Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileet Misgaanaa Waaqumaa Itoophiyaarra darbee Afrikaaf seenaa haaraa hojjete
Atileet Misgaanaa Waaqumaa Itoophiyaafis ta'e Afrikaaf seenaa haaraa galmeesse.
Atileetiin tarkaanfiin dorgomu kuni seenaa kana kan galmeesse Shaampiyoonaa Garee Tarkaanfii Atileetiksii Addunyaa Biraazil, Biraaziliyaatti taasifameerrattidha.
Dorgommii walakkaa maaraatoonii kanarratti Itoophiyaarraa kan dorgome Misgaanaan dorgommicha 1:27:33'n xumuruun meetii injifate.
Seenaa Itoophiyaa keessatti atileetiin Itoophiyaa akkana milkaa'e hin jiru jedhu gabaasaaleen garagaraa.
Atileetiksiin Addunyaa dorgommiin kuni ''haalaan cimaafi kan tilmaamu [nama] dhibu'' jechuun ibseera.
Dorgommii kana atileetiin Xaaliyaanii Firaansesko Forchunaatoo gara xumuraa saffisa haalaan dabalee injifateera.
Dorgommii morkiin cimaa keessa ture kanarratti atileetiin Itoophiyaan morkii jabaa godhe.
Yeroo fageenyi 19km gahu atileetonni sadii; Biraazilirraa Bonfim, Itoophiyaarraa Waaqumaafi akkasumas Xaaliyaaniirraa Forchunaato kaanirraa adda bahanii dorgommicha dursuu eegalan.
Gaafa sa'aatii 1:25 gahu Forchunaatoon dorgomtoota isaa of duubatti hambisee fuulduratti qajeele.
Atiletiin Awurooppaa kuni kilomeetira xumuraa daqiiqaa 3:42'n fiigee xumure. Kunis, dorgommicha keessatti saffisaa isa olaanaadha.
Kanaanis, dorgommicha sa'aatii 1:27:25'n seenuun injifate.
Atileetiin kuni barana dorgommii tarkaanfii mana keessaan 5000m'n riikardii addunyaa galmeesseera.
Keessumaa atileetii Biraazil Caio Bonfim jedhamu biyyuma isaatti mo'achuun gammachuu guddaa akka kenneef dorgommii booda dubbate.
Forchunaatoo biraa hafuu kan dide atileetiin Itoophiyaa milkaa'eera.
Kanaanis, Forchunaatoon dorgommii xumuree sakandii saddeet booda atileetiin Itoophiyaa Misgaanaan seenaa dalage.
Shaampiyoonshippii kanarratti qabxiin Misgaanaan galmeesse qabxii isa olaanaa Afrikaafuu galmaa'e akka ta'e Atileetiksiin Addunyaa dorgommicha qopheesse beeksiseera.
Atileetiin Biraazil biyya isaatti dorgome, Bonfim, 1:27:36'n sadaffaan xumureera.
Atileetonni Jarman fi Jaappaan afraffaafi shanaffaa bahan.
Riikardii Itoophiyaa
Atileetiin Itoophiyaa Misgaanaan wal dorgommii idil-addunyaa irratti Itoophiyaa bakka bu'ee yoo milkaa'u kuni isaaf yeroo jalqabaaf miti.
Wal tajjii guddicha Olompikii Paaris irratti hirmaatee tarkaanfii 20km'n kan dorgome atileet Misgaanaa Waaqumaa 1:19:31'n sadarkaa jahaffaan xumureera.
Dorgommii kanarratti qofaa isaa biyya kan bakka bu'e Misgaanaan sa'aatiin inni itti seene biyyaaf riikardiidha.
Riikardiin Biyyaalessaa yeroo fageenya tokkoon atileetiin kana dura yoo hin fiigne jiraate yookiin yeroon fooyya'aa gaafa galmaa'e kan galmaa'udha.
Ammattii nami biraa kana dura Olompikiirratti tarkaanfii 20km'n Itoophiyaaf yoo fiigee jiraate ifa miti.
Dorgommich atileetiin Ikkuwaador Pintaado Biriyaan Daani'el 1:18:55'n seenuun injifate. Atileetonni Biraaziliifi Ispeen itti aananii seenan.
Yeroos atileetii injifateefi Misgaanaa gidduu garaagartee sakandii 36 qofatu jira.
Kunis fuula duraaf qabxii guddaa akka fiduu malu kan akeekee ture.
Atileet Misgaanaa Waaqumaa bara 2024 Taphoota Guutuu Afrikaa Gaanaa adeemsifametti dorgommii tarkaanfii 20km'n warqii injifachuunis ni yaadatama.
Yeroos atileetiin Keeniyaa fi Aljeeriyaa isatti aananii lammaffaafi sadaffaa seenan.
Misgaanaan Shaampiyoonaa Dorgommii Tarkaanfii 30ffaa Turkitti dorgomameerattis hirmaatee ture.