Dhuguma Iraan 'karoora haaraa Tiraamp ajjeesuu' baafattee qabdii?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Israa'el eroo waraanni naannichaa guddachaa dhufeetti, odeeffannoo basaasaa haaraa Iraan Tiraamp ajjeesuuf karoora baafachuu qondaaltota Ameerikaaf qoodde jedha gabaasni.

Iraan Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp kan baatiwwaan darban keessaa waraana irratti banuun hogganaa olaanaa biyyaatti fi qondaaltota olaanoo ishee ajjeesan irratti haaloo ba'uuf karoora haaraa baafatte akka turte himameera.

Haa ta'u malee, Israa'el karoora haaraa Iraan Tiraampiif qopheessite kana dursitee bira gahuun Ameerikaaf odeeffannoo kennuu ishee gaazexaan 'Wall Street Journal' Kamisa galgala namoota dhimmicha beekan wabeeffachuun gabaaseera.

Gabaasaleen miidiyaalee miidiyaalee idil-addunyaa kanneen biroos Israa'el, Iraan Tiraamp irratti yaalii ajjeechaa raawwachuuf karoora haaraa qopheessite jechuun mootummaa Ameerikaatti odeeffannoo nageenyaa dabarsuu gabaasaa jiru.

Gabaasni kun haleellaa haaraa Ameerikaa fi Iraan gidduutti ulaa Hormuz irratti raawwatame hordofeeti.

Haa ta'u malee, gabaasotni kunneen karoorri sun dhugaa ta'uu fi dhiisuu hanga yoonaa ragaan mootummaa Ameerikaatiin mirkanaa'uu mul'isu hin jiru.

Gabaasichi akka jedhuutti, Ministeerri Muummee Israa'el Benjamin Netanyahu fi qondaaltonni nageenyaa Israa'el biroos odeeffannoo kana mootummaa Ameerikaaf dabarsaniiru.

Imbaasiin Israa'el Waashingitan jiru dhimmicha irratti yaada kennuu dide.

Pirezidaanti Tiraamp mataan isaanii yeroo hedduu Iraan irraa sodaa nageenyaa akka qabu dubbataa turera.

Tibbaanas walga'ii NATO booda ibsa Gaazexeesstoottaf kennaniin, "na ajjeesuu barbaadu. Ganama kana argeera, maqaan koo tarree isaanii hunda keessa jira,". Hanga ammaattis, xiqqoo carraa argadheera jedheen tilmaama, garuu sun tarii baayyee dheeraa hin turu."jedhan

Itti dabalunis namootni sunniin(qondaaltota Iraan) namoota hamoo, dhukkubsatoo dha. Kaansarii akkanaa kana hundeen buqqisuu qabna. Kaansarii daftee kutuu qabda. Akkasitti natti dhaga'ama."jechuun dubbatan.

Haa ta'u malee, Kamisa darbe namoonni Mashhad keessatti gara awwaalchaa hogganaa olaanaa duraanii Alii Kameni deemaa turan dhaadannoowwan ajjeechaa Tiraamp irratti haaloo ba'uu gaafataa turan.

Namootni barjaa "Tiraampiin ajjeesaa" jedhufaa qabatanii deemaa turan.

Gariin ammoo dhaadannoo "Duuti Ameerikaaf" jedhu dabalatee dhaadannoowwan Kaameni faarsuu fi 'diinota Iraan' arrabsuu dhageessissa turan.

Yaa'ii NATO Turkitt geggeeffame irraa waayita deebi'aan Pirezidaanti Tiraamp yaaddoo nageenyaa waraana kanaan walqabate irraa kan ka'e xiyyaara jijjiiruun isaanii gabaafameera .

Yaa'ii NATO Turkiyaatti geggeeffame irraa deebi'aa osoo jiranii, Pirezidaanti Tiraamp yaaddoo nageenyaa waraana kanaan walqabate irraa kan ka'e xiyyaara jijjiiruun isaanii gabaafameera .

Traamp fi Ministirri Muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuun waraana yeroo ammaa Iraan waliin deebi'ee ka'e irratti qindoominni biyyoota lamaanii itti fufee akka jiru Kamisa halkan bilbilaan dubbataniiru .

Tiraamp sochii Ameerikaan yeroo ammaa Galoo Galaana keessatti taasisaa jirtuu fi haleellaa Ameerikaan qabeenya Iraan irratti raawwattu ilaalchisee Netaaniyaahuuf kan odeeffannoo kennan yoo ta'u, Netaaniyaahuun ammoo waliigaltee F-35 Turkii waliin taasifame akka hin raggaasifne Tiraamp gaafatan jedhame.

Nammootni siyaasa xiinxalan gariin karoorri Iraan Tiraamp ajjeesuf jedhu kan AMeerikaan haleellaa akka Iraan irratti cimsituuf Israa'eliin kalqame ta'uu hin oolu jedhu.

Odeeffannoon Israa'el waa'ee karoora Iraan Pirezidaanti Tiraampi ajjessuu ilaalchisee kennite kan waggoota lama dura Pensilvaaniyaa keessatti yaalii ajjeechaa raawwatamellee kan dabalatudha.

Haa ta'uu malee pirezidaantichi odeeffannoo kana yaaddoo nageenyaa bira darbee kaayyoo siyaasaaf akka fayyadamaa jiran hedduun ni qeequ.

Qeeqxonni Tiraamp odeeffannoo kana Tiraamp deeggarsa ummataa argachuuf itti fayyadamaa jira kan jedhan yoo ta'u, yaaliin ajjeechaa Eegdonni Warraaqsa Iraan gorsaa nageenya biyyaalessaa duraanii Tiraamp Joon Booltan irratti raawwate jedhame, Tiraamp irrattis xiyyeeffatamuu akka danda'u yaaddoo uumeera.

Bara 1950moota irraa eegalee ajjeechaa Joon F. Keeneedii irraa eegalee pirezidaantota Ameerikaa Tiruman, Ford fi Reagan irratti yaaliin ajjeechaa fashalaa'ee ture.

Gariin yaaliin ajjeechaa deeggarsa siyaasaa argachuuf kan oolu yoo ta'u, Pirezidaantonni Tiruman fi Ford yaalii ajjeechaa booda sadarkaan fudhatamummaa isaanii ummataa biratti kan gadi bu'e yoo ta'u, yaalii ajjeechaa booda sadarkaan fudhatamummaa Roonaald Reegan ammoo akka malee dabale ture.

Iraan gama isheetiin himannaa akkasii irra deddeebiin haalaa turuun ni yaadtama.