Israa'eliifi Libaanos waggaa 30 booda yeroo jalqabaaf fuulaa fuulatti wal arguun mariyatan


Marii Israa'el fi Libanos gidduutti Waashingitenitti taa'ame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo mariin kun Hezboollaan dhiibbaa inni naanna keessatti qabu akka dhaabbatuuf 'carraa seena qabeessadha' jedhe
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Libaanosiifi Israa'el waggoota 30 olii booda yeroo jalqabaatiif Waashigitenitti fuulaa fuulatti wal arganii marii dippiolmaasii taasisan.

Mariin erga bara 1993 as yeroo jalqabaaatiif taasifame kun walitti bu'iinsa Israa'eliifi humna Iraaniin deeggaramu Hezboollaa gidduutti ka'e dhaabsisuudhaaf karaa saaqa jedhamee tilmaamameera.

Biyyoota lamaan walitti fiduun mariisisaa kan jiru ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo dhiibbaa Hezboollaa dhaabsisuuf "carraa seena qabeessadha" jechuun dubbateera.

Ibsa Ameerikaan baaste akka mul'isutti, qaamoleen lamaan yeroofi bakka gara fuula duraatti ibsamuuf jirutti kallattiin walarganii mariyachuuf yeroo jalqabaaf waliif galaniiru.

Israa'el garee shororkeessitootaa mootummaa hin taane hunda hidhannoo hiikkachiisuu akka barbaaddu ibsiteetti.

Kun ammoo garee hidhatee jiru Hezboollaa akeekuun kan dubbattedha.

Libaanos ammoo waliigaltee dhukaaasa dhaabuurra gahamee rakkoon namoomaa jiru akka furamuuf waamicha dhiyeessiteetti. Biyyoonni lamaan hariiroo dippilomaasii kan hin qabne yoo ta'u, gidduuu isaniitti mariin kallattiin karaa aanga'oota olaanoo kan taasisan inni dhumaa bara 1993 ture.

Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti waraana banuun guyyoota muraasaan booda Hezboollaan gara Israa'elitti rookkeettiifi diroonii furguggaasuu hordofee, waraanni Israa'el Libaanos keessatti trkaanfii waraanaa erga fudhachuutti seenee namoonni 2,000 ol ajjeefamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qaamoleen lamaan Kibxata Waashingiteenitti yeroo wal arganitti, Hezboollaan loltoota Israa'el Libaanos keessatti argamaniifi Israa'el irratti yoo xiqqaate si'a 24 haleellaa raawwachuu himeera.

Israa'el kaabaatti dirooniifi rookkeettonni dhukaafamuu hordofee sagaleen akeekkachiisaa dhaga'amaniiru.

Duulli waraanaa Israa'el Libaanos keessatti taasiftu, wayita waraana Gaazaa bara 2023 fi 2024 keessa kan isaan waraanaa ture Hezboollaatiin hidhannoo hiikkachiisuuf kan kaayyeeffate ta'uu dubbatteetti.

Dubbi-himaan ministeera dhimma alaa Ameerikaa Toomii Piigootii marichaan booda ibsa kenneen, Israa'eliifi Libaanos dhiibbaa Hezboollaa hir'isuuf hojjechuuf waliigaluu isaanii dubbateera.

Libaanos gamasheetiin Gaaga'ama namoomaa hamaa biyyashee keessatti mudate furuuf "dhukaasni akka dhababatuufi tarkaanfiin qabatamaan" akka fudhatamuuf waamicha dhiyeessiteetti.

Kun osoo kanaan jiruu, Ameerikaan "Israa'el haleellaa Hezboollaan irratti raawwaturraa mirga of ittisuu akka deeggartu" ibsiteetti.

Ruubiyoon walga'ichaan dura gaazexeessitootaaf mriin kun "adeemsa" ta'uu dubbateera.

"Kun yeroo fudhata, haata'u malee gatii akka qabu ni amanna," jedheera. "Walga'ii seena qabeessa kanarraa kaanee jabeessuu barbaadnudha."

Pirezidantiin Libaanos Joseef Aawun ibsa kenneen mariin kun, "akka waliigalaatti ummata Libaanosiifi addatti ammoo lammilee gama kibbaan jiranirratti rakkoon hammaate yeroo itti dhaabbatu jalqabaa akka ta'u@ abdii qabu ibseera.

Walitti bu'iinsichaaf, "falli jiru tokkichi" humnoonni waraanaa Libaanos "nageenya naannichaaf kan itti gaafataman isaan qofa ta'uu" akka ta'e dubbate.

Humni mootummaan Libaanos qofaa isaa Hezboollaa dura dhaabbachuuf qabu garuu murtaawaadha. Marichaan dura miseensi olaanaa dhaabbatichaa madda oduu APtti akka himetti, waan Waashingitenitti irratti waliigalan akka hin kabajne dubbateera.

"Nuti waan isaan irratti waliigalaniif hin bitamnu" jechuun miseensa mana maree siyaasaa kan ta'e Waafiiq Saafaa dubbateera.

Bara 1982 kan hundeeffame Hezboollaan garee sirriitti hidhate yoo ta'u, Libaanos keessa bakka Musliimonni Shihaa jiraatan biyyattii gama kibbaa keessa, akkasumas magaalaa guddoo Beerut gama kibbaa keessa ballinaan socho'a.

Marii Ameerikaafi Iraan Paakistaan keessatti taasisaniin warri Iraaniin bakka bu'anii mariirra turan waliigaltee dhukaasa dhaabuu keessatti akka hammatamaniif cimsanii gaafataniiru. Haata'u malee, Ameerikaas taate Israa'el, kanatti akka waliif hin galle dubbataniiru.

Aanga'aan ministeera dhimma alaa Ameerikaa tokko BBCtti akka himetti, mariin ISraa'el fi Libaanos kan karoorfame ji'a tokko dura ture.

Lammileen Libaanos 2,000 ol Israa'eliin ajjeefamaniin ala, sababa walitti bu'iinsa kanaatiin namoonni miliyoona tokkotti dhiyaatan qe'ee isaaniirra abuqqa'aniiru.