KALLATTIIN, MM Abiy Ahimed gaaffilee miseensota Paarlaamaa irraa ka'eef deebii kennaa jiru

Kora paarlaamaa har'a taa'amaa jiru irratti MM Abiy Ahimed gaaffii miseensota irraa ka'eef deebii kennaa jiru

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. MM Abiy waa'ee hidhattootaa maal jedhan?

    MM Abiy Ahmad

    Madda suuraa, Mana Bakka Bu'oota Uummataa

    Waggoota darban mootummaansaanii waltajjiiwwan marii kuma 4 mijeessuu fi waltajjiiwwan 225 ta'anirratti kutaalee hawaasaa adda addaa waliin walarguu kan ibsan MM Abiy Ahmad, keessattuu waltajjii marii biyyaalessaan walitti bu'iinsi hir'achuu danda'eera jedhan.

    Erga mariin biyyaalessaa eegalee walitti bu'iinsi sabootaa, amantii fi naannolee gidduu ture hir'atus garuu ammallee gama nageenya mirkaneessuun hojiiwwan hafan jiru jedhan.

    Keessattuu hidhattoonni kutaalee biyyattii addaa addaa keessa socho'an ammallee baandaawwaniin deeggaramaa jiru jedhan.

    MM Abiy Ahmad bara weearara Xaaliyaaniirraa eegalee ''baandaan nu keessa seene ammallee nu keessaa hin baane,'' jechuun ammallee qaamoleen alaa hidhattoota tumsaa jiraachuu dubbatan.

    Qaamolee baandaa jedhaniin kunneen garuu maqaa hin dhoofne.

    Hariiroon mootummaa fi uummataa cimaa wayita deemu sochiin hidhattootaas hir'ataa deema jedha.

    Garuu hidhattoonni guutummaatti ni badu jedhanii akka hin amannes kaasan.

    Nageenyi Itoophiyaa birqabaan yoo ilaalamu yeroo kamuu caalaa fooyya'eera jedhan.

    Sirnoonni fi qophiiwwan hedduun, akkasumas buufataalee 50 caalanitti wayita filannoon gaggeeffamu rakkoon hagas mara guddaa ta'e hin mul'anne.

    ''Kanarra darbanii hidhattoota kutaalee biyyattii keessa socho'an waliin walitti dhihaachuun mari'annee rakkoo furuuf ammoo tattaaffiin ni taasifama. Isinis akka kana deeggartan nan abdadha.''

    ''Marii dhugaa fi hunda hammate akka gaggeessinuuf irra deddeebiin mana maree kanatti affeereera,'' jedhan MM Abiy, hidhattoonni Naannoo Oromiyaa keessa socho'an hedduun mariidhaan karaa nagaan deebi'aa jiru jedhan.

    ''Obboloonni keenya hafanis karaama kanaan akka deebi'an barbaanna.''

  2. MM Abiy Ahimed waa'ee rakkoo naannoo Tigiraay dubbatan

    MM Abiy Ahimed gaaffilee miseensota Paarlaamaa irraa ka'aniif deebii kennaa jiru. Itoophiyaan hin kuftu. Warra kifan kaasti malee'' jedhan.

    Rakkoo nageenyaa naannoo Tigiraay qaamolee sadiin kan hammaate tahuu himan. Waraanaaf dargaggoota dirqamaan guuruun rakkoo hamaa naannicha keessaa tahuus eeran.

    Namoota siyaasaa TPLF, Eertiraa fi qaama alaa biraa jechuun rakkinichaaf warra sababa jedhan himan.

    Kaayyoo mataa isaanii waan hin qabneef ergama qaama biraatiin naannicha rakkoo keessa galchaa jiru jechuun himan.

    Tigiraay keessa uummata jiraaturra dhalattoota Tigiraay naannoo biraa keessa jiraatan, uummata Oromoo naannoo Oromiyaa jirurra Oromoo naannoo biraa keessa jiraatu, Amaara naannoo Amaaraa jiraaturra warra naannoo Oromiyaa fi kaan keessa jiraatantu nagaa qaba jedhan.

    Kanaaf ammoo itti gaafatama ka godhan naannoo Oromiyaa, Tigiraay fi Amaara keessa hidhachuun qabsootti jirra qaamolee jedhanidha.

  3. Filannoo darbe irratti %15 morkattoonni akka galaniif dhiisneef- Abiy Ahimed

    MM Abiy Ahimed filannoon biyyaalessaa darbe milkaa'aa tahuu himan.

    Haa tahu malee filannichi karaa nagaa akka hin gaggeeffamneef ''diinonni irratti xiyyeeffachuun hojjechaa turan'' jedhan.

    Paartiin Badhaadhinaa filannoo darbe irratti taa'umsa %85 ol dorgomuu hin qabu jechuun kan hafe morkattootaaf dhiise jedhan.

    Morkattoonni %15 akka galaniif nutti haa hafu jennee morkattota keenya hin dhiyeesine jedhan.

    Waan akkanaa biyya Afrikaa kamiyyuu keessatti hin argamu jedhan.

    Marii biyyaalessaa irratti kan ilaalamu mootummaan aangoo irra jiru marsaa lama caalaa aangoo irra turuu hin qabu jennee dhiyeesineerra jedhan.

  4. Ashamaa! Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Ministirri muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed gaaffilee miseensota Itoophiyaa irraa ka'eef deebii kennaa jiru.

    Qaala'insa jireenyaa, gaaffii hulaa galaanaa, bulchiinsa gaarii, bu'uuraalee misoomaa fi kaan irratti gaaffileen MM Abiyyiif dhiyaataniiru.

    Kufaatii barnoota irratti mul'ate akkamiin furama kan jedhus gaaffii biraati.

    Deebii MM isiniif dhiyeessina. Nu hordofaa.