KALLATTIIN, US Tehraan dabalatee bakkeewwan Iraan heddurratti haleellaa gaggeessuu beeksiste

Humni Waraanaa US Iraanirratti haleellaa cimaa gaggeessuu beeksise; Tiraamp ammoo Iraan "adaba yoo godhatte isheef wayya" jechuun akeekkachiise.

Guduunfaa

Tehraan dabalatee bakkeewwan Iraan heddurratti haleellaa gaggeessuu beeksiste

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Namni waajira pireezidantii Naayijeeriyaatti 'jaarmayaa sobaa' bane to'atame

    Adeeniy Adeeyimii Maatiiw

    Madda suuraa, @princeadeyemi_adeniyi/instagram

    Waajira pireezidantii Naayijeeriyaa keessatti 'jaarmayaa sobaan' hundeeffame namni hogganaa ture torbanootaaf erga barbaadamaa ture to'annoo jala ooleera.

    Adeeniy Adeeyimii Maatiiw namni jedhamu kuni '' Presidential Foreign Investment Promotion Council'' maqaa jedhuun dhaabbata hundeesseef daarektara akka tahe hima.

    Pireezadantii biyyattiifi waajirri isaani garuu waa'ee nama kanaas tahe waa'ee dhaabichaa akka hin beekne himan.

    Kana boodas dhaabbata doolaara 950,000 sobaan hundaa'e jedhame kanarratti qorannoon akka taasifamu pireezidantiin ajajeera.

    Namni kuni jalqaba balleessaa akka hin qabne miidiyaa biyya keessaatti dubbachuun himannaa irratti ka'u hunda ofirraa ittisuun maqaasaa akka haaromsu himeera.

    Tahus kana gochuu dhabuun manni murtii olaanaa ajaja hidhaa irratti baaseera.

    Maatiiw torbanootaaf dhokataa turee bulchiinsa Osuun keessatti to'annoo jala ooleera.

    Pireezidantiin biyyattii Boolaa Tinuubuu dhaabbata hin beekne irratti qoarnnoon akka adeemsifamu ajajuun isaanii ijoo dubbii tahee ture.

    Waajirri pireezidantii mallattoofi xalayaan muudamaa nama kanaa kan sobaa tahuu mirkaneesseera.

    Himannaan mana murtii akka agarsiisu nama kanaafi namooti kaan biroo sanadoota sobaa qopheessuun akkaawuntii baankii maqaa waajirichaan banuuniifi jaarmiyaa lafarra hin jirreef beekamtii barbaaduun himatamaniiru.

  2. Sanyiin qamalee haaraa hidhii halluu burtukaanaa qabu DR Koongootti argame

    Qamalee sanyii haaraa

    Madda suuraa, Junior Amboko

    Sanyiin qamalee hidhii burtukaanaafi fuula gurraacha qabdu Rippaabliika Demookiraatawaa Koongootti argamte sanyii haaraa tahuu saayintistoonni himan.

    Qamaleen sanyii haaraa kuni bosona guddaa fagoo Paarkii Biyyaalessaa Lomaamii baha biyyattiitti argamte.

    Hojjetaan kunuunsa bosonaa bineensa addaa kana bara 2008 argee suuraa sirriitti hin mul'anne kaasee ture.

    Waggaa kudhan booda gareen saayintistootaa qamalee kana qorate sanyii kanaan dura hin beekamne dha jedhe

    Waggaa 75 keessatti qamaleen sanyii haaraa shanaffaa Afrikaa keessatti argamuusaati.

    Juuniyar Ambookoo barataa PHD Yunivarsiitii Filooriidaa Atlaantiik yoo tahu qorannoo kana kan geggeesse yoo tahu, ''bineensa jiraachuusaayyuu namni muraasni beeku argauun miiraa ajaa'ibaa namaa kenna,'' jedhe.

  3. Humni waraanaa US haleellaa haaraa Iraanirratti gaggeessuu beeksise

    Xayyaara waraanaa

    Madda suuraa, Getty

    US haleellaa haaraa Iraan bakkeewwan garaagaraa irratti xiyyeeffachuun gaggeessuu beeksiste.

    Gama biraan ammoo Tiraamp "Iraan adaba yoo godhatte isheef wayya" jechuun akeekkachiise.

    Ajaji Giddugaleessaa US bu'uuraalee waraanaa Iraan haleeluu ibse. "Dandeettiwwan waraanaa Iraan kanneen imala dooniwwan daldalaa Ulaa Hormuuz irratti taasisan danqan" irratti haleellaa raawwachuu ibse.

    Iraan gamasheen, buufataalee waraanaa US Bahagiddu galaa keessa jiran, keessumaa Bahreenifi Kuweet jiran haleeluu beeksifte.

    Af-yaa'ii paarlaamaa Iraanifi biyyattii bakka bu'uun US waliin mariyataa kan turan Mohaammad Ghalibaaf, miidiyaa biyyattii akka himanitti, Tehraan kana booda waliigaltee US waliin waliif galte sababni kabajjuuf hin jiru.

    Iraan torbee dhufu mariitti hin deebitu taanan bu'uuraalee misoomaashee kanneen akka buufataalee humna ibsaafi riqichawwan gurguddaa irratti haleellaa gaggeessuuf Tiraamp itti dhaadatee ture.

    Biyyoonni lamaanuu walitti aansuun guyyaa shanaffaaf haleellaa walirratti gaggeessaa jiru.

  4. Akkam bultan!

    Tamsaasa keenya eegallee jirra!

    US haleellaa Iraanirratti gaggeessitu ittuma fuftee jirti. Tehraanis deebii kennuu hin dhiifne.

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa karaa marsariitii, facebook, Youtube, TikTok, fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa.

    Dhiyaadhaa!