Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Foobiyaawwan: wantoota nu hin miine maalif sodaanna
Sodaan dhala namaatiif miira baay'ee barbaachisaa akka ta'e ogeeyyiin himu.
Yunaayitid Istetis, Niwu Jeersiitti kan argamu Yunivarsiitii Ratgarsitti pirofeesara xinsammuu kan ta'an Vaanessaa LoBue, "sodaan wantoota balaaf nu saaxiluu danda'an irraa nu eega waan ta'eef barbaachisaadha" jedhu.
Haa ta'u malee sodaan gara sadarkaa olaanaafi dadhabsiisaa ta'etti yoo guddate foobiyaa akka ta'u Hangarii, Yunivarsiitii Peeksitti daayrektara laaboraatoorii Visual Cognition and Emotion jedhamuu kan ta'an Andiriyaas Zsido himu.
"Sodaan wanta itti fufiinsaan jijjiiramu akka ta'etti ilaaluu dandeenya. Jalqaba sodaa uumamaan eegala. Namni kamiyyuu waa ni sodaata" jedhu.
''Haa ta'u malee jireenya guyyuutiif gufuu ta'uu eegallaan foobiyaadha jennee fudhachuu dandeenya" jedhu.
Foobiyaan wanta waliin dhalannumoo kan booda keessa baratamu?
Foobiyaawwan tokko tokko namoota heddu irratti yaa mul'atan malee foobiyaan wanta namni waliin dhalatu akka hintaane ogeeyyiin harki caalmaan amanu.
Akka fakkeenyaattis sodaan miira daa'imman xixiqqoo keessa hinjirre akka ta'e LoBue himu.
"Hanga guddattutti sodaa hinbeektu, sababnisaas waa sodaachuuf wanta sana xiinxaluun sodaachisaa ta'uusaa hubachuu gaafata. Kana gochuuf immoo waa'ee addunyaa waa beekuu qabda" jedhu.
Kanaafuu sodaan wanta waliin dhalannu erga hintaaanee namoonni maaliif foobiyaa sarariitiifi bofaa qabaatu?
Yunivarsiitii Viyeenaatti pirofeesara xinsammuu guddinaa kan ta'an Isteefaanii Hoehl ogeeyyii dhimma kanarratti qorannoo taasisan keessaa tokko.
Qorannoon kunis daa'imman reefu dhalatan wayita abaaboofi qurxummii ilaalanirra wayita bofafi sarariitii argan qaroon ijasaanii akka guddatu agarsiiseera.
Guddachuun qaroo ijaa daa'immanirratti mul'ate kunis mallattoo balaa mudachuu danda'u hubachuu ta'uu mala. Kana malees guddachuun qaroo ijaa sirna noraadrenerjik (noradrenergic system) waliin kan walqabatu yemmuu ta'u, sirni kun murtee qaamni keenya loluu yookiin baqachuuf (fight or flight) fudhatu waliinis walqabata.
Sodaan dhimma namni uumamaan waliin dhalatu akka hintaane kan amanan Hoehl, garuummoo akkaataa sochiisaaniirraa ka'uun wantoonni naannoo keenyaa kaanirra dafnee adda baafannu jiraachuu himu.
Ogeeyyiin tokko tokkommoo sodaan wantoota tokko tokkoo bu'aa jijjiirama tirannaa akka ta'e amanu.
"Namoonni bara durii naannoo haala jijjiiramu qabufi wanta uumamu danda'u dursanii tilmaamuun hindanda'ame keessa jiraachaa turan" kan jedhan Zsidon, "Adeemsa guddina dhala namaa keessatti sodaafi foobiyaan hundi yeroo wayiitti sababa qabeessa turan. Adeemsa keessa garuu barbaachisaafi sababa qabeessa ta'uunsaanii hafe" jedhu.
Gama biraatiin mudannoon badaa bineensa yookiin meeshaa wayii walin qabnus wanta sana akka sodaannuuf sababa akka ta'u LoBue himu.
Dabalataan deebii negatiiva namoonni biroon wanta tokkoof kennanirraa ka'uunis wanta sanaaf miira sodaa gabbifachuu dandeenya. Bifa kanaanis foobiyaan dhalootarraa dhalootatti darbuu akka danda'u Hoehl himu.
'Fiilmiiwwan ilaalaa'
Foobiyaawwan sarariitiifi bofaa namoonni baay'een qabaniif yaadawwan, sirboonni, fiilmiiwwanfi barmaatileen kutaalee hawaasaa bal'aa qaqqaban gahee akka qaban LoBue himu.
"Fiilmiiwwan ilaali, kitaabilee ilaali. Boftifi sarariitiin yoom waan gaariin fakkeeffamanii beeku? Gonkumaa hinbeekan" jedhu.
Gama biraatiin immoo saaxilamummaan naannoo uumamaaf qabnus foobiyaa qabaachuufi dhiisuu keenya keessatti gahee akka qabu Zsido'n himu.
Qorannoon ogeessi kun taasisan namoonni iddoowwan magaaloman keessa jiran kunneen iddoowwan biroo jiraatan caalaa foobiyaa bineensotaa yookiin naannoo uumamaa akka qaban agarsiisera.
"Namoonni uumama walin yeroo dheeraa dabarsanfi uumama walin muuxxannoo qaban kunneen biroo caalaa carraa bineensota argan sodaachuu gadi aanaa ta'e qabu" jedhan.
Yeroo ammaa kana ummata addunyaa keessaa dhibbeentaan 80 ol kan ta'u magaalota keessa kan jiraatan ta'uunsaas foobiyaawwan bineensotaan walqabatan namoota baay'eerratti mul'achuusaanif sababa akka ta'e hubachuun ni danda'ama.
Sodaawwan qabnu ofirraa baleessuu
Foobiyaawwan qabnu ofirraa balleessuun akka danda'amu ogeeyyiin heddu kan waliigalan yemmuu ta'u, kunis foobiyaawwan kunneeniif caalmaatti ofsaaxiluun akka ta'e himu.
"Haalawwan murtaa'an keessa yeroo taatu mijaa'ina sidhorka taanaan haala sanaaf caalmaatti of saaxiluun of qoruun gaariidha" jedhu Hoehl.
Saaxilamummaa wanta sanaaf qabdu adeemsa keessa guddisuun gaarii ta'uu kan himan LoBue immoo, fakkeenyaaf suuraa wanta sodaannuu ilaaluu, waa'eesaa baruufi adeemsa keessammoo wanta sana qabatamaan arguun foobiyaa ofirraa balleessuu akka dandeenyu himu.
Garuummoo foobiyaan keessan akkaan cimaafi jireenya keessanirratti dhiibbaa guddaa kan qabu yoo ta'e gorsa ogeeyyii gaafachuun gorfama.
Gama biraatiin immoo wantootaaf dursanii saaxilamuun sodaa qabnu balleessuu qofa osoo hintaanee jalqabumaayyuu wanta sana akka hinsodaanne nutaasisuu akka danda'u qorannoon Zsido agarsiisa.
"Muuxxannoon dhuunfaa sodaa gabbifachuufi dhiisuu keessatti dhimma murteessaa ta'edha" kan jedhan ogeessi kun, "Yoo muuxxannoon yeroo daa'imummaa keenya posatiiva ta'e sodaan nukeessatti akka hinguddanneef ittisa nuuf ta'a" jedhaniiru.