Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Waan Arjantiinaatti ta'e ammallee xiinxalaan jira'- Yoomiif rikardii addunyaa qabate
Atileet Yoomiif Qajeelchaa fiigicha walakkaa maraatoonii magaalaa guddoo Arjantiinaa, Boonas Ayirasitti gaggeeffame daqiiqaa 56 fi sekondii 51n xumuruun rikardii addunyaa qabate.
Yoomiif rikardii dorgommii kanaa kan qabate, kan kan kanaan dura Atileetii biyya Yugaandaa Jaakoob Kipliimoon qabamee ture sekondii 29n fooyyessuudhaani.
Atileetiin umrii waggaa 29 Yoomiif Qajeelchaa Onkoloolessa 2024 Vaalenshiyaatti dorgommii kanaan daqiiqaa 57 fi sekondii 30n xumuruun rikardii qabatee ture.
Haata'u malee Bitootessa darbe dorgommii Liizbanitti gaggeeffameen atileetiin Yugaandaa daqiiqaa 57 fi sekondii 20n xumuruun rikardii qabatee ture.
Yoomiif amma rikardii qabame kana sekondii 29n fooyyessuun rikardii harkatti kan deebifate yoo ta'u, garuu rikardiin kun qaama olaanaa atileetiksii addunyaa bulchuun fudhatama argatee mirkanaa'uu qaba.
Fakkeenyaaf Jaakoob Kipliimoo bara darbe Baarseloonaatti dorgommii gaggeeffame daqiiqaa 56 fi sekondii 42n xumuree ture, garuu akkaataan dorgommichaa haalduree fi qajeeltoo Atileetiksii Addunyaan waan wal hin simneef rikardii addunyaa jedhamee hin galmoofne.
Fiigicha meetira kuma 10n injifataa meedaaliyaa birrii kan ta'e Yoomiif, fiigicha daandiirraa meetira kuma 10 kan dhiirotaan rikardii qabatee jira.
Dorgommii maraatoonii bara kana Landanitti dorgomameen ammoo lammaffaa ba'uun addunyaarratti atileetii lammaffaa sa'atii lamaa gadiin xumure ta'eera.
Dorgommii sana atileetii Keeniyaa Sabaastiyaan Saawee jedhamutu tokkoffaan xumure, seenaa keessatti atileetii dorgommii maraatoonii sa'atii lamaa gadiin xumure ta'uun rikardii addunyaa qabate.
Atileet Yoomiif Qajeelchaa injifannoosaa kana barreeffama gabaabduu, garuu miira addaa mul'isuun miidiyaa hawaasummaasaarratti ibseera.
''Waan maraatoonii Boonas Ayiras irratti mudate ammallee sammuun koo deddeebisee xiinxalaa jira. Taateewwan mudatan yaadachuun deebii kannaa jira. Hamilee daandiiwwan irra ture, deeggartoota ajaayibaa Arjantiinaa, tola-ooltota, fi dhaabbatichi guutummaatti tarkaanfiin koo hundi akka hin dagatamne taasisaniiru,'' jechuun Facebook isaarratti barreesse.
Milkaa'ina kanaafis Waaqa, maatii, leenjisaa fi ogeeyyii fayyaa isaa galateeffateera.
Dorgommii fiigicha walakkaa maraatoonii kana kan dubartootaanis atileetii Itoophiyaa Fotiin Tasfaay jedhamtutu injifatte.
Atileet Fotiin Tasfaay dorgommii kana 1:03:57n xumurte.
Dhiirotaan Yoomiif Qajeelchaa rikardii cabsuun alatti atileetonni Itoophiyaa Taaddesee Worquu fi Bereket Naggaa lammaffaa fi sadaffaan xumuraniiru.