Waraanni Ameerikaa qorannoo hanqina teestoostiroonii jalqabuufi

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan Humna Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseez loltoonni umriin isaanii waggaa 30 fi isaa ol tahe hanqina teestoostiroonii qabaachuu ilaalamuu qabu jedhe. Kunis qaama qorannoo fayyaa waggaa waggaan geggeeffamuuti jedhe.
Viidiyoo X irratti maxxanfameen Heegseez sagantaan qorannoon kuni ''humna guutuun hojjechuuf hamma teestoostiroonii sirrii qabaachuu mirkaneessuufi,'' jedhe.
Loltoonni teestoostiroonii gadaanaa qaban eeyyama isaaniin yaala hormoonii bakka buusuu akka argatan ni godhama. Kanneen waggaa 30 gad jiraniif qoranoon dirqama miti jedhe.
Heegseez qorannoon kuni dubartoota ni dabalataa kan jedhu hin ibsine, hammi teestoostiroonii dubartootaas hammuma umriinsaanii dabalaa deeme ni hir'ata.
''Loltoonni keenya kunuunsa yaalaa filatamaa addunyaa kanaa argachuu qabu, sagantaan kunis qaamuma isa galmaan gahuu qophaa'e dha,'' jedhe.
''Fayyaa egereef eeggachuun jabaa taatee akka turtu godha-ergama loltummaa ittaanuuf osoo hin taane jireenya kee guutuuf, kuni uffata dambiin booda akka ati dagaagaa adeemtuufi,'' jedhe.
Humna waraanaa keessatti sababa wal-dhaansa dhibee hin taaneef eeyyama hakiimaa malee teestoostiroonii fudhachuun akkaan dhorkamaa dha.
Heegseez garuu sagantaan haaraa kuni ''humna nam-tolchee kennuu miti,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubbihimaan Peentaagan Shoon Paarneel hanqina teestostirooniif qorannoo taasisuun loltoota waggaa 30fi isaa ol amma hojiirra jiraniif hojiirra oola jedhe.
''Adeemsi kuni waajirichi loltoota isaan barbaachisuuf kennuun fayyaafi humni olaantummaan lolu akka qabaannu gochuu dha,'' jedhe.
Qorannoon kuni dubartootaaf ni taasifamaa jechuun kan gaafatame Peentaagoon deebii kennuurraa of qusateera.
Senaatarri warra Demookiraatii Taamii Daakwoorz duraan kan waraana Iraaq irratti hirmaate qorannoon kuni dhiiraafis dubartiifis kennamuu qaba jedhe.
Dubartiin Koongireesiifi duraan humna qilleensaa irratti hojjechaa turte waan Piit Heegseez jedhu ''waraana amala waraanaa boodana dhufe,'' jetteetti.
Dr Moohiit Keeraaa ogeessa fayyaa walhormaataa yoo tahu qorannoon kuni waraana keessatti kennamuu qaba sababaiin ammoo hammi teestoostiroonni haala fayyaa ammaafi egeree waan murteessuufi jedhe.
''Dhiiroti baayyeen hamma teestoostiroonii gaadaanaa tahe qabu kunimmoo gama maashaa ijaarrachuufi aannisaa qabaachuun lola keessatti rakkoo tahuu mala,'' jedhe Dr Moohiit.
Dabaluunis Dr Moohiit yaaliin hormoonii bakka buusuun hamma maashaa dabaluuf, cooma hir'isuufi akkasumas mukaa'uuf saaxilamuu hir'isuuf murteessaa dha. Yeroo keessa ammoo albuuda lafee keessa jiru eeguunis fayyada jedhe.
Tahus yaaliin kuni hundumaaf miti jechuun akeekkaachiiseera.
''Dargaggoonni teestoostiroonii yoo fudhatan maseenuu danda'u,'' jedhe Moohiit. Nama umrii wal hormaataa keessa jiru maseensuu waan danda'uuf of eeggannoon barbaachisaa dha kanamalees rakkoo dhibee onneef saaxiluu mala,'' jedhe.















