Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ambasaddaraa Irreechaa', Adonaay fi abbaa qabeenyaa ijoo dubbii ta'anirratti waan jedhame
Tibbana odeeffannoon namni gama toora miidiyaa hawaasaa TikTok irratti beekamuu Adoonaay Birhaanee Hayile Mikaa'el Ambasaaddara Irreechaa bara kanaa ta'uun filatameera jedhuu miidiyaalee hawaasaa irraatti baayyee faca'aa jira.
Dhimmi kun ijoo dubbii miidiya ahawaasaa ta'uu kan danda'eef: Tokkoffaa, Irreechi ayyaana Oromoo keessaa bakka guddaa waan qabuuf Irreecha namni bakka bu'u ykn "Ambaasaaddarri" isaa eenyu ta'uu qaba kan jedhu dubbii kaase.
Kan lammeessoo ammoo TikTokera tokkoof gahee aadaa akkasiirratti beekumsa gadi fagoofi hubannoo barbaachisaa qabaachuurra osoo hin ga'iin muudama kana kennuun sirrii miti kan jedhudha.
Wanti hin haalamne tokko Adonaay miidiyaa hawaasaarratti, keessumaa TikTok irratti beekamtii guddaa qaba. Kun ammoo beekamtii dijitaalaa fi gahee aadaa walitti fiduurratti faayidaa ni qabaata.
Kana jechuun aadaa Oromoo keessatti dhaloota dargaggootaa carraa miiidiyaa hawaasaarratti beekamtiifi hordoftoota hedduu qabuun Irreecha bakka bu'uun dargaggoota gara aadaafi eenyummaa Oromootti hawwachuuf carraa ta'uu akka danda'u kaasuun kan dubbatanis jiru. Kana jedhanis garuu sirna, safuufi adeemsa aadaa isaa bifa kabajuun ta'uu hunduu yaada kaasaniin irratti waliif galu.
Ambasaddarri Irreechaa muudamuun hangama dhugaadha? Yoo dhugaa ta'e adeemsa akkamiin isa jedhuuf Abbootii Gadaa sagantaa sanarra turan keessaa BBC'n Abbaa Gadaa Tuulaama Geetuu Taliilaa dubbiseera.
''Abbootiin Gadaa Tuulamaa nama kamiyyuu Ambasaaddara Irreechaa bara kanaa jedhanii hin muudne'' jedhu.
Odeeffannoon kun maalirraa madderee?
Abbaan Gadaa Tuulamaa haala taatee kanaaf ka'uumsa ta'e akkas jechuun ibsan.
Dhabbata daldalaa dhuunfarraa waamicha kabaajaa isaaniif taasifamuu fi gaafa guyyaa 17/12/2018 saganataa eebba irratti Abbootiin Gadaa fi namoonni bebbeekamoon argamuu himu.
''Waamicha nuuf taasifameef salgii keenya guutannee Abbootiin Gadaa fi Haadholeen siinqee nama 17 ol taanee sagantaa waamicha irratti argamuun keenya dhugaadha''.
Sagantaa kana irratti simannaan isaanif taasifamuu fi affeerraan laaqaanaa teesifamuu kan himan Abbaan Gadaa sagantaa sanan booda abbaan qabeenyaa dhabbatichaa Obboo Mootii Morodaa namoota muraasa akka dirriba uffisanii beekamtii kennaniif isaan gaafachuu himu.
''Gadaa ni dirribatti malee gola hambaa keessatti namatti hin dirribamuu, nuf hin hayyamamu jennee didnaan, ofiif itti dirribate'' jechuun haala ture ibsu.
Waa'ee Irreechaa fi Ambasaaddara filaachuu ykn muuduu irrattis mariin akka hin turre BBC tti himan Gadaa Tuulaama Geetuu Taliilaa.
Garuu erga sagantaan goolabamee deemanii booda taateewwaan ta'an, odeeffannoo fi surraawwan qophii malee kaafamne, akkasumallee, Ambasaddarri Irrechaa muudame jedhu miidiyaarratti bahuu arguu dubbatan.
''Yeroo dirribni itti uwwifamu, Adoonay Afaan Amaaraan yeroo jalqabaaf Abbotii Gadaa biratti argamuu ibse, nutis warra aadaa fi eenyummaa Oromoo jaalatu taanaan waaqi isin haa jalaatu jeneennirra, garuu Ambasaddara jennee hin filanne waan muudnes hin qabnu'' jedhan.
Adoonaay maal jedha?
Adonaay dhimma ambaasaaddara jedhamuusaa ilaalchisee yaada miidiyaa hawaasaa gubbaatti maxxanseen guyyoota muraasa dura Abbootii Gadaa waliin walargee laaqana nyaachuu ibse.
Saganataa sanarrattis muuxannoo haaraa ''eebbaa fi gorsa guddaan argadhe'' jedhe
''Ammoo ambaasaaddara Irreechaa ta'ee muudame kan jedhu dogoggoradha. Kana akkahubbattan barbaada. Garuu wanti beekamuu qabummoo hundi keenyayyuu ambaasaaddaroota aadaa keenyaa ta'uu qabna.'' jedhe.
Adonay Feestivaala guddaa kana addunyaatti agarsiisuuf ''ambaasaaddara ta'ee muudamunis narra hin jiru jedheera. Aadaafi duudhaa Oromoo barachaa akka jiru fi itti gammaduus dubbateera
Adeemsi Ambasaddara Irrechaa filachuu seera qabeessa ta'ee Oromoo fi Oromiyaa keessaa qofa filatamuu qaba yaada jedhu kan miidiyaa hawaasa irraa deemaa jiru isin itti amantuu yaaada jedhu yoo ibsan Abbaa Gadaa Tuulaama Geetuu Taliilaa akkas jedhu.
''Abbumaan isa kan Oromoo haa ta'uu malee amma Ayyanni Ireechaa ayyana Addunyaa ta'eera''
Ambasaddarri Irrecchaa karaa seera qabeessa ta'ee fi Biiroon Aadaa fiTurizimii Oromiya beekuun hayyoota duudhaa fi maalummaa ayyanichaa ni beeksisu ni guddisu jedhamee yaadamu Oromoo irras ta'e saboota biroo irraa hanga lammii biyya alaattiyyuu filachuun ni dand'ama
Garuu murtoon akkasii marii fi walgaltee tokko malee adeemsa gola nama dhuunfaa tokko keesstti rawwatamuun miti'' yaada jedhu qabu.
Yeroo sagantaaan akkasii barbaachisetti Abbootiin Gadaa dhimma Ummata Oromoo fuulduratti hojjatan gama miidiyaan ibsa kennuun iftoominaan ummata ummata kan beeksisan ta'uu ibsan.
Deebiin dhabbatichaa hoo maali?
Dhabbanni daladaa dhuunfaa Ambaasaaddara ayyaana Irreechaa ummata Oromoo hunda bakka bu'u akkamiin filachuu danda'e jennee Obbo Mootii Morodaa gaafanneerra.
Obbo Mootiin dhabbati isaanii ayyaana Irrechaa irratti sagantaa qopheeffatan qabaachuufi guyyaa taateen kun muudame qaamolee fi namoota dhaabbilee isaanii waliin hojjataniif sagantaa beekamtii kennuu qopheessu himan.
Guyyaa sanas kan ta'e sagantaa beekamtii kennuu fi fulduratti waliin hojjachuuti malee sagantaa Ambasaaddara Irreechaa filuu mitii jechuun haalan.
''Adoonay ambaasaddara dhaabbata keenyaa goochuu dandeenya, garuu aangoo fi seera akamiin Ambasaddbara Irrechaa goona?'' jechuun gaafata?
Kanaaf, odeeffannoo dogongoraa miidiyaa hawaasarra fac'aa jiraachuu fi dhabbatni isaanii sana akka hin raawwanne himaniiru.