Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shakkamtuu dhukkubsataa hospitaala jiru irraa hattu poolisiin badii 65'nin himate
Kaanaadaa Ontaariyootti dhaabbilee fayyaa garagaraa keessatti dhukkubsataa fi hojjettoota irratti dubartii yakka waliindhahuu fi hanna raawwachuun shakke poolisiin balleessaa 65nin himateera.
Dubartiin yakka hannaan shakkamte kuni Naasiim Eroon akka jedhamtuufi nama ganna 34 akka taate akkasumas Kibba Torontoo, naannoo Barliingtan jedhamu akka jiraattu Poolisiin Ontaariyoo himeera.
Poolisiin akka jedhutti ''qorannoon kan jalqabe meeshaan dhukkubsattootaafi hojjettootaa badaa akka jiru eeruun kennamuun booda dha.''
Taateen kuni bara 2024 irraa qabee qoratamuu kan jalqabe yoo tahu hamma baatii darbettis qorannoon itti fufee ture. Shakkamtuun kuni dhaabbilee fayyaa gargaraa keessatti hojjetteetti.
Shakkamtuun kuni mana murtiin balleessaa yoo irratti murame waliindhahuu 34'n adabbii doolaara 5,000, hanna 13 adadbbii doolaara 5,000, si'a torba ajaja dhaddachaa hordofuu diduu, dhimmooti balleessaa ittiin jedhamuu dandeessu biroon ammoo amantii cabsuufi nama biraan of fakkeessuu fa'a dha.
Poolisiin qorannoo kan jalqabe yeroo dubartiin kuni Hospitaala Orillia Soldiers' Memorial Hospital, jedhamuu keessaa yeroo hojjetaa turte eeruun yakka hannaa isa qaqqabuun booda dha.
''Yakki hannaafi waliindhahuu baay'inaan hospitaalotarraa dhukkubsataa fi hojjettootaan komiin dhagahamuuni'' jedhe poolisiin
Kanaan booda qoranoonn kuni hopitaala adda addaa irratti geggeeffamuun taateen walfakkaatan baayyee adda baafamaniiru.
Naannoo hospitaala meeshaan akkaan baayyee tahe irraa hatametti dubartiin kuni akka qabamtu ajajni mana murtii baheera.
Hospitaalota kunneen keessatti dubartiin kuni gaheen hojiishee maal akka tahe hin baramne.
Akka poolisiin jedhutti hanni kana caalu raawwatamuu waan maluufi kanneen shakkii qaban gabaasuu malu.
Qorannoo hannaa kanaan poolisiin hospitaalota shan waliingaheera.