Waraanni kun kan dhaabbatu marii qofaani- Iraan
Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii waraanni Ameerikaa waliin itti jiran kan dhaabbachuu danda'u ''marii qofaan'' ta'uu ibse.
Yaada marii dhihaate fudhachuu dhabuun US mariisistootaan kan mirkanaa'e miti jedhe qondaalli Iraan kun.
Duraan Pirezidant Doonaald Tiraamp Ulaan Hormuuz banamuu mormuu hordofee mariisistoota irraa deebii akka eegdu Iraan ibsitee turte.
Tiraamp karoora Ulaa Hormuuz banuu Iraan dhiheessite kuffisee ture.
''Yaadi Iraan dhiheessite fudhatama hin qabu,'' jedhe Tiraamp wayita Waayit Haawusitti gaazexeessitootaaf ibsa kennu.
Iraan guyyoota torba keessatti dhimma Ulaa Hormuuz irratti akka waliigalteerra ga'amu kan barbaaddeef ''akka malee waan injifatamteef,'' jedhe Tiraamp.
Abbaas Araagchii gama Tiraampiin karoorri kun kufaa ta'uu akka quba qabu ibsuun, garuu hanga Waashingitan dhimma kanarratti ifatti deebii kennitutti akka eegan ibse.