Dhimmi Maan Yunaayiutid kan fala hin arganne miti - Kaarik

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Maanchester Yunaayitid Mikaa'le Kaariik yaada dhimmi kilabichaa kan fala argatu miti jedhamaa jiru sirrii miti jechuun akka to'atamuu danda'u dubbate.
Kaariik kan kan jedhe taphoota torba walitti aansee osoo hin mo'iin Dilbata dirree isaarratti tapha Piriimer Liigiin Bornimaawoziin simatee keessummeessuuf qophaa'aa jiruttidha.
Yaada falmisiisoo taphattoonni buleeyyii kilabichaa Lisaandiroo Maartiinez fi Buruunoo Fernaandeez akkaataa kilabichi itti nama qacaratuu fi toofataa Kaariik ilaalchisuun kennaniin booda dhiibbaan isarratti cimaa jira.
Yoo Kaariik hojii isaa kan dhabuu ta'e, bara dorgommii dhiyoo keessatti jijjiirraa leenjisaa sadaffaa ta'a jechuudha. Raalf Raangnik dabalatee leenjistoonni saddeet sadarkaa olaanaa Sir Aleeks Fergusan kan bara 2013 soorama ba'etti dhihaachuu waan dadhabaniif hojii isaanii dhabaniiru jechuudha.
Taphattoota duraanii bebbeekamoo warra miidiyaa ofii isaanii qaban dabalatee dhiibbaa kilabicharratti yeroo jiran kanatti, deeggartoonni kilabichaas yaada Yunaayitid amma kilaba to'achuu rakkisaa ta'edha ykn dhimmi isaa fala dhabedha jechuun dubbachaa jiru.
Kaariik garuu yaada taphattoota duraanii fi deeggartoota kanaaf jecha tokkoon deebii kenne: "Lakki".
Haata'u malee, yaada garee isaa kana ilaalchisuun taphatoota pirofeeshinaalaa duraaniin, akkasumas warra yeroo baayyee hordofaniin kenname keessaa waan fudhate qaba.
Kana keessaa ammoo yaada gareen kun hanga irraa barbaadamu hin deemne, yeroo kubbaan garee morkataa isaaniin irraa fudhatamus deebisanii to'achuurratti, akkasums dhiibbaa uumanii taphachuurratti ni hafa isa jedhu kaaseera.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kaariik gahumsa waliigalaa kilabichaa ilaalchisee Roobii Shaampiyoons Liigii irratti garee Seesk Faabirigaaz, Koomootiin 4-0n mo'amuun booda "waan fudhayama hin qabnedha" jechuun amanee fudhateera.
Haata'u malee, kilabichi hanga isarraa eegamu gahumsa agarsiisaa hin jiru isa jedhuuf garuu yaadni fiiganii dhiibbaa godhee hin taphatu jedhu qofaa isaa sababa ta'uu hin danda'u jedha.
"Fiigaa hin jiran" yeroo jedhmu of eeggachuu barbaachisa," jedhe.
"Yeroo gara garaatti taphoota baayyee mo'anneerra; dhimmi dhiibbaa uumuun taphachuu jedhu kun kubbaa miilaa keessa kutaa ishee xiqqiidha."
Dhiibbaa godhanii taphachuu keessatti wantonni ilaalcha keessa galan gara garaa jiru. Kana jechuun maal jechuudha? Maaliif kana gargaaramta? Cimina keetiifidhaa? Bakkeewwan warra biroo qabachuufidhaa?
"Jechuma akkasumaan jedhameeraaf yoo ta'e malee akkaataa ittiin ilaalamu qaba. Kubbaa miilaa keessatti tapha mo'achuudhaaf dirqama dhiibbaa uumuu hin qabdu. Yeroo tokko tokko gochuu dandeessa, yeroo tokko tokko ammoo gochuu dhiisuu dandeessa."
"Tapha kubbaa miilaaf dirqama hangam fiigdeenis murteessaa hin ta'u."
"Amma wantota baayyee bara dorgommii darbe keessa, akkaumas bara kana keessa hanga tokko gochaa turretti yeroo itti deebinudha."
Kaariik fi Soolshaayeritti dhiyoodha
Kaariik Amajji keessa ture bakka Ruuban Amooriim bu'uun hogganaa isaa duraanii fi hiriyyaa isaa Olee Gunnar Solshaayer dursee keessa muudamus, lamaan isaanii walitti dhiheenya qabu.
Soolshaayer bara dorgommii duraa Roosenboorgiin ji'a Adoolessa keessa injifachuu isaa dura gara buufata Yunaayitid Tirondihayim jiru deemee Kaariik fi garee isaa waliin yeroo dabarseera.
Torban kanas wal qunnamtii kan qaban ta'uun barameera. Kaariik leenjisaa duraanii kilabichaa amma guyyaa dhaloota isaa waggaa 85 kabajachuutti kan dhiyaateefi tapha kilabichaa daawwachuurraa hin oolle Fergusan waliin akka dubbateerus mirkaneesseera.
Fergusan bara 2006tti Kaariik Tootinaam irraa kan mallatteesse yoo ta'u, bara 2017 tapha akka addaatti yaadatamu Ooldiraafoorditti taasise irrattis garee Maanchistar Yunaayitid taphataa sarara gidduu kanaa hoogganeera.
"Lamaan isaanii waliiniyyu yeroo yerootti waliin dubbanna," jedhe Kaarik.
"Sana keessa wanti addaa hin jiru. Lamaan isaaniittiyyu nan dhiyaadha. Torban kana wanti adda ta'e hin jiru."
Kaariik haala kilabichaa kana jijjiiruu akka qabu mirkaneeffateera, kanaaf garee isaa amma ga'umsa gadi aanaarra jiru Boornemaawuz waliin taphachuun agarsiisuun irraa akka eegamu ni beeka. f
"Ani sirriittin 100%, isaan amana," jedhe.
"Dilbata [har'aa] garee addaa taana."























