Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Puuntlaand Turkiin handaara galaanaa isheetti haleellaa raawwachuu himatte
Qondaalli olaanaan Somaaliyaa kutaa bulchiinsa Puuntlaand Turkiin haleellaa hedduu handaara galaanaa Somaaliyaatti raawwatte jechuun himatan.
Haleellaan kun dooniin fe'iisaa wanbadoota galanaarraa Somaaleetiin butamuu hordofee haleellaa raawwatame jedhame.
Ministirri itti aanaan nageenyaa Puuntlaand AbdiraahmaanYusuuf BBC Afaan Somaalitti akka himanitti bulchiinsi isaanii haleellaa naannawa handaara galaanaa kutaa bulchiinsa Nugaal keessatti namoota fixe kanaaf Turkiin akka itti gaafatamtu amana.
Bulchiinsi mootummaa federaalaa Somaaliyaas taatee kana keessaa harka qabaachuu himatan.
AbdiraahmaanYusuuf yaada BBC'f kenne kanaaf ragaa qabatamaa hin dhiyeessine. Biyyi, humni waraanaa ykn gareen hidhattootaa gaafatama fudhate hin jiru.
"Wanbadummaa galaanarraa irratti qabsawaa jirra, garuu namuu immoo mirga qaba. Callistee nama wayii ajjeessuu immoo hin dandeessuu" jedhe qondaalli kun.
Haleellaan kan eegalame wanbadootni galaanarraa Hagayya 17 handaara galaanaa Puuntlaanditti doonii alaabaa Kaaameruun mirmirsitu 'M/V Lutuf' to'achuu isaanii hordofeeti.
Aangawoonni Somaalii Associated Press'tti akka himanitti dooniin tun meeshaa waraanaa, meeshaalee qunnamtii fi saatalaayitii qunnamtii buufata waraanaa Turkii Moqadishoo jiruuf geessuuf feetee turte.
Dooniin tunii fi hojjettoonni ishee gara handaara galaanaa Nugaal geeffaman.
Hagayya 18 illee akkasuma dhiyeenya iddoo Garmaal jedhamuutti bidiruu dhiyeenya iddoo wanbadoonni bidiruu butan kanaa ofirra deebi'uun gara qarqara galaanaatti deebi'aa turterratti haleellaa raawwatameen namoonni afur ajjeefamuun lama immoo madaa'anii jiru.
Maddeen dhiyeenya turan tokko tokko kanneen ajjeefaman shakkamtoota wanbadoota galaanarraati.
Firoonni namoota ajjeefamanii fi jiraatonni naannichaa garuu warra qurxummii kiyyeessutu ajjeefame jedhu.
Haleellaa hamaan lammeessoon namoota galaafate Hagayya 23 aanaa Jiifle bulchiinsa Godob-Jiraan raawwwate.
Bulchaan aanichaa namoonni sagal ajjeefamuu BBC Afaan Somaaleetti himan.
Jiraattonni taatee kana daawwatan reeffa namoota saddeetii abiddaan gubate ijaan arguu himan.
Akka bulchaan kun jedhanitti kanneen ajjeefaman keessaa namni hawaasni qurxummii kiyyeessuun isa beeku tureera.
Garuu bidiruun tun maaliif akka galaanarra turte ibsuu fi kanneen haleelaman wanbadoota faana hidhata qabaachuu fi dhabuu isaanii ibsuu hin dandeenye.
Dooniin M/V Lutuf haleellaa kana dursee gara naannichaatti socho'aa turte.
Haleellaa kanaaf namni itti gaafatama fudhate hin jiru.
BBC'n kan gaafate Ministeerri Dhimma Alaa Turkii Ankaaraan waayee haleellaa kanaa odeeffannoo hin qabdu jedhan.
AbdiraahmaanYusuuf garuu kallattummaa Turkii himatan.
"Ragaa qabna," jedhan, Puuntlaand waayee sochiin Turkiin naannawa doonii fi handaara galaanaatti gootu irratti odeeffannoo qabna.
BBC'n himannaa kana ilaalchisee waan mirkaneeffate hin qabu.
Himannaan Puuntlaand kun wayita waayee oppireeshinii kanaarratti mootummaa federaalaa Somaaliyaaratti gaaffiin jabaachaa jirutti.
Hagayya 22, Ministeerri Ittisaa Somaaliyaa, Omar Alii Abdii, miidiyaa biyya keessaatiin, Somaaliyaan oppireeshinii deemaa jiruu fi haleellaa handaara galaanaa Puuntlaandi fi naannichatti raawwatamaa jiruu quba qabaachuu himan.
Mootummaan gabaasa bal'aa qopheessaa akka jirus himan.
Omar Alii Abdii oppireeshiniin waraanaa wanbadootarratti raawwatamu, bishaan Somaaliyaarratti raawwatama. Mootummaan federaalaa Somaaliyaas ajajuuf aangoo seeraa qaba jedhan.
Biyya ykn humna waraanaa oppireeshinii kana raawwatu garuu adda baasanii hin ibsine.
Kun gaaffilee hedduu kaasa
Kun gaaffilee hedduu kaasa: eenyutu haleellawwan kanneen raawwata, Moqadishoon haa ajajjuuf haa dhiiftuu, namoota nagaa eeguuf immoo tarkaanfii maaltu fudhatama?
Abdurrahmaan Yuusuf wal dura dhaabbannaan siyaasaa Puuntlaandii fi mootummaa federaalaa Somaaliyaa wanbadummaa galaanarraa to'achuu rakkisaa godheera.
Hariiroon lamaanii hammaatee jira, Abdurrahmaan Yuusuf haala kana keessatti hirmaannaa Moqadishoo himatan.
Ragaa hin dhiyeessine. Puuntlaand networkiwaan wandabummaa galaanarraa deggaran akka qorattu ibsan.
Namoonni naannicharraa bahan meeshaalee akka GPS fi kompiyutaroota dooniiwwan dhibbaan lakkaawan hordofuuf oolan qabu jedhe.
Garee hidhattoota Al-shabaab ykn IS ta'uu danda'aa kan jedhameef ragaa hin qabnu jedhe.
Gama kaanin, Puuntlaand duula wanbadummaa galaaanarraatti gootu akka jabeessitu himte.
Abdurrahmaan Yuusuf akka jedhetti, Puntlaad humnaa fi meeshaa wanbadooota galaanarraa lafarrattis ta'e bishaanirratti loluuf ishee dandeessisu ni qabdi, garuu yeroo wanbadoonni kunneen wayita wanbadoonni kunneen hojjettoota doonii booji'an hojichi walxaxaa akka akeekkachiisaniiru.
"Namoonni isaan booji'an sun miidhamuu hin qaban," jedhan.
Deeggarsi idil-addunyaa humna galaanarraaf godhamus haaromfamuu akka qabu waamicha taasisan, kanaan dura waliigalteen Puntlaandi fi humni galaanarraa biyyoota alaa wayita saamicha galaanarraa jabaa turuu ibsan.
BBC'n Imbasii Turkii Moqadishoo jiruu fi itti aanaa Ambaasaaddaraa wayee haleellaa kanaa himannaa Puuntlaand irratti deebii akka kennaniif yaalii godheera.
Ministeera ittisaa fi odeeffannoo Somaaliyaas ibsa akka kennaniif carraaqii godheera.