'Yeroon Itoophiyaan ulaa galaaanaa mataa ofii qabaachuu qabdu amma'- ABO

Paartilee morkattootaa Itoophiyaa keessaa tokko kan ta'e Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) ''yeroon Itoophiyaan ulaa galaanaa kan ofiishee qabaachuu qabdi amma,'' ta'uu ibse.
Dubbii himaan dhaabichaa Obbo Lammii Gammachuu waayeen barbaachisummaa ulaa galaanaa fi siyaasa Gaanfa Afrikaa ''akka saba naannawa kanaa tokkootti'' akka isaan ilaallatu ibsan.
''Akka saboota Gaanfa Afrikaa keessatti argamaniitti, akka Oromoottis, ulaan galaanaa saboota biyyattiif ni mala,'' kan jedhu ejjennoosaanii ta'uu ibsan qondaalli ABO kun.
Dhaabi isaanii qaama jijjiirama hunda galeessa akka addunyaatti mudataa jiruu ta'uu akka qabuu fi wantoota gara fuulduraatti dhufuu malan giddugaleessa godhachuun ''ulaan galaanaa saboota biyyattiif ni mala,'' kan jedhutti akka amanu ibsan.
''Haalli ulaa galaanaa dirqama uummattoota biyyattii itti barbaachisu haala addunyaan itti jirtu giddu galeessa kan godhate, sana waliin kan deemu.''
Qondaalli dhaaba Oromoo bakka bu'uun socho'uu kun ''dantaan Oromoollee dantaa saboota biyyattii [Itoophiyaa] fi Gaanfa Afrikaa keessa jiran waliin yoo ilaalamu ulaan galaanaa barbaachisaa ta'ee argameera,'' jedhan.
Yeroo dantaan biyyoota adda addaa fi adeemsi siyaasaa akkasumas nageenyaa naannawa Gaanfa Afrikaatti heddummaataa jirutti ''waa'ee dantaa saboota biyyattii dubbachuun murteessaa akka ta'e,'' dubbatan Obbo Lammiin.
''Yeroosaatu amma. Yeroo itti Oromoo dabalatee saboonni Kuush naannawa Gaanfa Afrikaa jiran leecalloosaaniitti dhimma bahan amma. Yeroon itti dogoggora ture sirreessanii qabeenya sanatti dhimma bahan ammadha.''
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Addi Bilisummaa Oromoo yeroo Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti muddamni hammaatetti ibsa kana baase.
Inumaa dhimma biyyoota lameen walitti hammeesse- ulaa galaanaa irratti xiyyeeffate.
Itoophiyaan ulaan Galaana Diimaa walitti hidhamiinsa seenaa fi daangaa kan baroota dheeraa qabdi jechuun dantaa biyyaalessaa kana mirkaneessuuf akka hojjetu ibsa.
Ertiraan ammoo akka mootummaan Itoophiyaa maqaa ulaa galaanaa jedhuun biyyashee weeraruuf hojjetaa jiruutti himatti.
Biyyoonni lameen erga Fulbaana keessa waraanni kaaba Itoophiyaatti deebi'ee ka'ee weerara daangaanis wal himataa jiru.
Itoophiyaan loltoonni Ertiraa daangaa ishee cabsanii seenuun yoo himattu, Ertiraan daangaa Itoophiyaa sarbuu ni haalti.
Muddamni biyyoota lameen gidduutti akkuma hammaatetti kan jiru yoo ta'u Ameerikaa dabalatee biyyoonni fi jaarmiyaaleen addunyaa biyyoonni Gaanfa Afrikaa kunneen muddama hammeessuurraa akka of qusatan akeekkachiisaa jiru.
Ertiraan yeroo dheeraaf aangawootaa fi miseensota Adda Bilisummaa Oromoof dawoo kennitee kan turte yoo ta'u, dhaabichi jijjiirama siyaasaa bara 2018 biyyattii keessatti dhufe hordofee gara biyyaatti deebi'uun qabsoo karaa nagaa hordofuu eegale.
Dhimma Ertiraan akka weerara biyyasheerratti raawwateetti fudhatu- dhimma ulaa galaanaa irratti falmii taasifamu keessatti hirmaachuun Ertiraa hin mufachiisuu?
Obbo Lammii Gammachuu deebii qabu: ''Qaama qabsoo keessatti si gargaare ykn waliin qabsoofteef jedhamee dantaan sabaa hin sharafamu. Aantummaan keenya saba keenyaaf malee qaama qabsoo keessatti wal tumsineef miti.''
Kaleessa wajjiniin turre jedhamee, galfata sana eeguuf jecha har'a dantaa uummataa bakki itti sharafamu hin jiru jedhan qondaalli ABO kun.
''Abbaan barbaade gadduu, mufachuu danda'a. Garuu dantaa Oromoo fi uummata waliigalaa kan caalu miti.''
Itoophiyaan karaa kamiin ulaa galaanaa argachuu qabdi? ABOn akkamitti amana?
Kanarratti dubbi himaan ABO Obbo Lammii Gammachuu ''karaa kamiinuu haa ta'uu, Addi Bilisummaa Oromoo ulaan galaanaa ni barbaachisa jedhee amana,'' jedhan.




























