Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Guyyoota dhumaa lamaan Marii Biyyaalessaarratti wanti mudate maali?
Mariin Biyyaalessaa guyyoota 40 ta'aniif gaggeeffamaa tureefi dhimma siyaasaa falmisiisoo hedduu keessummeessaa ture yaadota murtee jajjabaa dabarsuun xumuramaa jira.
Adeemsi dhimma magaalaa Finfinnee ilaalchisee yaadni murtee darbe ijoo dubbii ta'ee ture.
Akka hirmaattuu marii kanaa kan taate gaazexessituu Masarat Dhaabaa BBCtti himtetti, magaalaan Finfinnee magaalaa guddoo naannoo Oromiyaa fi teessoo mootummaa Oromiyaa akka taatu waliigalameera.
Maddeen BBCn eenyummaansaanii ifa akka hin taane gaafatanis yaadni murtee kun darbuu mirkaneessan.
Aadde Masarat Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa akka ta'u yaadni murtoo dhiyaatee irratti waliigalamuus ibsiteetti. Dabalataan afaan hojii magaalaa Finfinnees akka ta'u waliigalamuus BBCtti himteetti.
Ammoo mariin kun dhuma jala kallattii addaa qabachuu maddeen BBCtti himaniiru.
Ofii guyyoota dhumaa lamaan wanti mudate maali?
Walgahii ariifachiisaa Roobii galgalaa
Maddi BBC Amaariffaaf yaada kennan tokko yaa'ichi hanga Roobiitti miira gaariin adeemaa ture jedhan.
Ajandaan Kamisaaf qabamee ture ammoo yaada murtee miseensonni 50 walitti qabuun qopheessan hirmaattotni 4000 akka dhagahan ture.
Kun kanaan osoo jiruu dhimmoota falmiin addaa irratti ka'eef yaada furmaataa akka dhiyeessu ''yaa'iin naannolee'' hundaa'eefi miseensota 230 qabu Roobii galgala tasa walgahii ariifachiisaa waamame.
Dhimmi walgahiin ariifachiisaa kun irratti waamame ifa ta'uu baatus dhimma magaalaa Finfinnee ilaalchisee akka ta'e oduun dhagaahamuus himaniiru.
Kamisa ganama sa'aa afurii kaasee hirmaattotni sa'aatiiwwan itti aanan lamaaf osoo homaa hin dhagahiin muddamaan turanii jedhaniiru.
''Hirmaattoni 4000 garee gareen taa'anii walitti asaasu, waan dhagahan, waan shakkan walitti dubbataa turan'' jedhan maddi tokko.
Yaa'iin hirmaattota 4000 kun barfatee sa'aa jahatti yoo eegalu komishinarootni torba gara waltajjii bahanii ergaa hin eegamne dabarsanii jedhu maddi BBC kun.
''Teessoo magaalaa guddoo mootummaa naannoo Oromiyaa Finfinnee gochuu wajjin walqabatee yaa'iin waliigalteerra waan hin geenyeef bakka buutota Oromiyaarraa komiin dhiyaateera'' jedhamee jedhan.
Aadde Masarat dhimma magaalaa Finfinnee ilaalchisee yaadni murtee jaarsummaadhaan jijjiiramuu yaada akeeku BBCtti himte.
''Duraan akka hin taanetti dhiyaatee boodammoo jaarsummaan akka sirraa'u ta'ee'' jette.
Komishinarrootni yaa'ii Kamisaa sanarratti ''komishinichi dhimmichaaf furmaata kennuuf waan rakkateef kallattiin akka irratti kennamu ajandicha gara kanatti fidneerra jedhanii'' jedha maddi BBC Amaariffaaf yaada kennan.
Achiis pirezidantoota naannoleefi kantiibota magaalaa lamaan teessoo fuulduraarra taa'aniif carraan jalqabaa kennamuu himan.
Dhimmi Finfinnee ajandaawwan marii hirmaattoonni naannoolee garaa garaa irraa dhufan deeggaran akka ture hirmaataa maqaasaa akka hin ibsamne gaafate BBC'f mirkanneesseera.
Fakkeenyaaf, pirezidantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa mataansaanii ''ani Finfinneen qabeenya Oromoo ta'u hin mormu. Garuu yeroo kanatti nageenyi waan hin jirreef rakkoonis kan ka'e sababii Finfinneetiin waan ta'eef, inni kaan haa murtaa'utii ajandaan Finfinnee haa turuu'' yaada jedhu dhiyeessuu isaanii maddi keenya keessoo BBCtti himeera.
Pirezidantiin naannoo Somaalee Obbo Musixaffeen ammoo yaada kana mormuudhaan, ''dhimmi Finfinnee yeroo biraatti dabarfamuu hin qabu'' jechuun murtaa'ee akka golabamu deeggasuusaanii dubbatan maddi keessoo kun.
'Pirezidanti naannoo Amaaraan alatti hundi Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa akka taatu jedhan'
Akka maddii kun jedhanitti, pirezidanti naannoo Amaaraan alatti pirezidantootni naannolee kaanii dabaree dabareen ka'anii Finfinneen magaalaa guddoo naannoo Oromiyaa akka taatu ibsa bal'aa wliin yaada murtee kennan'' jedhaniiru.
Achiis hirmaattoni naannoleerraa dhufan yaada murtee pirezidantootni dhiyeessan deeggaruun yaada kennuu himan.
Hirmaattotni eenyummaa isaanii osoo hin ibsiin yaada kennan kunneen, adeemsi itti yaadni murtee kun kenname adeema marichaan kan hin hoogganamneefi komishinaroota gidduuttis garaagartummaa kan uumedha jedhaniiru.
Wayita Finfinneen magaalaa guddoo naannoo Oromiyaa haaa taatu yaada jedhurratti yaadi deeggarsaa dhiyaatu komishinarri tokko gidduu seenuun yaada dhiyaate tokkicha deeggaruu qofa osoo hin taane filannoo biraas dhiyeessuun akka barbaachisu gaafachuu akka fakkeenyaatti kaasan.
Sana booda pirezidantiin naannoo Amaaraafi itti aanaan isaanii adeemsicha mormuun haasaa gochuu dhageenye.
Akka maddeen kunneen jedhanitti, pirezidantichi haasaa isaaniin ''komishinichi yaada miira garee tokkoo qofa adda baasee dhiyeessuun dogoggora ta'uu, dhimmichi dhimma lammiilee hundaa ta'ee osoo jiruu waldhibdee uummata obbolaa lamaa qofa akka ta'etti dhiyeessuun akka hin barbaachifne, haasaan pirezidantootni dhageessisan kan loogummaan guute ta'uun akka gaddisiisu dubbatan.''
Dhimmichi ammaaf akkasumatti hafee yeroo biraa akka gaaritti irratti mariyatamee akka murtaahu gaafachuus gabaasan.
Dhuma irrattis koreen pirezidantoota naannolee 12, kantiibota magaalaalee lamaanii, jaarsolii biyyaafi ogeeyyiirraa walitti qabame hundaa'ee yaada furmaataa akka dhiyeessu murteehee yaa'iin Kamisaa sun goolabame.
Yaa'ichi xumuramuu dura garuu bakka buutotni gariin yaa'icha dhiisanii bahaniiru. Kaanis gaddaan guutamanii mul'ataniiru jedhan maddeen.
Maddeen BBC Amaariffaa lamaan haalli ture Mariin Biyyaalessaa mootumaadhaan butameera'' jedhanii akka yaadan gochuu himaniiru.
''Ifatti harka micciiruufi olaantummaa siyaasaa qabaachuutu mul'ate'' jedhaniiru.
Adde Masarat Jimaata wayita gareen addaa dhimmicharratti yaada murtee dhumaa Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa akka taatuufi kaanis dabarsuu dura haala ture BBCtti himteetti.
Bakka buutotni naannoo Amaaraa muraasni yeroof mufatanii walgahii keessaa bahanii turan. Ergasiimmoo deebi'anii seenanii yaadicha walumaan mirkaneessinee baane.''
Bakka buutotni naannichaa wayita walgahii gatanii bahan pireezidantii naannoo Amaaraa waliin bakkeetti mariyatanii akka deebi''anis himte.