Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US dhimma Ulaa Hormuuz irratti Iraan maal akka waadaa galtuuf gaafatti?
Ameerikaan Iraan Ulaa Hormuuz banuu fi dooniiwwan achi keessa darban akka hin haleelle ifatti akka waadaa seentu akka barbaaddu beeksifteetti.
Gaaffiin kun marii mootummaa lameen keessaa Sanbata mootummaa Omaan keessatti gaggeeffamuun dura dhiyaateera.
Miidiyaaleen Ameerikaa aangawoota maqaan isaanii hin ibsamne wabeeffachuun akka gabaasanitti, Tehraan gorsitoota Pirezidaantii Doonaald Tiraampiif dhuunfaan ibsa kennuun, dooniilee daldalaa irratti haleellaa banuun dogoggora akka ture amanuu himaniiru.
Haa ta'u malee, haleellaan sun garee hidhattoota keessoo mootummaa jalaa hin jirreen kan raawwatame jechuun Iraan kan ibsite.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gama isaatiin, walitti bu'iinsi torban kana sababa cufamuu Ulaa Hormuzii irratti uumame jiraatus, biyyootni lameen marii dippilomaasii itti fufuuf walii galuu isaanii beeksisaniiru.
Garuu, haleellaan dooniiwwaan irratti raawwatame waliigaltee waraanaa dhabuu cabsuu US kan ibsite.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii garuu mootummaa isaanii waliigaltee waraanaa dhaabuu kabajuu isaanii ibsuun, waligalticha kan cabse Ameerikaa ta'uu himatan.
Ergaa marsariitii X irratti maxxanseen, Iraan waadaa ishee kabajuu ibsan.
Waxabajjii darbe Ameerikaa fi Iraan waliigaltee waraanaa dhaabuu mallatteessanii turan.
Waliigaltee sana keessaa tokko, Iraan dooniiwwaan daldalaa ulaa Hormuz keessa karaa nagaatiin akka darban nageenya isaanii akka eegdu ture.
Aangawoonni olaanoon Ameerikaa CBS News'itti akka himanitti, mootummaa Iraan gareen siyaasaa keessoo Iraan marii biyyoota lameen gufachiisuuf yaaluun dooniwwaan daldalaa irratti haleellaa baneera jechuun ibsite.
Aangawaan mootummaa Ameerikaa tokko, "Deebi'anii gara mariitti dhufanii, 'Dogoggora raawwanneerra, dogoggora keenya sirreessinee marii itti haa fufnu' jechuun nutti himan," jechuu dubbatan.
Marii Omaan keessatti gaggeeffamu kanaan, Itti Aanaan Pirezidaantii Ameerikaa JD Vance, Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoo, Ergamaan Addaa Istiiv Wiitkoof, akkasumas Jaared Kuushinar, mootummaa Ameerikaa bakka bu'uun ni hirmaatu jedhamee eegama.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchiinis marii kana irratti akka argamtu eegama.
Aangawoonni Ameerikaa ibsa isaanii keessatti, mootummaa Iraaniif karaa mootummaa Omaan ergaa dabarsaniin ulaa Hormuzii banaa ta'uu isaa fi dooniiwaan daldalaa irratti haleellaa akka dhaabdu ifatti ibsu akka qabdu himaniiru.
Aangawaan tokko Reuters'itti akka himetti, "Ibsa sana yoo nuu kennan mariin itti fufa. Yoo didan garuu bu'aan isaanii gaarii hin ta'u," jedha.
Akkasumas Ameerikaan Iraan haleellaa dooniiwwan irratti raawwatame dogoggora akka ture ifatti akka amantu barbaaddi jechuun CBS gabaaseera.
Gama biraarin jilli Kataar Jimaata darbe gara Iraan imaluun nageenya ulaa Hormuz fi tasgabbii naannichaa deebisuuf marii jalqabuu isaaniitu ibsame.
Pirezidaantiin Tiraamp ergaa miidiyaa hawaasaa 'Truth Social' irratti maxxanseen, "Rippabiliikii Islaamaa Iraan mariin akka itti fufuuf nu gaafataniiru. Nutis gaaffii isaanii fudhanneerra. Garuu Ameerikaan ifatti isaanii himti; yeroon waraana dhaabuu xumurameera," jechuun barreessan.
Ganama hara'aa (Sanbata kana) Tiraamp gabaasa Iraan isaan ajjeesuuf karoora qabdi jedhameef deebii kenneera.
''Yoo haleellaan akkasii ana irratti raawwatame, humni waraanaa Ameerikaa "naannolee Iraan hunda guutummaatti barbadeessu" jechuun akeekkachiise.
The Wall Street Journal fi miidiyaaleen Ameerikaa biroos akka gabaasanitti, mootummaa Israa'el odeeffannoo mootummaan Iraan pirezidaantii Ameerikaa ajjeesuuf karoora haaraa qopheessite jedhu Ameerikaaf himuu gabaasan.
Torban kana keessa awwaalcha hogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatolaa Ali Kaameni irrattiis namoonni muraasni Tiraamp akka ajjeefamu waamicha dhiyeessuun isaanii gabaafameera.
Torban kana keessas walitti bu'iinsa cimaan Ameerikaa fi Iraan gidduutti uumame keessatti dooniiwwan sadii karaa Omaan keessaa darbuuf yeroo socho'an haleellaan irratti raawwatameera.
Ji'a darbe mootummaa Ameerikaa fi Iraan waliigaltee qabxii 14 qabu mallatteessanii turan.
Waliigalteen kun yeroo waraana dhaabuu dheeressuu, walitti bu'iinsa mootummaa lameen gidduu jiru dhaabuufi rakkoolee naannichaa karaa nagaan hiikuuf kaayyeffate.
Kutaa waliigaltee sanaatiin Iraan, Omaan fi mootummootni Galoo Galaana keessaa biroon bulchiinsa gara fuulduraa ulaa Hormuz fi tajaajila geejjibaa galaanaa irratti mari'achuun murtee waliinii akka dabarsan tumameera.
Yeroo walitti bu'iinsi turetti Iraan abbaa Ulaa Hormuzii ta'uu ishee cimsuuf "Persian Gulf Strait Authority" jedhamu hundeessuun, hayyama nageenya dooniiwwaniif kennamu to'achuuf hojii jalqabuu ishee beeksiste.
Akka oduu 'Fars' ibsetti, waliigaltee haaraa mootummaa Ameerikaa waliin taasifameen gara fuulduraatti bulchiinsi ulaa Hormuzii mootummaa Iraan fi Omaan walta'uun akka geggeeffamu, akkasumas dooniiwwan karaa sana fayyadaman kaffaltii tajaajilaa akka kaffalan yaadamaa jira.