Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhimmi 'Garee Maafiyaa 120 ummata hiraarsu' eessa gahe?
''Garee Maafiyaa 120'' magaalaa Amboo keessatti gurmaa'uun yakka hojjecha turan 13 irratti qorannoon gaggeeffamuun himanni banamuu Itti gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Dagaagaa Hundumaa BBCtti himan.
Shakkamtoonni kunneen magaalaa Amboo keessatti gurmaa'uun yakka wanbadummaa raawwachaa turuun himataman jedhan.
Galmee shakkamaa Kaasayi Qananiisaa Bultii jedhamu jalatti namoonni 13 yakka miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa geessisuun qabeenya namaa humnaan fudhachuu, ijaarsa seeraan alaa raawwachuu fa'aan himataman jedhan.
Himatamtoota keessaa galmee Kaasayi Qananii jalatti kanneen akka Taakkalaa Darroo Birruu, Abdiisaaa Guddataa, Habtaamuu Alamaayyoo Guutaa jedhaman fa'aa argamu.
Walumaagalatti namoota 13 tahantu yakka kanaan himatame. Hundi isaanii dhira yoo tahan, galmee Kaasayi Qananiisaa jalatti himataman.
Kan ittiin himataman bara 2015 irraa eegalee yakkoota daddabalamuun raawwatamaa turaninidha. Isaanis yakka wanbadummaa cimaadhaan himataman jedhan obbo Dagaagaan.
Namoota doorsisuun Miidhaa qaamaa irraan gahuun, gareedhaan gurmaa'anii qabeenya isaanii irraa fudhachaa turan. Yeroo yakka kana raawwatan viidiyoo waraabuudhaan miidhaa agarsiisaa turan.
Yakka miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa, gurmaa'anii qabiyyee lafa nama dhuunfaa humnaan fudhachuu fi lafa mootummaa irratti ammoo ijaarsa seeraan alaa raawwachuun himataman.
Obbo Dagaagaan galmeen qulqullaa'ee Abbaan Alangaa Mana Murtii Shawaa Lixaatti himannaa irratti baneera jedhan.
''Dhimmi isaanii mormii sadarkaa duraa bira darbamee ragaa abbaa alangaa dhiyeessuuf gaafa 18/12/2018tti beellamameera.
Isaan yakka kana guutummaan hin hojjenne jechuun waakkataniiru. Abukaatoo dhaabbachuun falmaa jiru,'' jedhan.
Miidhamtoonni dhuunfaa miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa irra gahe, lafti isaanii humnaan irraa fudhatame gara namoota 15 akka tahan kan himan Obbo Dagaagaan lubbuun namaa darbe garuu hin jiru jedhan.
Gareen kun yeroo dheeraaf magaala keessatti yakka yeroo hojjetan qaamni nageenyaa isaan to'ate hin turre.
Guyyaa adii magaala keessatti nama reebu, doorsisu. Kanaaf qaama tika biyyattii waliin hidhata qabu kan jedhan jira.
''Maqaa isaanii kana [himatamtootaa] hawwaasni 120 jechuun beeka. Gareedhaan socho'u. Inni tokko miidhaa yeroo namarraan gahu inni tokko viidiyoo waraaba. Hawwaasnis garee Maafiyaa 120 jechuun isaan beeka,'' jedhan Obbo Dagaagaan.
Garee kana eenyutu hundeesse? Kaayyoon isaa maali kan jedhu bira hin gahamnes jedhan.
Isaan garuu maqaa kanaan of hin waaman kan jedhan Obbo Dagaagaan qaamni nageenyaa isanitti hin bu'u, wal quba qabu kan jedhu hawwaasa keessa jira jedhan.
Obbo Dagaagaan ''yakki isaan raawwatan magaaluma Amboo keessattidha. Guyyaama yakkicha raawwataa turan. Ganama sa'a 3:00, sa'a booda gara sa'a 8:00, 11:00 fa'aa raawatamaa turan.
Mana girooserii keessatti, buufata konkolaataa keessatti raawwatamaa ture. Kana irraa ka'uun qaamni nageenyaa osoo quba qabuu dhiise, kanaaf wal quba qabaachuu hin hafan shakkii jedhu hawwaasa keessatti uumeera'' jedhan.
Garuu dhimma kanaan wal qabatu galmee qorannoo keessatti hin arganne jedhan.
Obbo Dagaagaan himatamtoota kanneen mana murtiittis ''Garee Wanbadootaa 120 jennee waamna. Ragaan keenyas kanuma nuuf mirkaneessa. Galmeen qorannoos akkasitti beeka. Ragaalee namootaas akkasitti isaan beeku,'' jedhan.
Miidhamtoota dabalatee ragaalee hedduu isaan irratti dhiyeessuuf beellamani Wiixata dhufutti qabamuus himan.
Miidhaa gareen kun namoota nagaa irra gahaa ture jedhamu miiidyaa hawwaasaa irratti erga akka malee qoodamaa turee to'annoo jala ooluun isaanii ni yaadatama.
Garee 120...
Reebichawwan magaalaa Amboo keessatti raawwataman kunneen duuba gareen maqaa '120' jedhuun waamamu akka jiru jiraattonni BBC'n haasofsiise ni himu.
Shakkamaan Kaasayee Qananiisaa jedhamuufii to'annoo jala ooluunsaa himame ammoo hogganaa garichaa akka ta'e dubbatu jiraattonni magaalaa Amboo.
Jiraataan magaalaa Amboo reebichi irratti raawwatame inni biraaniifi nageenyasaaniif jecha maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan torbee muraasa dura bilbilaan waamamanii garee kanaan reebamuu himan.
"Hiriyaakee faana jirra koottu" jedhanii waamamuu kan himan jiraataan kun, "iddoo nawaaman sana deemee gadi taa'uuf yeroon jedhu bunyaadhaan na eegalan," jedhan.
Reebichi kunis garee namoota saddeet of keessaa qabuun irratti raawwatamuufi wayita reebamanis viidiyoo waraabamuu himaniiru.
Gareen magaalaa Amboo keessatti reebichawwan akkanaa raawwachuun beekamu kun waggoota dura hundaa'uusaa kan himan jiraataan kun, caasichi jiraachuusaa malee eenyuuniifi akkamitti akka hundeeffame akka hin beekne dubbatan.
Jirataan magaalaa Amboo BBC'n haasofsiise inni biraanis sochiin garee kanaa magaalicha keessatti mul'achuu erga eegalee kan ture ta'uu dubbatan.
"Caasaa caasaadhaan ijaaramanii iddoo iddoo taa'u. Yeroo rakkoon ka'u walirratti birmatu" jechuunis ibsan.
Jiraattonni BBC'n haasofsiise miseensonni garee kanaa angawoota mootummaa magaalichaa tokko tokko waliin hariiroo qabaachuusaanii himu.
Kanaafis osuma yakkawwan garagaraa raawwatanuu to'atamanii kan hin gaafatamne ta'uu dubbatu.
Reebichi erga irratti raawwatamee booda gara Waajjira Poolisii deemuun iyyachuusaanii kan himan Obbo Qana'aa Chuuchee, "mucaa kana qabanii akka nama kaaniitti dafanii tarkaanfii irratti fudhatanii, dokimantoota bilbilasaa keessa jiru fuudhanii gara seeraatti dhiyeessuurratti laafinni guddaan mul'ateera" jedhan.
Jiraataan magaalichaa inni biraan immoo "biyya qaamni nageenyaa jiru keessatti yeroo namni nama 15'niin irra taa'amee tumamu, yeroo hawaasa walakkaatti reebanii deeman dhuguma qaamni nageenyaa hin aggarremoo? Abbaan siyaasaa hin agarremoo? Maaliif callisanii taa'an?" jechuun gaafatu.
kantiibaa Magaalaa Amboo Obbo Haacaaluu Gammachuu kana dura OBN irratti gochaan isaanii kun magaalaa keenya bakka bu'u jedhanii ture.