Dorgommii calallii Waancaa Afrikaatti kan darbite Ertiraan taphattoonnishee harki caalu osoo hin deebiyiin hafan

Madda suuraa, ENFF
Tapha calallii duraa Waancaa Afrikaa irratti Iswaatiinii qabxii waliigalaan 4 fi 1'n mo'atee waggaa 18 booda Ertiraan gara dorgommii calallii ramaddii Waancaa Afrikaatti akka deebitu taphattoota taasisan keessaa torba gara biyyasaanii, Ertiraatti hin deebiyiin hafuumaddeen BBCf mirkaneessan.
Miseensota garee biyyaalessaa Ertiraa taphoota calallii duraa marsaa lamarratti hirmaatan keessaa taphattoonni kudhan biyya keessaa kan filataman yoo ta'u, kanneen hafan 14 ta'an ammoo Ertiraanota baargama jiraatandha.
Taphattoota biyya keessaa filataman kudhan keessaa dorgommichaan booda torba kan ta'an akka gara biyyasaaniitti hin deebiin hafan maddeen BBCtti himan, taphni dhaqaa galaa lamaanuu biyya Ertiraan alatti gaggeeffamuu ibsaniiru.
Gareen biyyaalessaa kubbaa miilaa Ertiraa waggoota 18 booda gara ramaddii calallii Waancaa Afrikaatti taphoota marsaa lamaan biyya Afrikaa Kibbaatti argamtu Iswaatiinii (duraan Siwiiziilaand) jedhamtu waliin dorgomuun taphoot lamaaniiniyyu mo'achuu danda'eera.
Gareen biyyaalessaa Ertiraa tapha marsaa duraa deeggartoota isaa fuulduratti biyya keessatti magaalaa guddoo biyyattii Asmaraatti taphachuun kan irra ture ta'us, taphni kun garuu biyya sadaffaa keessatti kan gaggeeffame ture.
Sababa gareen kun Asmaraatti hin taphatiin hafeef wanti ifa ta'e ibsamuu baatus, istaadiyeemonni Ertiraa keessatti argaman sadarkaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaatiin gadi ta'uu isaanii akka ta'e garuu himamaa tureera.
Miseensota garee biyyaalessaa Ertiraa maqaa Gaalota Galaana Diimaa jedhamuun beekaman keessaa harki caalan gara biyyasaaniitti hin deebine.
Taphattoota kudhan keessaa sadii isaanis: Amballii kilabichaa kan ta'e Abileloom Tekilegzii, taphataa sarara gidduu kan ta'e Henook Taaddasaa fi Roomel Abduu qofti biyyatti deebiyuu isaanii BBC'n mirkaneeffachuu danda'eera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphattoota Afrikaa Kibbaatti akka hafan himamu keessaa tokko taphataa buleessa sarara cinaa Roobel Redii, Weddeb Fissahaayyee, akkasumas karra eergaa garee kubbaa miilaa Dandan kan ta'e Kibiroom Salamoon keessatti argamu.
Roobel Redii taphoota gareen isaa Iswaatiinii waliin taasiseen, keessumaa yeroo tapha lammaffaa gaggeessan gooliiwwan Alii Soleemaan lamaan galcherratti gargaareera.
Waa'ee taphattoota torba biyyatti osoo hin deebiyiin hafanii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ertiraa irraa ykn sabaa-himaalee Ertiraa irraa odeeffannoon kamiyyu hin kennamne.
BBCn dhimmicharratti Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ertiraatiif gaaffii dhiyeessullee deebii hin arganne.
Garee biyyaalessaa waliin kan imale itti gaafatamaan dubbi-himaan Komishinii Ispoortiifi Aadaa Ertiraa Diraar Fissahaayyee guyyoota afur dura fuula Feesbuukii isaarratti gareen kun imbaasii Ertiraa Kaayiroo jiruu fi hawaasa Ertiraa Masirii jiruun simannaan ho'aa taasifameeraaf jedhee ture.
Haata'u malee, suuraawwan fi viidiyoowwan itti gaafatamaan dubbi-himaan kun qoodan keessatti taphattoonni lama mul'atan Henook fi Roomeel qofadha.
Ministeerri Beeksisaa Ertiraa fuula marsariitii isaarratti waa'ee taphattoota garee kubbaa miilaa gara biyyasaaniitti hin deebiyiin hafanii waan jedhe hin qabu.
Ertiraatti atileetonnii fi taphattoonni mo'atanii gara biyya isaaniitti yeroo deebiyan bakka ummatichi argamutti simannaa taasisuun baratamaadha.
BBCn maddeen Asmaraatti argaman dubbisee akka mirkaneeffatetti, sababa miseensonni garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Ertiraa harki caalan biyyatti osoo hin debeiyiin hafaniin simannaan kun hin taasifamneef.
Taphattoota garee biyyaalessaa obboleettii tokkoo kan taate obboleessishee yeroo ammaa kana Afrikaa Kibbaatti akka argamu BBCf mirkaneessiteetti.
Taphattoonni kubbaa miilaa Ertiraa bakka dorgommiif deemanitti osoo hin deebiyiin hafuun taatee hin baratamne miti.
Kanaan duras taphattoonni dorgommii gara garaatiif gara biyyoota gara garaa deeman achumaan hafaniiru.
Ertiraan waggoota saddetiif FIFA irraa, waggoota 18'f ammoo calallii dorgommii Waancaa Afrikaa keessaa baatee turteetti.
Gabatee sadarkaa biyyootaa FIFA irratti sadarkaa 184ffaa irratti kan argamtu Ertiraan, waggoota ja'an darban keessa taphoota muraasa qofa taasifte.
Ertiraan garee biyyaalessaashee jabeessuuf leenjisaa lammii Masirii gara garee kanaatti kan fidde yeroo dhiyoo ture.
Dorgomii calallii Waancaa Afrikaa biyyoonni Afrikaa waloon gaggeessan gareen biyyaalessaa Ertiraa taphattoota harka caalan dhabuu isaatiin dorgommii kana itti fufuuf danda'uun isaa gara fuula duraatti kan ilaalamu ta'a.







![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)







