Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaan diroonii waraanni Sudaan raawwate namoota 300 ajjeese
Waraanni Sudaan haleellaa diroonii raawwateen namoota gara awwaalchaa deemaa turan dabalatee namooti 300 ajjeefamuun himatameera.
Haleellaan kuni iddoowwan raawwate lama Lixa Kordofaanitti Dilbata ganama lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii 150 ture jechuun dhaabbanni waraana Sudaan bara 2023 waraana biyyattii fi humna addaa RSF gidduu eegale hordofu Sudan War Observatory himeera.
Naannoo Abee daangaa Sudaaniifi Sudaan Kibbaa wal lolanitti haleellaa diroonii Wiixata gabaa irratti raawwateen namoonni 153 du'uu ministeerri odeeffannoo naannichaa himeera.
Maddeen waraanaa BBCtti akka himanitti waraanni Sudaan haleellaa Abee kan raawwate gabaa dhiyeessii boba'aa RSF dha jedhamerratti dha.
Haleellaan kuni daangaa Abee Sudaaniifi Sudaan Kibbaa waloon bulchan irratti raawwachuun gidduu isaanii muddama kaaseera.
Sudaan Kibbaa bara 2011 erga biyya taatee naannoo Abee boba'aan badhaate kanarratti biyyooti lameen abbummaa irratti walii hin galan.
Sudaan Kibbaa ambaasaaddara Sudaan waamuun ifatti mormii dhiyeessiteetti. Lolli kuni daangaa akka hin ceenes sodaatameera.
Sudaan qoqqobbiin meeshaa waraanaa hanga tahe irra kaa'amus biyyooti alaa humna addaa RSF fi waraana Sudaaniif meeshaalee waraanaa dhiyeessuu itti fufaniiru. Waraana kana keessattis diroonii waraanaaf fayyadamuun dabaleera.
Waraanni kuni rakkoo namoomaa hamaa addunyaa kan uume yoo tahu namoonni kumaatamaan ajjeefamani miiliyoona 14 kan tahan ammoo qe'ee isaaniirraa baqatanii jiru.
''Haleellaa diroonii daa'imman dabalatee namoota nagaa ajjeesaa jiruufi dhiyeessii tajaajila bu'uuraa adda kuteen akkaan rifanneerra,'' jedhe dubbiihimaan UN Isteefaan Dujaariik
Haleellaadhaaf diroonii fayyadamuun yeroo namoonni miiliyoona 20 tahan beelaaf saaxilamaa jiranitti dabalaa jira. Naannoo Daarfuriifi Kordofaanitti beelli mudachuu akka danda'u sodaatameera.
Naannoon Kordofaan bulchiinsa sadii kan qabatu yoo tahu Daarfuur iddoo RSF'n qabameefi magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum waraana biyyattiin qabamee jiru wal quunnamsiisa.
Haleellaan diroonii walitti fufinsaan raawwate kuni Dilbata galgala kan jalqabe yoo tahu akka Sudan War Observatory jedhutti Kibba Kordofaan waraana mootummaan qabamtee jirturraatii dhukaafame.
Konkolaataan namoota warra gaddaa 200 qabatee kaaba Abee irraa adeemaa tures Lixa Kordofaan magaalaa Al Dabaab jedhamtutti haleelame jedhe gareen waraana kana hordofu kuni.
Maddeen garee Sudan War Observatory akka himanitti namoota awwaalcha deemaa turan keessaa 145 ol kan ajjeefaman yoo tahu, namoonni 150 tahan ammoo haleellaa kanaan madaa'aniiru.
Dirooniin waraana biyyattii lafa gabaa magaalaa Al Mujlaad kan Lixa Kordofaan keessa jiru guyyuuma tokkotti kan haleele yoo tahu lakkoofsi namoota miidhamanii hin baramne.
Waraanni Sudaan himannaa irratti ka'aa jiru kanaaf deebii kan hin kennine tahus otooma RSF keeessa akka jiru beekanii namoota nagaa irratti haleellaa akka hin raawwanne hime.
Gaafa Kibxata Ministarri Odeeffannoo naannichaa Yoohaanaa Akool haleellaa naannoo Abeetti raawwateen lakkoofsi namoota du'anii 73 irraa 153 qaqqabuu himaniiru.
''Haalaa rifaasisaafi hamaa tahe dha,'' jechuun AP'tti himaniiru.
BBC Verify suuraalee saatalaaayitii kaaba-baha biyyttii gabaa Ameet jedhamutti gubaatiin bal'aa adeemsifamuu argeera.
Suuraan naannichaa duraan ka'e akka agarsiisutti iddichi yeroo idilee konkolaattotaan kan ggutame dha.
Viidiyoo iddoo kanatti waraabame jedhamerrattis naannoo gabaatti aarri yeroo ba'u mul'ata. Namni biraan tokko misaayelonni shan dhukaafamuu himeera. Viidiyoon biraan ammoo dhukaasni jabaan lama gamoo naannoo gabaa irraa dhagahamu himeera.
''Gabaan guutummaatti barbadaa'eera. Haleellaan kuni sodaafi goola uummata gidduu facaasaa jira,'' jira jechuun namni gabaa sanaa gurguru Faddalaa Adam Hamuud BBC Arabuffaatti himeera.
Daldalaan biraa tokko naga eegaan UN bara 2011 irraa qabee naannoo Abeetti bobbaafame kan jiru yoo tahu ammallee nagaa eegdonni uffata danbii keewwatan 2,800 otoo jiranii haleellaan kuni raawwachuu isa naasisuu hime.
''Naannoon keenya haleellaa irraa bilisa, UN jalatti kan eegamu tahee otoo jiru dirooniin haleelameera,'' jedhe.
''Haleellaan kuni miidhaa jabaa kan qaqqabsiise yoo tahu lafa gabaa boba'aatti qabate ibidda jabaa uumuun gara manneen naannoo jiranitti tamsa'eera.
Sababa aara naannicha guuteen hojjettoonni yeroo balaa reeffa kaasuuf akkaan rakkataa turan jedhan jiraattonni.
Gareen Hakiimota Daangaa Maleeyyii (MSF) hospitaala Ameet Beekitti namoota haleellaa kanaan miidhaman gargaaraa akka ture himeera.
''Hamma yoonaa warreen akkaan miidhaman dabalatee namoonni 20 fudhachuu himuun tajaajila baqaqsanii hodhuu fi madaa qorsuu kennaa turre,'' jedhan hogganaan garichaa Kiristiyaan Lindoo
Gama biraan haleellaa diroonii dhihoo buufata xiyyaaraa Kaartuumitti Wiixata ganama raawwateen daa'imman sadii dabalatee namoonni afur ajjeefamuu AFP'n gabaaseera.
Kanamalees waraanni Sudaan diroonii RSF magaalattiiti dhukaasu baayyee lafaan dhaheera.
Waraanni biyyattii magaala guddoo Kaartuum RSF irraa fudhachuun booda Kordofaan naannoo warqee fi boba'aan badhaate irratti lolli hammaateera.