Israa'el filannoo torbee dhufuun gaggeessaashee jijjiiruu dandeessi, imaammata Iraanirratti qabdu garuu hin jijjiirtu

Ministiira Muummee Israa'eel Beeniyaamiin Netaaniyaahuu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Filannoo torbee dhufu Israa'elitti gaggeeffamuun Beeniyaamiin Netaaniyaahuu ka'ee namni biraa filamuu danda'a. Biyyattiin gaggeessaashee jijjiiruu dandeess- garuu waan tokko hin jijjiirtu- imaammata Iraanirratti qabdu. Iraaan akka diina ija tokkoon rafanii eeggataniitti ilaaluun itti fufa. Tarkaafiin waraanaas itti fufa.

Dhimmi ijoon hin jijjiiramne dhimma Filisxeemotaati. Netaaniyaahuun filannoo kanaan injifatamee yoo deeme iyyuu, dhimmi Filisxeem biyya walabaa ta'uu ammatti ajandaa Israa'el irra akkahin jirre ibsa gabaasi Rooyitars.

Keessumaa haleellaa Hamaas bara 2023 gaggeesse ammoo imaammata Israa'el dhimma nageenyaarratti qabdu caalmatti akka jabeessitu taasisa.

Beeniyaamiin Netaaniyaahuu ammoo deeggarsa paartilee siyaasaa leellsitoota ta'aniin deebi'ee filama taanan, Israa'el imaammata nageenyaa kan duraanii caalaa cimsuun Iraanirratti haleellaa itti fufuu qofa osoo hin taane, to'annaa Weest Baankitti cimsuufi dippilomaasii qarqaratti dhiibuun humna waraanatti akka cichitu ibsu xinxaaltoonni jedha gabaasi Rooyitars.

Garaa garummaan gaggeessitoota Israa'el gidduu jiru garaa garummaa imaammataa osoo hin taane, hangam humna fayyadamuu akka qaban akkasumas Weest Baank keessatti qubsuma Yihudootaa hangam babal'isuu akka qabaniifi hammam dippilomaasii fayyadamuu akka qaban irrattiidha.

Filannoon Kibxata dhufu Israa'elitti gaggeeffamu, Tehraanii hanga Riyaaditti, kan jijjiiramni addaa wayii itti mul'atu osoo hin taane, Baha Giddugaleessaa keessatti walitti bu'iinsi hammam itti fufuu danda'a kan jedhuufi waraanni amma jiru osoo hin furamin waraanni biraa dhalataa kan jedhu kan itti ilaalamuudha.

Gorsaa duraanii Netaaniyaahuu kan ta'e Aviiv Bushiniskii turtii Rooyitats waliin taasiseen, "Netaaniyaahuun deebi'ee filama taanan, waan gochuu barbaade itti fufee hojjata. Weest Baank keessatti qubsumni [Yihudootaa] itti fufa. Waraanni Iraan, Hamaas, Hezbollaa irratti gaggeeffamuu itti fufa," jedha.

Dabaluunis, waanti amma mootummaan Netaaniyaahuu Baha Giddugaleessatti gochaa jiru, yoo inni irra deebiin filame caalmatti akka itti fufu ibsa.

"Waanta ammaa argaa jirtu, tarii bifa baay'ee cimaa ta'een itti fufee argita. Hanga Iraan haala sana keessa jirtutti waa'ee Filisxeem haasa'uun yeroo gubuudha," jechuun ejjannoo mootummaa Netaaniyaahuu hima Aviiv.

Netaaniyaahuun Onkoloolessa 18, 2026 imaammata mootummaansaa nageenyarratti qabu yoo ibsu, of ittisuurra dursanii tarkaanfii fudhachuu akka filatu hime.

Yaaddowwan jiran halaalumatti "ofirraa eegurra ykn ittisuurra Israa'el tarkaanfii hambsuufi [dursanii haleeluus yoo ta'e] haleeluutifif" dursa kennuu akka qabdu dubbate.

Imaammanni jijjiiramu maaliif hin jiraanne?

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Filannoo kanaan paartiin mormituu qondaala waraanaa duraanii Gaadii Ayizankootiin durafamu paartii Netaaniyaahuu kan ta'e Likuud fi michootasaa leellistoota ta'aniif qormaatadha.

Xinxaalaan Filisxeem Rooyitars dubbise Gaasaan al-Kaatiib akka jedhutti, bu'aan filannoo Israa'el tarsiimoo biyyattiin dhimma Filisxeemiis ta'ee dhimma nageenyarratti qabdu akka hin jijjiirre ibsa.

"Ijoon tarsiimoo [biyyattii] hin jijjiiramu: innis Filisxeem biyya ta'uun hin hayyamamu, qubsumni Yihudootaa itti fufa. Kanarratti hundi isaanii [paartileen Israa'el] ejjannoo wal-fakkaataa qabu," jedha.

Netaaniyaahuun filannoo kanaan yoo kufe, mootummaan dhufu hokkoraafi haleellaa qubattoonin Israa'el Filisxeemota irratti geessisaa jiran xiqqeessuun hariiroo Israa'el wal-tajjii idiladdunyaarraa dhabaa dhufte iddootti deebisuuf ifaajuu malu. Kuni ammoo jijjiirama bu'uuraa ykn imaammataa akka hin taane ibsa Gaasaan al-Katiib.

US gamasheen Iraanirratti dhiibbaa gochuurratti Israa'el wajjin waliin akka hojjatan ibsitus, isa namoonni siyaasaa Israa'el Weest Baank guutummaan Israa'el jala galchuuf jedhan akka mormitu beeksifteetti.

Dhaabbileen nageenyaafi namoonni siyaasaa Israa'el hedduunsaanii waa'ee biyyattii wantoota heddurratti tarsiimoo wal-fakkaataa akka qaban ibsa Carnegie Middle East tti qorataa kan ta'e Mikeel Yaang. Kunis: Iraan dura dhaabbachuu, humna waraanaa cimaa qabaachuu fa'aadha.

Weest Baankitti qorannoo kan gaggeessefi International Crisis Group tti qorataa kan ta'e Joost Hiltarmaan, haleellaan qubattoonni Isra'eel gaggeessan dabalaa dhufuun, Filisxeemonni abdii kutataa dhufuufi filannoon siyaasaa biraa dhabamuun, waanumti xiqqoon yoo mudatellee naannichatti warraaqsi cimaan akka uumamu gochuu akka danda'u ibsa.

'Iraan kan gadi qabuu danda'u Netaaniyaahuu qofa'

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp "ministiira muummee goota waraanaa ta'e" jechuun Netaaniyaahuu jajuun gaggeessaa Israa'el ta'ee deebi'aa akka filamuuf hawwiisaa ta'uu ibseera. Lammiileen Israa'elis akka isa filatan waamicha godheera.

Tiraampfi Netaaniyaahuun waliin ta'anii waraana Iraan waan eegalaniif waliin ta'anii xumuruu akka barbaadan ibsu xinxaaltonni.

Netaaniyaahuun mootummaa Iraan aangorraa hanga buusutti rafee akka hin bulle ibseera.

"Yaaddoo kana altokkoofi isa dhumaaf karaan karaan ittiin maqsan tokko qofa: mootummaa Iraan aangorraa buusudha," jechuun Kibxata darbe sirna eebba loltootaa irratti argamuun dubbate Netaaniyaahuun.

Mootummaa Iraan fonqolchuurratti akka hojjataniif humna waraanaa, qaamolee nageenyaafi tika biyyaalessaaf (Mossad) kallattii kennuu ibse.

Netaaniyaahuun mootummaa Iraan "oktopas summaa'aa" jechuun ibsa. Yeroo kaan ammoo "bofa mataansaa Tehraan taa'ee Baha Giddugalaatti hammeenya hanqaaqu" jechuun dubbata.

Beektonni waraanaafi xinxaaltoonni garuu US-Israa'el humna lafoo yoo bobbaasan malee, mootummaa Iraan kuffisuun tabba akka itti ta'u akeekkachiisu.

Iraan haleellaa ji'ootaaf irratti gaggeeffame erga dandamattee booda, karaa michoota [hidhattoota] Baha Giddugaleessaa keessaa qabduun mormitootashee akka humna fixachiistu hamileen itti dhagahamaa jira.

Mikeel Yaang akka jedhutti, USfi Israa'eel laaqii keessaa hin baanetti lixan. Hidhattoonni Iraaniin deeggaraman kanneen akka Hamaas, Hezbollaa, Huutiifi milishoonni Shiyaa Iraaq keessa jiran humnaan laaffatanis, jiraachuunsaanii Iraanif hamilee lolaa kennaaf.

Gama biraan ammoo biyyoonni Galoo Galaanaa dhiibbaa Iraan naannichatti geessistu kan irraa gadi qabuu danda'u Netaaniyaahuu qofaa akka ta'e hubatu. Biyyoonni kun imaammata Netaaniyaahuun naanicha irratti qabu kan hin deeggarre ta'anis, namni siyaasaa Iraan dura dhaabbachuu danda'u isa qofa akka ta'e amanu.