Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mormituun mootummaa Ruwaandaa mataan irraa muramee argame
Saajiniin olaanaa duraanii humna waraanaa Ruwaandaa boodarra pireezidantii biyyattii Pool Kaagaamee qeequun beekamu biyya ollaa Yugaandaatti mataan irraa muramee argame.
Roobeert Kaabeeraan nama ganna 50 yoo tahu haleellaa saalaan himatamee akka bahe himamus inni garuu ni haala. Dhiibbaan siyaasaa akka irra gahu himachuun Yugaandaatti koolugaltummaa gaafate.
Dubbiihimaan poolisii Yugaandaa Kituumaa Ruusookee mataan Kaabeeraa irraa murame ammayyuu hin argamne jedhe. Qaamasaa kaan jiraattota magaalaa Kaampaalaa ala jirantu Sambattanirra argate.
Mootummaan Ruwaandaa hamma yoonaa ajjeechaa kanarratti ifatti waan dubbate hin qabu. Qeeqxonni Pool Kaagaamee baayyee biyyaafi biyya hambaatti ajjeefamaniiru.
Haati warraa nama kanaa Jeen dii Ark Riwiigeemaa amma jireenyasheef akka sodaattu ergaa gabaabaan BBCtti himteetti.
''Baayyee nama sodaachisa. Anaafi ijoolleen koo eegumsa hin qabnu,'' jette.
Akka maatiinsaa jedhanitti Kaaberaan otoo hin ajjeefamiin dura lafa ijaarsaa tokko ilaaluuf Kaampaalaa irraa lafa km45 fagaatu deemee ture.
Kaabeeraan weelleedhaan kan maqaa horate yoo tahu Youtube irratti sabiskiraayibaroota 144,000 qaba, viidiyoowwan 800 tahan kan gadhiise yoo tahu baayyeensaa kan Kaagaamee qeequ dha.
Gareen mormituu mootummaa Ruwaandaa Rwanda National Congress (RNC) biyya hambaa jiru ajjeechaansaa sirnaan akka qoratamuufi warri gochaa kana raawwatan seeratti akka dhiyaatan gaafateera.
Paartiin kuni ibsa X irratti baaseen ''Har'a maatiinsaa gaddarra jiru, sagaleensaa badeera, lammiileen Ruwaandaa biyya hambaa jirru gaaffii jabaa dhiyeessina: eessa yoo deemne nageenyi keenya eegama?''
Duuti nama kanaa nageenya mormitoota mootummaa Ruwaandaa biyya alaa jiraatan irratti gaaffii kaaseera.
Bara 2014 hogganaan waajjira tikaa duraanii Ruwaandaa Paatriik Kaargeyaa hundeeffama RNC keessaa shoora qabu Afrikaa Kibbaa, Johaanisbargitti hooteela keessatti du'ee argame.
Paatriika waldhibdee Pireezidant Pool Kaagaamee waliin qabuun al lama to'atamee, ajajamuu diduufi hojiisaa dhiisuun baatii 18f hidhaan adabamuun booda bara 2007 Afrikaa Kibbaatti baqatee mootummaa akkaan qeeqaa ture.
Du'asaan booda haasaan Kaagaameen taasisan qeeqxota kaaniif ergaa akeekkachiisaa ture.
''Namni faallaa Ruwaandaa tahuun shira xaxu, eenyuyyuu haa tahu gatii baasa,'' jedhee ture.
Bara 2019 qondaalotni Afrikaa Kibbaa lammiilee Ruwaandaa lama akka to'atamaniif ajaja baase.