Naqamteetti dargaggeessi maallaqa sobaa maxxansaa ture poolisiin to'atame

-
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Magaalaa Naqamteetti dargaggeessi mallaqa fi ragaa barnootaa sobaa maxxansaa ture, to'annoo jala oouun qorannoon irratti gaggeefaamaa jira.

Qajeelcha Olaanaa Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetti, Itti gaafatamaan kutaa qorannaa yakkaa, Itti aanaan Koomaandaraa Firoomsaa Qixxeessaa, BBC Afaan Oromootti himanitti, shakkamaan kun mana 'photo copy' fakkeessuun maallaqa maxxansaa ture.

''Erga jalqabee gara baatii tokkoo ni ta'a, maallaqa malees ragaa barnoota sobaa hojjachaa akka ture eeruu hawaasa irraa argameen hordoffii taasifne.''

Kanaanis ALI' tti gaafa Onkoloolessa 3, 2019 naannoo sa'aatii 11:30tti, mana maxxansaa dhuunfaa shakkamaa kana keessatti sakatta'iinsa gaggeeffameen, birrii Itoophiyaa sobaa kuma 33 fi 600 ta'u fi meeshaalee Elektirooniksii hojii kanaaf oolan waliin harkaaaf harkatti kan to'atame.

Shakkamaan kun, Magaalaa Naqamtee kutaa magaalaa Abdiisaa Aagaa keessatti maashinii mallaqa sobaa abbaa Noottii 200 baay'inaan oomishaa ture.

Maallaqni kunis, gara aanaalee fi magaalota baadiyyaa Lixa Oromiyaa heddutti ergamaa turuu himan itti aanaa Koomaandaraa Firoomsaa Qixxeessa.

Odeeffannoo hanga yoonaa poolisiin walitti qabateen mallaqni sobaa hangam ta'u akka gabaarratt raabsame hin ibsamne.

Garuu baatii tokko keessatti maallaqa hangamii oomishuu akka danda'u tilmaamni jira. Akka odeeffannoo poolisiitti shakkamaan kun maallaqa sobaa oomishuu kan jalqabe ji'a tokko dura ta'uu ibsa. Haa ta'u malee, himannaan kun qorannoo itti fufee jiruun kan mirkanaa'uu akka ta'e eerameera.

Meeshaaleen qarshii sobaa oomishuuf itti fayyadamaa ture jedhame, kanneen akka kompiitara laaptooppii, maashinii maxxansaa halluu fi meeshaalee elektirooniksii biroo poolisiidhaan to'annoo jala oolanii jiru.

Akka itti aanaan Komaandaraa kun jedhanitti maallqani sobaa oomishamaa ture kun halluu fi lakkoofsota qarshii dhugaa irratti argamaniin kan walfakkaatudha.

Kanaaf namoota tokko tokko salphaatti gowwoomsuu akka danda'us ibsan.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Qajeelcha Poolisii Magaalaa Naqamtee, Itti gaafatamaan kutaa qorannaa yakkaa, kan ta'an Itti aanaan Koomaandaraa Firoomsaa Qixxeessaa akka jedhanitti, yakki maallaqa sobaa oomishuu dinagdee namoota dhuunfaa qofa osoo hin taane, tasgabbii dinagdee biyyattii irrattis dhiibbaa geessisa.

Kanaaf, hawaasni yakkoota akkasii yeroo argu qaamolee nageenyaaf eeruu kennuu akka qabu dhaamaniiru.

Akkasumas, ,maallaqni sobaa baay'inaan oomishame hawaasa keessa faca'uu waan danda'uuf, namootni yeroo bittaa fi gurgurtaa raawwatan mallaqa fudhatan sirriitti akka sakatta'an eeran.

Keessumaa namoonni baadiyyaa irraa gara magaalaatti daldalaaf dhufan of eeggannoo akka taasisan Itti aanaan Koomaandaraa kun kan gorsan.

Poolisiin fi Abbaa Alangaa waliin ta'uun dhimma kana irratti qorannoo gaggeessaa jiraachuus ibsaniiru.

Qorannoon erga xumuramee booda, ragaa argame irratti hundaa'uun tarkaanfiin seeraa akka fudhatamus himan

Mallaqa sobaa irraa of eeguuf, namootni yeroo maallaqa fudhatan halluu isaa, lakkoofsa irratti barreeffame, mallattoolee fi amaloota maallaqa dhugaa adda baasan sirriitti ilaaluun barbaachisaa ta'uus akeekkachiisan.

Haa ta'uu malee mallaqni shakkisiisaan yoo argame, nama biraatti dabarsuu irra qaama nageenyaas beeksisuu akka barbaachisullee eeran.