira. Sirnifi bulchiinsi akkanaa qabsoo namoota dhuunfaan ni jijjiirama jedhee hinyaadu. Qabsoo hawaasaatu sirreessuu danda'a.
BBC Amaariffa: Waraana Tigraay booda labsiin yeroo muddamaa isin mormitan ragga'ee, naannoon isin hogganaa turtan naannoon Amaaraas walitti bu'iinsa keessa erga seenee waggoota sadi guutera. Walitti bu'iinsichi miidhaa hawaasummaafi diinagdee qaqqabsiisaa jira. Wanti naannolee lamaan kana gaaga'ama akkanaa keessa galche maali?
Obbo Gadduu: Haalli naannoo Tigraayis ta'e Amaaraa keessa jiru rakkoo marii nagaan furamuu hindandeenye miti. Dhimma gaafileen hawaasummaa, siyaasaafi diinagdee mariifi haasaadhaan furuun danda'amu keessa jiranidha. Furuun kan danda'amudha, garuummoo bulchiinsichi rakkoolee karaa nagaan furuuf qophaa'ummaa hinqabu. Carraa jiru fayyadamee waraanaan naannicha burkuteessuu barbaada.
Naannoo Amaaraa yemmuun gadhiisetti oolmaa daa'immaniirraa eegalee waliigalatti barataa miliyoona jahatti siiqutu ture. Amma barataa hanga miliyoona saddeetiitu eegama ture. Kan barachaa jiru garuu barataa miliyoona 3.5 dha. Kunis bifa adda cicciteen naannoo magaalotaatti. Bu'uraaleen misoomaa naannoo Amaaraa keessatti eegalamanii turan akkuma jirutti dhaabbatanii jiru. Maallaqni naannichaas waraanaaf oola. Bu'uraaleen misoomaa duraan turanis manca'aa jiru. Hospitaalonnifi dhaabbileen fayyaa, manneen barnootaa dirooniin haleelamaa jiru. Namoota iddoo gabaafi iddoo amantaa jiran adda osoo hinbaasiin duguuggaa adeemsisa.
Kunis bulchiinsi kun waan karaa siyaasaan furamuu danda'u sababa barbaadee gara waraanaatti jijjiiruun naannicha burkuteessuuf fedhii olaanaa qabaachuusaa agarsiisa. Karaa nagaan furuuf carraaqqii yemmuu taasisus hin mul'atu.
BBC Amaariffa: Mootummaan hidhattoonni biyyattii keessa jiran gara nagaatti akka dhufaniif irra deddeebiin gaafii dhiyeessaa jiraam.
Obbo Gadduu: Humna sababa qabna jedhee qabsoof baheen akkamitti harka kennaa jedhama. Harka kennaatii ana fudhattanii nagahaan jiraadhaa jechaanii jira. Yaada mariifi haasaa nagaa gaafii siyaasaa jarri kaasan furuu dandeesisu hinqabu. 'Itti dhiisaa koottaadha', wanta akkas ta'uu danda'uu miti. Bulchiinsa nagahaaf qophaa'ummaa kamiyyuu hinqabne akka ta'edha mul'achaa kan jiru.
BBC Amaariffa: Isinis bar yeroo waraana Tigraay humnootii Tigraay waraanuuf angawoota biroo walin duula yemmuu hoggantan mul'ataniirtu. Yeroo sana gorsaa nageenyaa ministira mummees turtan.
Obbo Gadduu: Waraanichi ka'uusaan dura gama gareelee lachuutin fedhiin waraanaa tureera. Gama lachuunuu piropogaandaan olaanaa ture. Gama Tigraayinis, gama mootummaa federaalaanis, gama Amaaraanis. Haalonni kun gara waraanaa akka hindeemneef mormiin qaba ture.
Ani waraana sanarratti kanan hirmaadhe keessattuu humnootiin Tigraay gara naannoo Amaaraa seenanii miidhaa yemmuu qaqqabsiisan miira hadhaa'aan qaba ture. Balleessan qaqqabes baay'ee ulfaataa ture, ittisuuf gahee narraa eegamu bahachuun qaba ture. Sanis ta'ee garuu angawaa mootummaa waanan tureef 'bold' ta'anii dubbachuun danda'amuu baatus caasuma sana keessatti waraanni akka hinkaaneef gahee bahachuuf yaalera. Wal himannaawwan gara waraanaa geessan waan turaniif isaanirratti mormiin qaba ture. Boodarra garuu waraanichi keessattuu gara naannoo Amaaraa erga seenee booda gahee uummaticha sochoosuun qaba ture.

Madda suuraa, Getty Images
BBC Amaariffa: Fedhii keessaniin duultanmoo ajaja ministirri mummee isiniif kennaniini?
Obbo Gadduu: Duulichi anas kallattiin kan ilaallatudha. Naannoo kiyyatu waraanaan hunkuramaa jira. Mancaatii sana ittisuuf ajajni ministira mummee nanbarbaachisu ture. Kaka'umsa kootini jechuun ni danda'ama. Waraanichi erga eegalee boodas akka anagawaa mootummaatti gahee hinqabun ture.
Yeroo waraana Tigraay akka angawaa mootummaatti gahee baay'ee hinqabun ture. Humnootiin Tigraay gara naannoo Amaaraa yemmuu seenan, yeroo sana yaalii uummanni Amaaraa ofirraa ittisuuf taasisaa ture keessatti gaheekoo bahadheera jechuun danda'a.
BBC Amaariffa: Bu'aan waraanicha ni beekama. Tigraay, Amaaraa akkasumas Affaar keessatti mancaatii olaanaa qaqqabsiise. Duula sanarratti hirmaachuu keessanitti ni gaabbituu?
Obbo Gadduu: Akka waliigalaatti waraanni mancaasaadha. Haala mancaasaa kana keessatti hirmaachuunkoo akka waliigalaatti na gaddisiisa. Gama biraatiin immoo uummata qaama isa deeggaru hinqabne callisee ilaaluun qaba ture jedhee hinyaadu. Ammas miidhaa uummata Amaaraa irra qaqqabu cimseen morma. Iddoowwan birootti qaqqabaa kan jirus mormaan jira. Waraana sana keessatti hirmaachuunkoo, waraanichi mataasaatiin jiraachuunsaa nama gaddisiisa.
BBC Amaariffa: Amma immoo humnootiin naannichaa dura al-idilee boodarrammoo maqaa Faannoo jedhuun gurmaa'an humnootii duraan lolaa turan walin ta'uun mootummaa kuffisuuf tumsa hundeessaniiru. Tumsicha akkamiin ilaaltan?
Obbo Gadduu: Sadarkaa jalqabaatti kunneen bulchiinsa Badhaadhinaa aangoorra jiru lolan qofa osoo hintaanee humni aangoorra jiru humnootii kana walin mari'atee rakkinicha furuu osoo danda'ee gammachuusaa hindanda'u.
Haa ta'u malee balaan hamaan jiraachuu biyyaa balaa keessa galchefi Itoophiyaa jiraachuurraa gara jiraachuu dhabuutti jijjiiruu danda'u aggaamameera. Bulchiinsi uummattoota Itoophiyaarratti dabaree dabareen waraana banuun jireenya hunda keenyaaf balaa aggaame jira. Bulchiinsi kun Itoophiyaa keessatti nagaafi tasgabbii akkasumas olaantummaa seeraa fiduu akka hindandeenye waggoota saddeet darbaniin mirkanaa'era.
Kanaafuu humnoonni kun ejjennoofi ilaalcha garagaraa qabaatanis ammatti yaadoon Itoophiyaafi uummattootashee bulchiinsa kana waan ta'eef waliin ta'uun yaa buqqisnu jedhaniiti garaagarummaa isaanii mariidhaan furuu ilaalcha keessa galchuun kan walooman.
Gama kanaan humnootiin Itoophiyaa adda addaa miira wal tumsuu qabatanii gara sadarkaa kanaatti dhufuunsaanii siyaasa Itoophiyaa keessatti milkaa'ina guddaa akka ta'ettin ilaala.
BBC Amaariffa: Kuni sirumaa biyyattii gara gaaga'ama caalutti hingeessuu?
Obbo Gadduu: Ammas bar biyyi gaaga'ama keessa jirti. Gaaga'amni kana caalu dhufuu danda'aa kan jedhu walgaafachiisuu danda'a. Biyyi gaaga'ama hamaa keessa jirti. Gaaga'ama siyaasaa, diinagdeefi birmadummaa. Akka waliigalaatti haala Itoophiyaan akka biyyaatti itti fufuu hindandeenyetu jira. Rakkinichi yeroodhaa yerootti hammaachaa jira. Humnootiin kun rakkoo kana furuufi kan tumsaa jiran. Wanti ibsa isaaniitiin ifa godhanis kanuma. Humni amma aangoorra jiru haalicha ni hammeesse malee furuu hindandeenye. Nan fura osoo jedhees akka hindandeenye qabatamaan mirkanaa'era.
BBC Amaariffa: Kanaan dura ministira mummee walin hojjechuu keessaniin akka qaanoftanfi gadditan himtaniirtu. Amma gara yeroo jijjiiramaatti deebi'uu osoo dandeessanii maalfaa sirressitu?
Obbo Gadduu: Ani Ministira Mummee Abiy walin hojjechuunkoo seenaa siyaasaakoo keessatti kanan itti gaddufi itti qaana'udha jedheera. Sababnikoo jijjiiramichi duubatti deebi'uusaafi jijjiiramichi kaaayyoo badaaf ooluusaa qofa miti. Humni biyya hogganuuf hin geenye, ministira mummee biyya diigu, uummata Itoophiyaa gaaga'ama amma jiruuf saaxile walin yeroo murtaa'efis ta'u hojjechuunkoo na qaanessa.
Sadarkaa jalaqabaatti uummanni Itoophiyaa sirna dhaabbataawaa aangoo siyaasaasaa ittiin to'atu, yeroo barbaadu ittiin haquu, yeroo barbaadu aangoorraa ittiin buusu qabaachuu qaba jedheen amana. Haalli akka nama dhuunfaatti aangoo to'atee waan fedhe itti godhu siyaasa Itoophiyaa keessatti bifa lamuu deebi'uu hindandeenyeen cufamuu qaba jedheen amana.
Aangoon mootummaa filannoo dimokiraatawaan kan argamu ta'uunsaa akkuma jirutti ta'ee siyaasni tuutaa 'populiistii' ta'e namoota baay'ee dogongoraaf kan saaxiledha jedheen yaada. Sochiin siyaasaa 'hoy hoytaa dhaan', sababaan osoo hintaanee karaa wayiitiin jibbi yoo jiraate isa kakaasuun yookiin abjuu wayii fidanii gara aangooti bahuuf taasifamu uummanni Itoophiyaa barnoota barbaachisaa ta'e irraa fudhachuu qaba jedheen yaada.
BBC Amaariffa: Kanaan booda yaada siyaasaa keessan akkamiin milkeessuu barbaaddu?
Obbo Gadduu: Dargaggummaakoorraa eegalee umriikoo harka caalu siyaasa keessattin dabarse. Dhumarratti eebbi isaa baqaa ta'us yaada siyaasaa biyyakoo ni fayyada jedherratti yaada kennuurraa of hin qusadhu. Haa ta'u malee wantin yeroof godhu yaadakoo qooduudha. Yaada paartii hundeessuus ta'e paartii keessa seenuu hinqabu.

























