Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Laguu waggaa jahattin arguu jalqabe, doktoroonni sababasaa baruu hin dandeenye
Shamarree waggaa 26 kan taate Gaabiin umriishee waggaa jahatti ture marsaa laguushee jalqabaa kan agarte.
Dabalataan rifeensa qaama hormaataa dabalatee mallattooleen dardarummaa irratti mu'achuu kan eegalan umrii daa'imummaa kanatti ture.
Taatee addaa kanaan kan yaadda'an haatishees Gaabii gara dhaabbata fayyaatti geessan.
"Ogeeyyiin kutaa yaala daa'immanii erga na ilaalanii booda dhimmicha qorachuu eegalan. Sababnisaas wanta narratti ta'aa jiru gonkumaa dhagahanii hinbeekan ture" jetti Gaabiin.
Dabaluunis, "Akkamiin yaaluu akka danda'anis hospitaalota biyyattii keessa jiran birootti bilbilanii gaafachaa turan" jechuunis himti jiraattuu Inglaand kan taatee Gaabiin.
Rakkoon fayyaa shamarree tana umrii daa'imummaatti mudate kun taatee yeroo hormoniiwwan saalaa yeroosaanii malee dursanii hojjii eegalanitti uumamudha.
Daa'imni tokko rakkoo kanaaf saaxilameera kan jedhamus dubartiif waggaa saddeet dura, dhiiraaf immoo waggaa sagal dursee yoo uumamedha.
Gama biraatiin lakkoofsi namoota rakkoo kanaaf saaxilamanii biyyaa biyyatti garaagarummaa olaanaa qaba.
Haa ta'u malee taateen kun dhiirota caalaa dubartoota irratti bal'inaan mul'ata.
Haaluma kanaan waggaa waggaan lakkoofsi dubartoota haaraa taateen kun irratti mul'atu dubartoota 10,000 keessaa 0.2 hanga 26 yemmuu ta'u, dhiirota 10,000 keessaammoo dhiirota 0.2 hanga 0.9 ta'an qofarratti.
Daa'imman rakkoo kanaaf saaxilamanis yeroo umriinsaanii dabalutti carraa gosoota kaansarii garagaraafi dhibee onneef saaxilamuu olaanaa ta'e qabu.
'Qofummaa natti dhagahame'
Mallattooleen dardarummaa daa'imummaatti kan irratti mul'ate Gaabiin, haalota yeroo sana turan baay'eesaanii hinyaadattu.
Wanti isheen yaadattu yoo jiraate dhukkubafi jeeqama sammuuti. "Wantin ani yaadadhu yeroo akka malee nadhukkubifi jilbakoo dachaasee cinaachakoon lafarra ciisudha" jetti.
Yeroo waggaa tokko ta'uuf qorannoowwan garagaraa taasisaafi ispeeshaalistoota garagaraan ilaalamaa erga turtee boodas dhimmichi rakkoo fayyaa dardarummaan yeroosaa malee dursee itti dhufu ta'uunsaa bira gahame, yaaliis ni eegalte.
Haaluma kanaan qorichoota hormoniiwwan saalaa akka hin omishamne ittisan fudhachuu eegalte.
"Qorannoowwan garagaraa taasisaa, torbee sadi sadiin immoo lilmoo hormonii ittisu waraannachaa waanan tureef akkan uumama addaa ta'etti natti dhagahame ture" jetti.
Kana malees wayita gara umrii dargaggummaatti dhiyaachaa deemtu biftishee hiriyoota ishee gitaniin yeroo madaalamu guddoo fakkaatti ture.
Qorichi omishafi gadhiifamuu hormonii dardarummaa to'atu kun daa'imman adeemsa guddinaa uumamaa hordofuun akka guddatan taasisa.
Sana boodas wayita umriin daa'ima sanaa naannoo waggaa 11 fi 12 gidduu ta'u qorichicha fudhachuu dhaabuun adeemsi dardarummaa akkuma ijoollee kamittuu eegala.
Dardarummaan akkamiin yeroosaa dursee eegala?
Haalawwan dardarummaan yeroosaa dursee itti eegalu lamatu jiru. Inni jalqabaa ovaariifi cidhaan giddu seentummaa kutaa sammuu keenya hormonii to'atufi haayipotaalamasii jedhamu malee qofaa isaaniitti dursanii hormonoota saalaa gadhiisuu yemmuu eegalan uumama.
Kunis rakkoolee fayyaa kan akka xannacha yookiin dhiitoo ovaarii yookin cidhaan keessaa, rakkoo xannacha adirenaalii akkasumas hormonoota saalaa alaa gara qaamaa seenan irraa madda.
Haalli dardarummaan yeroosaa malee dursee itti eegalu inni biraan immoo wayita qaamni namaa ofumaan dardarummaa dursee itti eegalufi adeemsa keessa guddachaa itti deemudha.
Kunis gosa dardarummaa yeroo malee baay'inaan mul'atu yemmuu ta'u, maalirraa ka'ee akka uumamu hinbeekamu.
Dr. Aanaa Pinheeyiroo Kaantan, Biraazilitti Yunivarsiitii Saa'o Paawuloo keessatti rakkoolee fayyaa hormoniin walqabatan irratti hojjetu.
Isaanis daa'imman umriinsaanii waggaa tokko qofa ta'efi rakkoon fayyaa kun irratti mul'ate arguusaanii himu. Sababni rakkinichi daa'imman akkaan xiqqoo ta'anirratti itti mul'atus madaa kutaa sammuu haayipotaalamasiirratti uumamuun walqabachuu akka hin oolle himu.
Xannachawwan yookiin dhiitoowwan sammuu keessatti uumamanis kanaaf sababa ta'uu akka danda'an himu.
Kana malees haalonni naannoo kan akka tapha, sooratafi naannoon jireenyaa sababoota ta'uu akka danda'anis dubbatu.
"Furdinni akka malee daa'imman irratti mul'atu sababa xiyyeeffannoo itti kennuu qabnudha. Sababnisaas yeroo daa'imni akka malee furdatu dardarummaan ni saffisa" jedhu.
Dabalataan sanyiinis dardarummaa yeroosaa dursee eegalu gama fiduutin qooda akka qabu qorannooleen agarsiisu.
Saaxilamummaa kaansariifi dhibeewwan onnee
Dardarummaan yeroosaa malee dursee dhufe osoo hin wal'aanamin yoo hafe rakkoolee fayyaa sammuufi qaamaa fiduu akka danda'u Dr. Kaantan himu.
"Daa'ima umriinshee reefu waggaa jaha yookin torba ta'e harmishee guddachuu yemmuu eegalu yaadi. Hiriyootafi dubartoota waliin baraturraa adda taati. Kunimmoo baay'ee ulfaataadha" jedhu.
Gama biraatiin daa'imman dardarummaansaanii dursee eegale gabaabbachuu dheerina qaamafis saaxilamoodha.
"Hormoniiwwan saalaa guddina lafee keessatti shoora guddaa qabu. Kanaafuu dardarummaan dursee yoo eegale guddinni lafee saffisaan deemee yeroosaa malee dursee dhaabbata" jedhu Dr. Kaantan.
Gama biraatiin dursee eegaluu dardarummaafi dhibee onnee akkasumas kaansarii harmaafi fiixee gadaamessaa gidduu hidhatni akka jiru qorannooleen namoota baay'ee hirmaachisuun taasifaman agarsiisu.
Haa ta'u malee rakkinicha hatattamaan yaaluun saaxilamummaa dhibeewwan kunnenii hambisuun akka danda'amu Dr. Kaantan himaniiru.
"Yaalii amma kennaa jirru waggoota soddoma yookiin afurtama darbaniif kennaa turre. Yaalii bu'aa qabeessa ta'edha" jedhu.
Gama biraatiin miidiyaalee hawaasaatti fayyadamuun waa'ee rakkoo fayyaa kanaa hubannoo kan uumtu Gaabiin, namoonni rakkinichaaf saaxilaman akka hinqaanofne garagaraa jirti.
"Namoonni baay'een yeroo natti haasa'an yemmuun argu wantan keessa darbe addunyaatti himuunkoo tarkaanfii sirrii ta'uusaa akkan beeku nataasiseera" jechuunis himteerti.