Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Awwaalchi Kaameenii otoo raawwatuu US fi Iraan wal haleelan
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu boodanaan as Ameerikaafi Iraan haleellaan walirratti raawwatan hamma Kamisa kaleessaatti itti fufeera.
Lakkoofsi doonii Ulaa Hormuuz keessa darbus ''akkaan hir'iseera'' jedhu warri alaa taajjaban.
Ameerikaan qiyyaafannoo waraanaa dhihoo Ulaa Hormuuz jiran 90 haleele yoo jettu. Iraan guyyoota lamaan darban keessatti namoonni 14 ajjeefamaniiru jette.
Akka miidiyaan biyyaalessaa Iraan gabaasetti qiyyaafannoon dhihoo humna niwkilaaraa Busheer jiru haleelameera. Ameerikaan kanarratti deebii hin kennine.
Iraan qabeenya US, Kuweet, BaahireenIIfi Qataar jiru irratti xiyyeefachuun deebii kennuu himte. Kamisa kaleessaa Iraan Kuweet, Joordaan fi Iraaq irratti haleellaa banuu miidiyaan mootummaatti hidhata qabu gabaaseera.
Gama kaaniin ammoo hogganaan olaanaa Iraan duraanii Ayaatoolaa Alii Kaameenii iddoo namoonni baayyeen argamanitti sirni geggeessaa taasifamuun booda awwaalchisaa raawwateera.
Kaaba-baha Iraanitti uummati daandii Maashad irratti bahe alaabaa Iraan mirmirsaa ture. Gariin namaa ammoo dhaadannoo Tiraampiin du'aan doorsisu qabatanii ture.
Kaameeniin Guraandhala 28 Ameerikaafi Israa'el halellaa banuun sa'atii muraasa keessatti ajjeefame.
Ministeerri Hajaa Alaa Iraan haleellaa Ameerikaa miilanaa ''yakka waranaa hamaa'' jechuun bulchiinsa Ameerikaa ammoo ''hamaa fi ofittoo'' jechuun ibse.
Daandiifi riqichi Teehraaniin magaalaa Maashaaditti quunnamsiisu, iddoo sirni awwaalchaa raawwataa ture miidhamuu ministirichi ibseera.
Bulchiinsota shan keessatti namoonni 14 ajjeefamuufi kanneen 78 tahan ammoo miidhamuu ministeerri fayyaa Iraan himeera.
Biyyooti Galoo-galaanaa haleellaa Iraan raawwatteen magaalaa guddoo Baahireen Maanaamaatti dhohinsa, Kuweetitti haleellaa dirooniifi misaayelaa akkasumas Qataar ammoo akeekkachiisa haleellaa baasuu ibsaniiru.
Kamisa sa'atii booda kibba Konaaraakitti dhohinsi kan dhagahame yoo tahu qondaalli Iraan naannicha jiru ''diinni'' humna waraanaa haleeluu hime.
Tahus humni ittisaa Ameerikaa sa'atii muraasa dura Iraanitti haleellaa akka hin raawwanne BBCtti hime.
Af-yaa'iin Iraan Mohaammad Baageer Gaaliibaaf Ameerikaan ''ammallee waadaa cabsuufi doorsisni gatii akka ishee baasisu hin baraanne,'' jechuun X irratti barreesse.
''Ifattin hima: yoo haleeltan, ni haleelamtu,'' Ulaan Hormuuz kan banamu haal-duree Iraaniin malee doorsisa Ameerikaan miti,'' jedhe.
Ajajni Waranaan Gidduugalaa Ameerikaa, haleellaan boodana taasifame ''Iraan haleellaa doonii daldalaafi yabaltoota nagaa irratti taasiftu laamshesuufi,'' jedhe.
Dhaabbatichi ibsa baaseen haleellaa kanaan sirna ittisaafi misoomni loojistikii waraanaa qiyyaafannoowwan 90 haleelaman keessaati jedhe. Kunis milkaa'inaan akka geggeefame dhaabbati kuni ibseera.
Erga Ameerikaa fi Iraan waliigaltee wal hubannoo Waxabajjii 17 mallatteessuun as wal haleeluun miilanaa kuni isa hamaa dha.
Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu baatii darbe mallattaa'ee ''xumremeera'' jedhe.
''Kana booda isaan hin barbaadu, kosii dha. Kosii beekta? Kosii dha isaan. Namoota dhibee qabanidha,'' jechuun gaazexeessitootatti himan.
Ministarri Hajaa Alaa Iraan X deebii kennanin ''nuti dubbii as gadii, asii gadi dubbchuun hin deebisnu, gochaan: sodaa maleefi gootummaan,'' jedhe.
Waliigalteen Ameerikaa fi Iraan qabxiilee 14 qabu dhukaasa dhaabuu guyyoota 60, dooniiwwan nagaan Ulaa Hormuuz keessa akka darban gochuufi Iraan irraa qoqqobbii kaasuu dabalata ture.
Guyyaan 60 waliigalteerra kaa'ame dhumuu baatus Tiraamp mariin kana boodaa ''yeroo qisaasuu dha,'' jedhan.