Kanaadaan omishaalee US irra taarifa %50 kaa'un Tiraamp haaloo baate
Kanaadaan meeshaaleefi omishaalee US irra gara daangaashee seenan irra taarifa %50 kaa'uu beeksiste.
Biyyaattiin taarifa haaraa US kan keesse, torban darbe Tiraamp taarifa %50 omishaalee Kanaadaa irraa gabaa US seenan irra kaa'uu hordofeeti.
Taarifa bulchiinsi Tiraamp omishaalee Kanaadarra kaa'e hordofee Ministiirri Muummee Maark Kaarnee fiTiraamp mariyatanis waliigalteerra hin gahin hafan.
Maark Kaarnee "US waraana diinagdee nurratti bante" jechuun biyyisaaniis deebii akka kennitu ibsanii turan.
Kanaadaan taarifa haaraa kana doolaaran kan US irra keesse yoo ta'u, omishaaleefi meeshaalee daldalaa US gabaa Kanaadaa seenan irra taarifa kan UStiin wal-gutu %50 kaa'uun Tiraampiif deebii kenniteetti.
Taarifni Kanaadaan keesse kun omishaalee US gabaa Kanaadaaf dhiyaatan gatii dolaara biliyeena 20 baasu yoo ta'u, omishaalee akka qurxummii, huccuu, fi sibiila fa'aadha taarifa Kanaadaa kanaaf kan saaxilaman.
Biyyoonni lamaanuu muddama taarifa diinagdee keessa kan galan, mariin dhimma taarifa Tiraamp kaa'e irratti torbee darbe taasifame waliigaltee malee xumuramuu hordofeeti.
Biyyoonni lamaanuu marichi milkaa'uu dhabuusaaf quba walitti qaban.
Kanaadaan biizinasiiwwan taarifa UStiin miidhamaniif dolaara Kanaadaa bililiyeena 7.5 bifa deggarsaan qopheessus beeksiste.