Arsenaal jifataa beekamaa tokkoofi taphataa sarara gidduu haaraa adamsaa jira

Viktoor Osimeen

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Jijjirraa taphattootaa ho'aa jiruun Arsenaal jifataa beekamaa tokkoofi taphataa sarara gidduu Piriimiyeer liigicha keessa jiru adamsaa jira.

Arsenaal jifataan lammii Naayijeeriyaa kilaba Galataasaraay kan ta'e Viktoor Osomeen fudhachuuf marii eegaluun gabaafameera.

Arsenaaliin cinaatti kilabootni Ingiliz biroon lama Maanchister Yunaayitiidiifi Tootenhaam taphataa kana fudhachuuf socho'aa jiru.

Ammatti garee sadanuurraa jijjiirraa Osimeeniif gaaffiin ifatti dhiyaate hin jiru.

Taphataan kun bara dorgommii darbe taphoota 22 irratti hirmaatee goolii 15 galcheera. Kubbaa goolii ta'emmoo jaha mijeessee kenneera.

Arsenaal dabalataan taphataa sarara gidduu Biraayitan kan ganna 21 Jaak Hinshelwuud fudhachuu barbaada.

Arteettaan taphataan sarara duubaarras taphatu kun gareessaatti makamuun garicha akka cimsu amanus Manchister Yunaayitidiifi Maanchister Siitiirraa dorgommiin isa mudateera.

Gama kaaniin Baarseloonaan jijjiirraa taphataa sarara gidduu Siitii Roodrii xumuruuf yeroo sadaffaaf maallaqa sirreessee deebi'aa jira.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Baarseloonaan taphataa lammii Ispeen ganna 30 kanaaf paawundii miliyoona 60 qabatee Etihaaditti deebi'a.

Ammas garuu maallaqichi kan Siitiin Roodiriirraa barbaadurraa paawundii miliyoon 10n xiqqaata.

Biraadilii Baarkoollaa PSG irraa fudhachuuf tattaafachaa kan jiru Liiverpuul jifataasaa lammii Nezerlaandis Koodii Gaakpoo dhabuuf deema.

Totenhaam jijjiirraa taphataa kanaarratti taphaticha waliin waliigalteerra gaheera.

Liigicha keessaa bahuuf fiixeerra gahee morkii guyyaa dhumaan kan oole Totenhaam leenjisaa Robeertoo Dezeerbii jalatti garee cimaa ijaaruutti jira.

Gaakpoon alatti jifataa lammii Biraazil ganna 22 Siitiif taphatu Saaviiniwoo fudhachuuf yaalaa jira.

Arsenaal jifattootasaa lammiilee Biraaziiliif gaaffiin dhiyaachaa jira.

Maartineelii fudhachuuf maallaqni Gaalataasaraay dhiyeesse ni xiqqaate. Ammammoo Naappooliin Gaabreel Jeesuus fudhachuuf marii eegaleera.

Taphattootasaa sarara gidduu hedduu jijjiirraa tibba kanaan kan dhabe Niiwkaasil Yunaayitiid gama isaa taphataa sarara gidduu Biraayitan Kaarloos Baalebaa fudhachuuf tattaafachaa jira.

Taphataan lammii Kameroon kun ji'oota dura gara Maanchister Yunaatiid makamuuf fiixeerra gahee ture.

Jijjiirraansaa paawundii miiliyoona 65 ta'a jedhamee himamaa jira.