'Jaalalleekoo waliin waggaa lama jiraadhee garuu mindaasaa hin beeku'

Dubartiin harka abbaa warraarraa maallaqa fudhachaa jirtu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Jaalalleen keessan yookan namni waliin jiraattan nyaata isaan jaalatan, hariiroo jaalalaa isaanii ammaan duraa fi seenaa nama qaanessuu kan ijoollummaatti isaan mudate ni beektu taha.

Garuu jaalalleen yookan namni waliin jiraattan galiin isaa ykn ishee hangam akka ta'e beektaa?

Hariiroo jaalalaa keessatti dhimma maallaqaa haasa'un dhimmoota rakkisoo ta'an keessaa tokko ta'ee itti fufeera. Dhimmicha daftee kaasuun herreega baankii isaanii gamaggamuuf akka karoorfattetti si ilaalchisuu mala.

Yeroo dheeraaf kaasuu dhiisuun ammoo waa'ee faayinaansii osoo hin beekin nama sana waliin fuuldura jiraachuu waan karoorsite si fakkeessuu mala.

Dhimma mindaa gaafachuun yeroonsaa yoomi kan jedhurratti Niwuyoorki keessatti dargaggoota 20 dubbisne.

Wiilaan mindaa jaalalleeshee hin beektu. Inni garuu ''mindaa koo ni beeka,'' jetti. Dargaggeettii ganna 25 kan taate Wiilaa Mortar cimdiiwwan dirqama mindaa walii isaanii beekuu qabu jedhee hin amanu jetti.

"Kuni callisee lakkoofsa duwwaadha. Galii nama tokkoo haala jiruu isaa, maallaqa hangamii akka inni baasu ilaaltee tilmaamuu ni dandeessa" jetti.

Damee gurgurtaa teeknolojii irra kan hojjettu Wiilaan, waa'ee galiishee gadi aanaa ta'ee jaalalleeshee waliin haasoftee kan beektu yoo ta'u, galiin isaa sirriin meeqa akka ta'e garuu isa gaafattee hin beektu.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Inni hundeessaa kubbaaniyyaa tokkoo yoo ta'u, galiin isaa dhaabbataa ta'uu baatus garuu galii isheerra wayyaa ta'e akka argatu nibeekti.

"Inni nama maallaqa bilisummaadhaan baasudha. Ani garuu yeroo hunda 'Kuni baayyee qaaliidha, gatiin olka'eera, maallaqa hanganaa baasuun hin barbaachisun' jedha" jetti.

Yeroo beellamaan walargan baasiin inni baasu giddugaleessaan doolaara 200 yoo ta'u, yeroo hedduu kan kaffalu isadha. Isheen ammoo baasiiwwan xixiqqaa akka bunaafaa nikaffalti.

"Baasiiwwan gurguddaa akka inni kanfalu seera hin barroofnetu jira" jetti.

Damee inshuraansii irra kan hojjettuu fi umriinshee gana 25 kan taate Aleeksi Ludaatoo ammo nama tokko waliin waa'ee mindaa fi baasiiwwanii haasa'uu kan jalqabdu hariiroon isaanii gara waan qabatamaa tokkootti cehuu yeroo mirkaneeffatte ta'uu qaba.

Isaan dura garuu hojii nama sanaa maal akka ta'e beekuu nan baraada garuu galiin isaa meeqa akka ta'e baruu hin barbaadu jetti.

Hiriyaanshee dargaggeessi ganna 20 Viik Sundaraaj yaadashee kanatti waliigala. "Waa'ee kanaa haasa'uu jalqabuu kan qabdu hariiroo qabatamaa ta'e keessa yeroo geessudha" jedha.

Beellamuma guyyoota jalqabaatiin waa'ee mindaa gaafachuun gocha sirrii hin taane jedhees amana.

"Yoo nagaafatan dhugaa jiru ittan hima. Garuu ofii kootii dhimmicha hin kaasu" jedha. Kanaaf jecha namni inni beellamee argate suni mindaasaa beekuu baayyuma yoo barbaaddeetti ta'e 'Namni suni nama anaaf hin taane ta'uu mul'isa" jedha.

'Mindaa koo na gaafannaan beekkadhu…'

Suuraa harki dubartii iskiriinii dijitaalaa kan mallattoo akeekkachiisaa qabu tuqu agarsiisu

Namootni kaan ammoo mata duree kana dursanii kaasanii irratti mari'achuun akka yaada sirrii hin taaneetti caalaatti jabeessanii kaasu. Damee gurgurtaa irra kan hojjettu dargaggeettiin ganna 26 Birijit Shurdit, namni tokko beellamuma jalqabaa irratti waa'ee mindaashee osoo gaafatee baayyee akka hin gammanne ibsiti.

"Nama sana waliin hariiroo ittin fufa jedhee hin yaadu, gaaffiisaa deebisuufin mala. Garuu kuni anaaf akka mallattoo akeekkachiisattin fudha" jetti

Isheedhaaf mindaan amma namni argatu odeeffannoo murteessaa miti. Wanti murteessaan galii amma inni argataa jirurra, milkaa'ina gara fuuladuraatiif hammam kaka'umsa qaba isa jedhudha.

Gorsituun hariiroo jaalalaa Keet Maanzifiild, mariiwwan waa'ee maallaqaa ilaalan "Yeroo namootni kaan yaadaniin duratti dafee irratti haasa'amuu qaba" jetti.

"Beellamawwan duraa muraasa irratti hundi keessanuu waa'ee maallaqa baasuu, qusachuu, kennaawwanii, haala jireenyaa fi bilisummaa faayinaansii irratti ilaalcha qaban mari'achuu qabu. dhimmootni kuni jarri waliigaluu fi dhiisuu waan murteessani" jetti.

Damee inshuraansii irra kan hojjettu dargaggeettiin ganna 26 Emlii Moretaa, jaalalleeshee waliin waggoota lama kan turte yoo ta'u, hanga ammaatti garuu waa'ee mindaa walii isaanii haasa'anii hin beekan. "Inni galii hangamii akkan argadhu hin beeku" jetti.

Inni waa'ee galiikoo tilmaamaan wanti beeku jiraachuu mala; garuu lamaan isaaniituu waa'ee mindaa kaasanii haasa'uun barbaachisaadha yaada jedhu kaasanii hin beekan.

"Akka carraa dhimmi kuni murteessaa ta'ee yoo argame gara fuulduraa kaasnee irratti haasa'uu dandeenya" kan jettu Emliin, waa'ee kanaa haasa'uuf hariiroon isaanii gara sadarkaa waliin jiraachuutti cehuu akka qabu himti.