Naannoo Amaaraa naannolee filannoo 138 keessaa saddeetitti filannoon hin adeemsifamu

Madda suuraa, National Election Board of Ethiopia
Filannoo waliigalaa Itoophiyaa marsaa torbaffaa Wiixata Caamsaa 24/2018 A.L.I adeemsifamuun Nannoo Amaaraatti naannoo filannoo 138 keessaa saddeet keessatti filannoon akka hin geggeefamne Boordiin Filannoo beeksiseera.
Boordichi dabalataan filannoon biyyaalessaa baranaa Naannoo Tigraayitti naannolee biyyattii kaan waliin filannoon akka hin adeemsifamne beeksiseera.
Boordichi har'a Kibxata Caamsaa 18/2018 A.L.I hojimaataafi guyyaa sagaleen itti kennamu ilaalchisee ibsa baaseen Naannoo Amaaraa fi Tigraayi keessatti walumaagala naannolee filannoo 46 keessatti filannoon akka hin taasifamne himeera.
Walitti qabduun olaantuu Boordii Filannooo Meelaatiwarqi Haayiluu ibsicha irratti Naannoo Amaaraatti naannolee saddeet akkasumas Naannoo Tigraayitti immoo naannolee filannoo 38tti filannoon hin adeemsifamu jedhaniiru.
Naannoo Amaaraa keessatti naannoleen filannoon itti geggeefamen saddeet kibbaafi lixa Goondar, Ambaassal akkasumas Dagaa Daamoot fa'i tahuu ibsaniiru.
Walitti qabduun boordii Wiixata iddoowwan saddeet filannoon hin geggeeffamne kanatti gara fuulduraa filannoon akka geggeeffamu himanillee guyyaa ifa tahe garuu hin beeksisne.
Dabaluunis paartileen jaha filannoo biyyaalessaa marsaa torbaffaa kanaan ala tahuufi paartileen 42 sagalee filattootaa argachuuf akka dorgoman himaniiru.
Paartileen filannoo biyyaalessaa kanaan ala tahan paartilee sadii Tigraayi Simreet, Qaancii Haaqi fi Tinsaa'ee Sabaa Andirtaa tahuu ibsuun kanneen hafan ammoo Paartii Soshaal Demokiraasii Itoophiyaa, Paartii Federaalistii Sidaamaa, Warraaqsa Bilisummaa Uummattoota Gaambeellaa tahuu isaanii himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Melaatiwarqi kaadhimamtoonni 10,400 tahan galmaa'uu beeksisuun paartilee sagal yeroo kaa'ameefin ulaagaa galmeef isaan barbaachisu guutuu waan hin dandeenyeef kaadhimamtoonni 80 fudhatama hin arganne jedhan.
Tahus paartiin Sooshaal Demookiraatiik Itoophiyaa ''kaadhimamtoonni 309 dorgommiin ala tahaniiru,'' jedhaa ture ''akkamiin kaadhimamtoota 80 qofa kuffistan?'' jechuun gaaffiin isaaniif dhiyaatee ture.
Deebii kennaniinis kaadhimamtoonni 80 ulaagaa akka guutaniif yeroo isaaniif kenname keessatti guutuu dhabuu isaaniitiin kufan jedhan.
Kan Paartii Soshaal Demookiraatiik garuu kaadhimamtoota 309 galmaa'anii waraqaa ragaa erga argataniin booda dha murtoo dhaddachaan dorgommiin ala tahan.
Kuni garaagarummaa guddaa qaba jechuun kanneen 80 fi 309 sababiin ittiin filannoo ala tahan gargari jedhaniiru.
Boordiin Filannoo Itoophiyaa taajjabdoota biyya keessaa filannoo marsaa torbaffaa kana taajjaban dabalataan Gamtaa Afrikaafi IGAD irraa taajjabdoonni ni jiraatu.
Boordiin Filannoo bajata dabalataa gaafachuun kan himamaa ture yoo tahu hoggantuun boordichaa hamma tahe isaaniif eeyyamamuu ibsaniiru.
Boordichi dabalataan buufataalee filannoo rakkoo galmeen filattootaa mul'ateetti galmeen akka haqamu taasifamuu beeksisaniiru.
Meelaatiwarqi Haayiluu ibsa baasan irratti ''galmeen yeroo adeemaa turetti eeruu boordicha qaqqabuun boordichi hordoffii taasisaa ture,'' jedhaniiru.
Boordichi iddoowwan galmee filattootaa irratti rakkoon jira jedhametti ragaa viidyoo fi warqaan isaan qaqqabeen galmee haquu beeksisaniiru.
Iddoowwan galmeen itti haqame keessaa Naannoo Amaaraa buufata filannoo Gimjaa Beet, Naannoo Somaalii buufata filannoo Segen, Naannoo Oromiyaa fi Beenshaanguul Gumuz buufataalee filannoo muraasni akka jiranis himaniiru.
Filannoo Wiixata adeemu kanaan filattoonni mana maree naannoleefi bakka bu'oota uummataaf namoonni bakka bu'an ni filatamu.












