Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afrikaa Kibbaatti namichi mormii farra godaantotaa dursaa ture ajjeefamuu fi yaaddoo uume
Afrikaa kibbaatti namoota sochii farra godaantotaa dursaa jiran keessaa tokko kan ta'e Andiilee Somigaadaa haala hin beekamneen ajjeefamuun sochii kana daran hammeessuu mala yaaddoo jedhu uumeera.
Godaantota seeraan ala jedhaman Afrikaa Kibbaa keessaa akka bahan ji'oota darban sochii taasifamaa turan keessa garee 'March and March' jedhamu warra gaggeessan keessaa tokko ture Somigaadaan.
Sochii farra godaantotaa bakka Gawunteeng jedhamutti dursaa kan ture namni kuni, torban darbe naannoo mana jireenya isaatti rasaasaan ajjeefame.
Erga rasaasaan rukutamee guyyootaaf hospitaalatti yaala argachaa erga tureen booda kan lubbuunsaa darbe.
Ajjeechaa Andiilee Somigaadaa booda sochii farra godaantotaa Afrikaa Kibbaa kana kan dursu 'March and March' ajjeechaan kuni itti yaadamee kan raawwatame ta'uu ibsuun, miseensotasaa kaanis doorsisni ajjeechaa qaqqabaa jiraachuu eere.
Ta'ulleen ajjeechaa kanarratti poolisii irraa hanga ammaa wanti ibsame Hin jiru.
Sochichi gamasaatiin ajjeechaa gaggeessaa isaatti gadduu fi sochiin farra godaantotaa guutuu Afrikaa Kibbaatti cimee akka itti fufu hime.
"Haalli kuni kutaa hawaasaa keesatti yaaddoo hin barbaachisne waan uumu, qaamoleen nageenyaa gadi fageenyaan akka qoratan gaafanna" jedhe.
Biyyattii hundatti keessumaa kutaa Gaawunteeng kan godanatonni seera qabeessa hin taane itti baayyatu keessatti hiriirii mormii daran cimee akka itti fufus dhaadateera.
Kuni ammoo godanatota sochii amma duraatiinuu yaaddoo keessa turanitti yaaddoo dabalataa uumeera.
Yeroo dhihoo asitti Afrikaa kibbaa keessatti sochii farra godanatotaa fi haleelaawwan kanaan walqabatee uumameen yaaddoon dabalaa dhufeera.
Godaantotni seera qabeessa hin taane hanga Waxabajjii dhumaatti biyyattii gadhiisanii akka bahaniif daangaa yeroo kaa'ame deeggaruun lammiileen Afrikaa kibbaa hedduun hiriira bahaa turan.
Hogganaan farra godaantotaa ajjeefamuun miseensotasaatti dallansuu kan uume yoo ta'u, hoggantoonni Afrikaa Kibbaas ajjeechaa kana qorachaa jiraachuu himan.
poolisiin Afrikaa Kibbaa ibsa Kibxata darbe baaseen, Ajjeechaa Andiilee Soomigaadaa qorachuuf garee qorannoo hundeesseera.
Sochii farra Godaantotaa Afrikaa Kibbaa keessatti Adeemsifamu dursaa kan jiru 'March and March' Mootummaan godaantotarratti tarkaanfii akka fudhatu dhiibbaa uumaa jiru.
Gaaffiin isaanii hanga deebii argatuttis torbee torbeen hiriira mormii bahuu akka itti fufan himan.
Gareen kuni godaantotaarratti haleellaa raawwatu jechuun kan himataman yoo ta'u, lammiilee Itoophiyaa dabalatee godaantotni hedduun ajjeefamaniiru.
Sochiin kuni godaantota biyyoota Afrikaa adda addaa irraa dhufan dhaabuuf Mootummaan Afrikaa Kibbaa tarkaanfii cimaa ta'e akka fudhatu gaafata.
Mootummaan ammoo haleellaa fi doorsisa lammiilee alaa irra gahu jabeessee morma.
Gareen farra godanatotaa godaantonni biyyattii keessaa akka bahan dhiibbaa uumaa jiru.
Kibxata darbe miseensonni garee kanaa too'attoota immigireeshinii of fakkeessuun lammiileen alaa Afrikaa Kibbaa keessaa akka bahan osoo dorsiisanii poolisiin too'ataman.
lammiileen alaa sanada seera qabeessa malee Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan tajaajila uummataa irratti dhiibbaa uumaniiruu fi Hoji dhabdummaan biyyattii keesaaa yakka hammeesseera himata jedhu dhiheessu.
Akka mormitoonni tokko tokko jedhanitti lakkoofsa hoji dhabdootaa harka 30 hanga 40 ta'u akkasumas hospitaalota, manneen barnootaa fi tajaajila uummataa irratti dhiibbaa uumameef godaantota kana sababa godhu.
Afrikaa Kibbaatti dippiloomaatiin Naayijeeriyaa Okeey Uchee, " godaantonni Afrikaa Kibbaa keessa jiran harka dhibba keessaa harka saddeet hin caalan " jechuun rakkoo biyyattii keessatti uumame maraaf godaantota sababa gochuun sirrii miti jedhu.
Sochii farra godaantotaa Afrikaa Kibbaa keessatti hammaachaa dhufe hordofuun biyyootni hedduun lammiileesaanii achii baasaa jiru.
Torbeewwan darban keessa Yugaandaan, Keeniyaan, Naayijeeriyaan, Gaanaa fi Moozaambik yaaddoo nageenyaa kana hordofuun lammiileesaanii waggootaaf biyyattii keessa jiraachaa turan kumaatama gara biyya isaaniitti fudhataniiru.
Dhiibbaa jala kan bu'e mootummaan Afrikaa Kibbaa duula qabiinsa godaantotaa fooyyessuuf lammiilee alaa kuma 53 biyyattiidhaa baasuufii akka bahan gochuun ibsameera.
Godaantonni kunneen biyyoota akka Maalaawwii, Zimbaabuwee fi Moozaambik irraa ta'uunis beekameera.
Afrikaa Kibbaatti torbeewaniif hiriirri farra godaantotaa erga adeemsifamee fi saamichaa fi doorsisni gahaa dhufuun lammiilee alaa seera qabeessaan achi jiraatan irrattis duulli guddaan adeemaa jira.