Seenaa dubartoota gurraachaa qoricha adoochaa malee waldhaansi baqaqsanii hodhuu irratti gaggeeffame

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Waldhaansi ammayyaa dudduubeesaa yoo ilaalle, akkuma seenaa gaarii qabu seenaa fokkisaas of keessaa qaba: sanyummaa, shaakala waldhaansaa namuusa ogummaan hin deeggaramne, garee tokko adda baasanii yaalii qorannoo irratti gaggeessufi kaanis qaba.

Yeroonsaa bara gurraachonni Afrikaaraa daldala garbaan gara Ameerikaatti geeffamanii garbummaan warra adiif hojjatan ture. Dubartoonni gurraachota ta'an sadi: Anaarkaa, Beetsiifi Luusiin keessumaa fayyaa wal-hormaataa ammayyaa keessatti iddoo guddaa qabu.

Seenansaanii garuu hanga gumaatasaanii hin faarfatamne. Bara 1840oota keessa dubartoonni kun sadanuu, US bulchiinsa Alabaamaa keessa garbummaan namaaf osoo hojjataa jiranuu dahuumsa booda rakkoon fayyaa fistullaa isaan mudate.

Dubartoonni kun rakkoo fayyaa fistullaa kanarraa kan ka'e bobbaafi fincaan to'achuuf waan rakkataniif warra isaan hojjachiisutti gaaffii uume. Ogeessa fayyaa biraan deemanis sanaan dura rakkoo fayyaa akkasiif furmaanni hin turre.

Isaan keessaa Anaarkaan shamarree ganna 17 taatee osoo jirtuu bara 1945tti dahuumsa booda rakkoo fayyaa kanaaf saaxilamte.

Warri ishee garboomfatan yoom maasii qonnaatti deebitii jedhanii eegu. Isheen garuu rakkoo fayyaa fincaanifi bobbaa qabachuu ykn fistullaa jedhamuun dararamuu itti fufte.

Qoricha adoochu osoo hin kenniniif si'a 30 waldhaansi baqaqsanii yaaluu irratti gaggeeffame

Yeroo sanatti US keessatti ogeessa beekamaa fayyaa wal-hormaatati kan jedhamu Dr. J Maariyoon Siimsans Alabaamaa magaala Montigomeerii keessa jiraata ture. Warri dubartoota kana garbummaan hojjachiifatan ogeessa fayyaa kana bira geessuf dirqaman.

Dr. Maariyoon Siimsan kanaan dura dhibee akkasii yaalee hin beeku. Kanaafa dubartoota kanarratti yaalii gaggeessun waldhaanuf murteesse.

Fuula marsariitii Women and American Story jedhurratti akka ibsametti, dubaroonni kun yaalii waldhaansa fistullaa fayyisuu isaanirratti gaggeeffameen dhukkubbiifi gidiraa heddu keessa darban. Akka gabaasa kanaatti, jalqaba waldhaansa fistullaaf Dr. Maariyoon bira kan geeffame Luusidha.

Kutaa waldhaansa baqaqsanii yaalutti geeffamtee qoricha dhukkubbii hir'isu ykn qaama adoochu tokko malee ogeessi fayyaa kun waldhaansa gadameessa baqaqsanii hodhuu gaggeesse.

Qoricha qaama odoochu osoo hin kenniniif waldhaansa baqaqsanii hodhuu gaggeessun yeroo sanatti "gurraachonni warra adii caala dandamachuu danda'u" kan jedhuufi "ilaalcha jibba sanyummaarraa" akka ta'etu ibsama.

Waldhaansa baqaqsanii hodhuu booda Luusiyaan fayyuu hin dandeenye. Kan ittaanu Beetsii ture. Ishees akkuma Luusii osoo qorichi qaama addochu hin kenniniif Dr. Maariyoon waldhaansa baqaqsanii hodhuu gaggeesse. Haa ta'u garuu milkaa'uu hin dandeenye jedha Women and American Story.

Sadaffaarratti waldhaansa baqaqsanii yaaluu ijibbaachisaa ta'e kan irratti gaggeeffame shamarree ganna 17 Anaarkaa jedhamtuudha. Anaarkaan miixuu sa'aatii 72 booda deesse. Garuu akkuma Luusifi Beetsii fa'aa rakkoo fayyaa kana dura ogeeyyin arganii hin beeknefi yeroo baay'ee hin mudanne Vesico Veginal Fistula (VVF) dhaan qabamte.

Anaarkaa kan adda godhu qorichi qaama adoochu osoo hin kennamiifin si'a 30 waldhaansi baqaqsanii hodhuu gadameessaa irratti gaggeeffamuusaati.

Dr. J Maariyoon shamarran fiistullaan rakkatan kana yaaluf murteessus, ilaalcha sanyummaan kan gutame akka ta'e ragaalen ni ibsu- qoricha qaama adoochu osoo hin laatiniif si'a 30 waldhaansa baqaqsanii yaaluu gaggeesse.

Qaawwa ujummoo fincaanifi gadameessa gidduutti uumame hodhuuf jedhee rakkoo biraa uume- qaawwa duraan ture sadi taasise. Hojiin waldhaansa baqaqsanii hodhuu si'a tokkoof jedhamee eegalame rakkoowwan biraa uumee marsaa kana hunda gahe.

Dr. J Maariyoon waa'ee mudannoosaafi dubartoota gurraacha kanaa kitaaba seenaa jireenya isaa keessatti barreessera.

Kitaaba isaa keessatti akka barreessetti, waldhaansa baqaqsanii hodhuu jalqabaan rakkoon gadameessa keessatti qaawwan biraa waan uumameef manatti galee waa'ee rakkoo kanaa qorachuu itti fufe.

Nama Wiitkoof jedhamu kan Anaarkaa garbummaan hojjachiifatu bira deemun Anaarkaa of biratti fudhatee yaalii dabalataa irratti gaggeessuuf gaafate.

Ofii madaa'anii waldhaansa ammayyaaf bu'uura kaa'an

Dr. J Maariyoon kitaabasaa keessatti dubartoota kanaaf gaddee waa'ee dhibeesaanii caalmatti qorachuufi isaan yaaluf jedhee dhama'aa akka ture ibse.

Boodarra rakkoosaanii furuu akka hin dandeenyefi kana booda namoota rakkoo wal-fakkaataa qabanis yaaluu akka hin barbaannee murteessee akka tures barreesse.

Inumaayyuu, "Waanin yaaluu jibbu keessaa tokko rakkoo fayyaa qaama saalaa dubartootati" jechuun barreesse.

Boodarra waanti yaadasaa akka jijjiiru godhe dhalate. Dubartiin adii taatefi umurii 40 keessa jirtu kuftee rakkoo fayyaa gadameessaa godhachuun isa bira deemte. Qaama saalaa ishee ilaalee yaaluuf akka hayyamtuuf gaafate. Dubaartiin adiin kunis hayyamteef.

Kanaan dura yeroo, Luusii, Beetsiifi Anaarkaa irratti waldhaansa baqaqsanii hodhuu osoo qoricha qaama adoochu hin kenniniif raawwatu hayyama isaanii hin gaafanne- sababni ammoo gurraachotaafi garba ta'uusaanirraa kan ka'e isaanif ilaalcha gadaanaa qabuuni.

Dubartii adii dhibee gadameessan qabamtee isa bira dhufte waldhaanee itti milkaa'e. Kanas kan godhe rakkoo jiru baruuf akkaataa taa'umsaa waldhaansa kanaaf mijatu qoratee bira gahuudhani.

Erga gadameessa dubartii adii yaalee milkaa'ee, dubartoota gurraacha fistullaan qabamanii fayyisuu dadhabee "kana booda hin yaalu" jedhee murteesses bifa ittiin dubartii adii yaale sanaan yaalee fayyisuu yoon danda'e jedhee yaalii irratti gaggeessuf murteesse.

Barattoota ogummaa fayyaa isa jalatti baratan lama fudhatee gara hospitaalatti qajeele. Dubartoota gurraacha sadan keessaa Beetsiin hospitaala itti yaalamaa turtee furmaata waan dhabdeef galuuf qophaa'aa jirti. Dr. J Maariyoon dhufee, "Beetsii har'a akka hospitaalaa baatu jedheen ture. Garuu carraa tokko deebi'ee yaalun barbaada," jedhee.

Akkaataa dubartii adii itti teessisee gadameessashee waldhaanee fayyise sanaan Beetsii teesisee yoo ilaalu, rakkoosheef furuu akka danda'u murteesse.

"Amma waan waggoota hedduuf doktaroora fayyaa jalaa dhokate yeroo jalqabaaf argadhe," jedhee murteesse. Garuummoo meeshaa ittiin waldhaansa kana gaggeessu kalaquu qaba.

Yaalii waldhaansa fistullaa irratti gaggeessufis dubartoota gurraacha kana of biratti fudhachuuf murteesse.

Kilinika mataasaa hundeessunis dubartoota gurraacha biroo garba ta'aniifi rakkoo fistullaa qaban isa biratti akka yaalamaniif humna dabalataa gurmeessuu eegale. Ogeessa fayyaa jalqabaa rakkoo fayyaa fistullaa waldhaane jedhamee maqaasaa galmee seenarratti barreessisuuf deemsa jalqabe.

Kilinika siree 16 qabu hundeesse. Siree afur hojjattoota isaaf, 12 ammoo dhukkubsattoota fistullaaf qopheesse.

Kilibikni inni hundeesse kun dubartoota gurraacha irratti qorannoo saayinsii gaggeessuf kan hundeessedha.

Anaarkaa, Luusiifi Beetsii dabalatee dubartoota 12 irratti yaalii saayinsii waldhaansa baqaqsanii hodhuu rakkoo fistullaa gaggeessuu eegale.

Jalqabarratti ogeeyyin fayyaa biroos yaalii inni rakkoo fistullaa waldhaanuf gaggeessu kana baruuf isa gargaaraa turan. Waggaa sadiif waldhaansa baqaqsanii gaggeessuu taasiseen milkaa'uu dadhabnaan doktaroonni isa waliin hojii eegalan nuffanii dhiisanii akka deeman Dr. J Maariyoon kitaabasaa keessatti barreessera.

Waldhaansa baqaqsanii yaaluu ji'a jahaaf jedhee eegale waggaa afur itti fudhate

Dr. J Maariyoon waggaa sadiif rakkoo fistullaa furuu dadhabee doktaroonni fayyaa adiin lama isa erga dhiisanii deemanii booda, dhukkubsattoonni inni yaalii qorannoo irratti gaggeessu akka waliisaanirratti waldhaansa baqaqsanii hodhuu shaakalan barsiisaa ture.

Kanas kan godhan osoo qoricha adoochu hin kenniniif ture. Ilaalchi kunis kan madde namoonni gurraachi dhukkubbii dandamachuu danda'u kan jedhuufi ilaalcha dogoggoraa irraayi.

Dubartoota gurraacha of biratti fudhatee qorannoo irratti gaggeessaa ture ji'a 6 keessatti akka fayyisu waadaa galee ture; garuu waggaa afur itti fudhate.

Waggaa afur guttuu Anaarkaa fa'aarratti waggaa afuriif yeroo garaa garaatti qoricha qaama odoochu osoo hin kenniniif gadameessa isaaniirratti waldhaansa baqaqsanii hodhuu gaggeessaa ture.

Waggaa afuriif yaalii garaa garaafi meeshalee waldhaansa fistullaafi rakkoo gadameessaf oolan kalaquusaatin erga inni du'ee booda maloonni inni itti fayyadamaa ture akkaan beekamtii argachuun jireenya dubartoota hedduu jijjiire.

Kanarraa ka'uun Abbaa Waldhaansa Fayyaa Wal-hormaataa Ameerikaa (The Father of American Gynacology) jedhamuunis beekama.

Niwu Yoork dabalatee Alabamaa magaala Montigomerii keessatti siidan Dr. J Maariyoon Siimsan dhaabateera.

Haa ta'u garuu oolman dubartoota gurraacha garbummaan bitamanii inni akka fedhiisaatti yaalii qorannoo saayinsii irratti gaggeessaa ture siidansaanii hin dhaabanne; oolmansaanis hin himamne.

Misheel Biraawudar Alabaamaa, magaalaa Montigomerii keessatti seenaa waa'ee dubartoota gurraacha qaamasanirratti yaalin qorannoo qoricha qaama adoochu malee godhamee waldhaansa ammayyaaf bu'uura kaa'anii kana deebistee haaressuuf hojjatti.

Siidaa Dr. J Maariyoon irraa fageenya xiqqoorratti siidaa dubartoota gurraachaa sadan: Beetsii, Luusiifi Anaarkaa hojjachiistee jirti.

Akkuma Dr. J Maariyoon dubartoota gurraacha irratti yaalii gaggeesse waldhaansa rakkoo fistullaaf bu'uura kaa'ee the Father of Gynacology jedhame, dubartoonni gurraacha qaama isaanirratti yaalin gaggeefames the Mothers of Gynacology jedhamuu akka qaban miidiyaa Ameerikaa PBS jedhamutti himte Miisheel.